Dhalataan Itoophiyaa miseensa mana-maree magaalaa US ta'uun filaman eenyu?

Dhalataan Itoophiyaa Obbo Amsaaluu Tsaggaayee kaadhimamaa paartii Rippablikaanaadha

Madda suuraa, Amsalu Kassaw

Ibsa waa'ee suuraa, Dhalataan Itoophiyaa Obbo Amsaaluu Tsaggaayee kaadhimamaa paartii Rippablikaanaadha
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhalataan Itoophiyaa biyya Ameerikaa bulchiinsa Koloraadootti filannoo miseensa mana-maree magaalaa Awurooraa ta'uun injifatan.

Namni maqaan isaanii Obbo Amsaaluu Tsaggaayee jedhaman lammummaa Ameerikaa qabu.

Filatamuu isaaniin bulchiinsa Koloraadootti dhalataa Itoophiyaa jalqabaa, akkasumas baqataa Afrikaa jalqabaa miseensa mana-maree ta'aniiru.

Filannoon torban kanaa Obbo Piroo Tam Dastan jedhamaniifi osoo waggaa afur qaban hin xumuriin gadhiisan bakka buusuuf kan taasifamedha.

Akkaatuma kanaan dhalataan Itoophiyaa ''cichoomina, deeggarsa hawaasaafi abdiin'' sosso'aa turuu himan waggaa tokkoof tajaajilu.

Manni maree magaalaa Awuroraa dorgomtoota 37 keessaa sadan isaanii dorgommii xumuraaf dhiheesse.

Sadan keessaa tokko kan ta'an Obbo Asfaaw, mana mareetti dhihaachuun gaaffiifi deebii taasisaniiru.

Gaaffiifi deebiin ala hawaasa magaalattiirraa yaada garagaraa simachuufi adeemsawwan kaan baatii lama fudhataniiru.

Abbaan injifate kan baramees miseensonni mana maree magaalattii sagalee erga kennan boodadha.

Miseensota mana maree magaalattii 10 keessaa jaha deeggarsa kennaniin Obbo Amsaaluun mo'achuu barruun 'The Denver Gazette' gabaaseera.

Obbo Amsaaluun turtii BBC waliin taasisaniin, waggaa tokkoof erga tajaajilan booda filannoo dhufuurratti akka dorgoman himan.

Obbo Amsaaluun kan dhalatan magaalaa Baahir Daaridha. Waggoota 17'f Koloraadoo jiraataniiru.

Bulchiinsa Koloraadoo Ameerikaa argamtu keessatti lammiileefi dhalattoonni Itoophiyaa 40,000 ol akka jiraatan tilmaamama.

Abbaan ijoollee sadii kuni Afaan Ispeen dabalatee afaanota afur dubbatu. Kunis, magaalaa namoonni afaan Ispeen dubbatan jiranitti duula gaggeessanii injifachuuf isaan gargaareera.

''[Ani]Magaalaa guddoo kana keessatti baqataa sirna ho'aan simatamedha. Ispaanish dabalatee afaan afur nan dubbadha.''

'Awurooraan anaaf magaalaarras ni caalti'

Ijoolleen isaanii sadan 'Awurooraatti dhalatan. Awurooraan magaalaa guddinaan Koloraadoo keessaa sadarkaa sadaffaarratti argamtu.

Namoonni biyyoota adda addaa garas dhaqan keessaa jiraatu.

Bara 2007 keessa koolu-galtummaa siyaasaa gaafadheen Awurooraa dhufe jedhan.

''Kanaaf Awurooraan anaaf magaalaarraa ni caalti. Magaalittiin bakka namoonni bakka garaa garaatii dhufan waliin keessa jiraataniti,'' jedhu Obbo Amsaaluun.

Obbo Amsaaluun hojii tola-ooltummaarrattis ni hirmaatu.

Ijoolleen isaanii sadanuu magaalaa Awurooraatti dhalatan

Madda suuraa, Amsