Itoophiyaatti nagaan akka bu'u dhiibbaa gochuuf US ergamaa addaashee erguufi

Maxxanfame

Gaanfa Afrikaatti ergamaa Addaa US kan ta'an Mayik Hamar Itophiyaa dabalatee biyyoota sadi daawwachuufi.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa har'a baaseen Ambasaaddar Maayik Hamar biyyoota sadii: Itoophiyaa, Jibuutifi Kaatar daawwachuuf akka jiran beeksise.

Maayik Haamer erga Kongireensii UStti, Miseensota Koree Dhaabbii Hariiroo Alaaf, waa'ee imaammata biyyi isaanii Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa irratti hordofuu qabduu fi haala siyaasa qaxanichaa irratti ibsa kennanii torbanota booda daawwannaa kanaaf qajeelan.

Maricha irratti Maayik Haamer marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti jalqaban hanga bu'aa gaarii argamsiisutti hin dhaabnu, deeggarsa barbaachisu ni goona jedhan.

Marichaan yeroo gabaabaatti bu'aa barbaachisu irra gahuun ''ulfaataa'' ture kan jedhan Haamer waraanaan osoo hin taane wal dhabdichi furamuu kan qabu mariin tahuu ejjennoo Ameerikaa mootummaa Itoophiyaatti himneerra jedhan.

Imala gara Gaanfa Afrikaatti taasisan kanaan walii galteen nagaa Piritooriyaa sirnaan hojiitti akka hiikamuufi haqni yeroo cehuumsaa akka barbaadamuufi itti gaafatamummaan akka jiraatuuf Itoopiyaa wajjin ni mariyatu.

Akkasumas walitti bu'iinsi naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru karaa marii nagaan akka furamuufi qaamoleen hunduu nageenya lammiilee nagaa akka eegan, haasaa jibbiinsaarraa akka of-qusataniifi mirga namoomaa akka kabajaniif dhiibbaa waamicha ni taasisu jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa US kuni.

Ambasaaddar Maayik Hamar Mudde 7-17 guyyoota kudhaniif kan turan yoo ta'u Jibuutitti Kora IGAD irratti ni hirmaatus jedha ibsichi.

Korrri IGAD kan gaggeessitoonni biyyoota miseensota ta'anii irratti hirmaatan yoo ta'u, dhimma waraana Sudaanitti gaggeeffamaa jiruurratti mariyata jedhame.

Waraana Sudaanitti gageeffamu furuuf akkasumas deeggarsi namoomaa danqaa malee akka qaqqabuufi kanneen sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisan irratti itti gaafatamuummaan akka jiraatu gochuuf tattaaffii addunyaanifi naannichi taasisaniif ergamaan addaa kun deeggarsa ni taasisu jedhe ibsichi.

Daawwannaa Kaataaritti taasisaniin ammoo Fooramii Dohaarratti hirmaachun alatti akkaataa itti Sudaanifi Gaanfa Afrikaatti nageenyi waaraan dhufurratti qondaalota Kataarifi naannichaa waliin ni mariyatu.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Ambasaaddar Maayik Haamar walii galtee nagaa mootummaan Itoophiyaafi TPLF Piritooriyaatti waliif mallatteessan irratti mootumma Ameerikaa bakka bu'uun hirmaatanii turan.

Marii nagaa mootummaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo Tanzaaniyaa Daresalaamitti gaggeessan irrattis kallattiin hirmaatanii turan.

Marii kana ilaalchisee Sadaasa 30, 2023 Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa Koongireesii UStti dhiyaachun gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin, mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO ''ulfaataa waan tureef ... bu'aa barbaannu yeroo gabaabaa keessatti fiduuf ulfaataa ta'eera'' jedhanii ture.

Maayik Hamar ''dhibdee jiruuf waraanni furmaata akka hin taane'' hubachiisuun ji'ootaaf dhiibbaa gochaa erga turanii booda qaamoleen lamaan gara marii Taanzaaniyaatti dhufuus dubbatanii furmaanni karaa nagaa hanga argamutti kutannoo qabanis ibsanii turan.

Dabalataanis, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mudate furuuf tarkaanfii waraanaa fudhchuun furmaata akka hin taanee fi mootummaan karaa marii nagaa furuu akka qabu ejjennoo Ameerikaa tahuu mootummaa Itoophiyaaf ibsuu isaanii Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa Koongireesii UStti himanii tura.

Ministerri Dimma Alaa Ameerikaa ibsa kaleessa, Mudde 7, baasen Maayik Hamar gara Itoophiyaa akka deemaniifi walii galteen Piritooriyaa akkaataa itti guutummaan hojiirra oolu dabalatee rakkoon nageenyaa nannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru karaa nagaan akka furamuufi mirgi namaa akka hin sarbamneef mootummaa Itoophiyaa waliin akka mariyatan beeksise.