Tilmaama taphoota Piriimiyerliigii Ingiliiz Arsenal, Liiverpool, Cheelsiifi kanneen biroo

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Maanchistar Siitiin taphoota Piriimiyerliigii Ingiliiz shanan darban irratti hin mo'amne.

Sambata Cheelsii keessummeessuun, Arsenaal, Niwukaastil fi Liivarpuul waliin walitti aansuun ni taphata.

''Haala dhugaa Siitii baruuf jirra,'' jedhan xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saataan.

"Taphoota sasalphaa taphachaa turanis, taphoota itti aanan kunneen bara dorgommii kana murteessu."

Yoo tapha mo'anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaaf qaqqaban ammoo sagantaa tapha isaanii ji'a dhufu daran rakkisaa taasisa,'' jedhe Saatan.

Taphoota Piriimiyerliigii Ingiliiz Maanchistar Siitiin Cheelsii waliin taasisu dabalatee, kanneen biroo irrattillee Saataan akka armaan gadiitti tilmaameera.

Sanbata

Bowurnimaawuz vs Nottingham Foorest

Taphni kun tapha kilabootni ga'uumsa gaarii agarsiisaa jiran lamaan wal falmataniidha.

Barnimaawuz torbee darbe tapha Niwukaastil waliin ga'uumsa gaarii agarsiisuun injifateera.

Tapha kanaanis carraan wal qixaa xumuramuu guddaan jiraatuus garuu talmaama injifannoo koo Bowurnimaawuziif kenna.

Tilmaama: 2 – 1

Biraayitan vs Evartan

Gareen ittisaa Evartan laafaa ta'us Tootinaam 3 fi 2'n injifachuu danda'eera. Ammas garee Deevid Mooyes tilmaamuun nama rakkisa.

Biraayitanis dirreen alaatti Maanchistar Yunaayitid yoo injifatus garee kana tilmaamuun salphaa miti.

Evertan tapha kana irraa qabxii argachuuf ciminaan hojjechuu qaba.

Tapha Evertan Tootinaam waliin taasisaniin goolii sadii lakkoofsisun injafatullee dandeettii kubbaa fi goolii wal argachiisuu irratti qaawatu jira.

Tilmaama: 2 – 0

Liverpool vs Ipsiwiich

Taphni kun tapha gareen Ipswich imala yeroo dheeraa booda mo'amuun itti deebi'an ta'a. Liivarpuul goolii galchuu irratti rakkina qabaatee utuu hin taane dorgommii adda addaa irratti hirmaachuu isaan dadhabuu danda'a.

Tilmaama: 3 – 0

Saawuzaampitan vs Niwukaastil

Niwukaastil torbee darbe Bowarnimaawuz waliin 4 fi 1'n injifatamuu isaa hordofee dorgommii cimaa Liivarpuul waliin ni taasisa jedhamee eeggame qabbanaa'eera.

Gareen kun gara injifannootti deebi'uuf carraa gaarii qaba ture.

Maanchistar Yunaayitid fi Nootinghaam waliin akka gaariitti dorgomuu kan danda'e Saawuzhaampitan garuu mo'amuu irraa of oolchuu hin dandeenye.

Xiyyeeffannaan garee kanaa gadi bu'uu qofaa utuu hin taane, garee qabxii gadi aanaan gadi bu'e ta'uun seenaa galmeessuu dhiisuudha.

Seenaa kana akka hin galmeessineef taphoota 16 itti aanan irraa qabxii 11 argachuu qaba.

Tilmaama: 0 – 2

Wolves vs Arsenaal

Leenjisaan Wolves Vitor Pareera torbee darbe Cheelsiin erga mo'amanii booda ga'umsa taphataa sarara fuulduraa Maatiyaas Kuunaa agarsiise irratti gammadaa akka hin taane ibseera.

Taphataan sarara fuulduraa bara kana goolii hedduu lakkoofsise kun qeeqa kanaan kaka'uu ykn ammoo mogoleen bu'uu danda'a

Arsenaal humna isaanii guddisuuf dirree shaakalaatti muuziqaa saambaa Biraazil taphachaa akka turan leenjisaan isaanii Miikeel Arteetaan ibsaniiru.

Leenjisaan kun yaada haaraa yaalaa jira.

Gareen kun torbee darbe 2 fi 0'n dursaa osoo jiruu Aston Viilaa waliin qabxii qooddachuuf dirqame. Tapha kanarratti garuu gara injifannootti deebi'a jedheen tilmaama.

Tilmaama: 0 – 2

Maanchistar Siitii vs Cheelsii

Siitiin liigii kanaan qabxii sadii walitti aansuun walitti qabuuf yaalaa jiraatus, Chaampiyoonsi Liigii Awrooppaatiin PSG'n mo'amuun isaanii garuu qaawwi isaan mudateera.

Lakkoofsi taphattoota Siitiin mallatteessisaa jiru hanqina taphattootaa Peep Gaardiyoolaan qaba jedhuuf agarsiiftuu ta'uu danda'a.

Siitiin Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaan dhiphina keessa galuu qofaa utuu hin taane, taphoota pirimerliigii keessatte garee ciciimootu wal duraa duuban isa eeggata.

Tapha kanaa irratti Kool Paalmar fi leenjisaan Enzoo Maareaskaa garicha gumaacha cimaa taasisuuf gara dirree galu

Taphi kun garee hanga afuriitti xumuruuf taasifamu keessatti dorgommii murteessaa fi dhiibbaa guddaa geessisu ta'a.

Tilmaama: 2 – 1

Dilbata

Kiristaal Paalaas vs Bireentfoordi

Kiristaal Paalaas taphoota shanan darban keessaa sadii injifachuun lama qixa ba'eera.

Ga'uumsa irra jiraniin yoo ilaallemmoo, taphi Bireentfoordi torbee darbe Liivarpuul waliin taasisan irratti ga'uumsa dinqisiisaa agarsiisaniiru.

Tapha kana irratti goolii galchuunjiraatullee wal injifachuun waan danda;'amu hin fakkaatu.

Tilmaama: 1 – 1

Tootinaam vs Leestar siitii

Tootinaam taphoota liigichaa 6 irraa qabxii tokko qofa kan fudhate yoo ta'u, garuu Leesteer caalaa haala gaarii irratti argama

Leenjisaa Ange Postekogluuf dhiibbaa keessa jiru. Tapha kana yoo mo'amaninumaaa dhiibbaan ni dabala.

Jalqaba bara kanaa irratti gareewwan lamaan tapha tokko qixa ba'anis, Tootinaam tapha kana ni injifata jedheen yaada.

Tilmaama: 4 – 1

AstonViilaa vs Weestihaam

Astoon Viilaan bara dorgommii kana sadarkaa gaariidha jedhamuun dabarsaa hin jiru.

Wayita garichi Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa irratti Moonaakoo waliin taphate Joon Duraan fi Ollii Waatkinsi qindoomina akka uuman yaaliin godhame bu'aa hin argamsiifne.

Taphattoonni lamaan karaa garee kanaaf waliin bu'a qabeessa ta'uu danda'anirratti taphachuu qabu.

Yeroon kun Viilaaf yeroo murteessaa bara kanaa waan ta'eef Weestihaam injifachuu danda'a.

Tilmaama: 2 – 1

Fulhaam vs Maanchistar Yunaayitid

Leenjisaan Ruuben Amorim yaada gareen isaa gareewwan Maanchistar Yunaayitid kanaan duraa turan keessaa ''tarii garee dadhabaa ta'uu hin oolu'' jechuun dubbatan yaada sirrii akka hi taane ibsaniiru.

Fuulhaam yeroo gara fuulduraatti deemu Maanchistar Yunaayitid caalaa socho'ii cimaa taasisuu akka danda'an agarsiisaniiru.

Garuu taphni gosa kanaa Yunaayitidiif akka mijatu yeroo yeroon argineerra.

Ta'us garuu Yunaayitid isa kam ilaalaa akka dandeenyu tilmaamuun nama rakkisa.

Tilmaama: 2 – 1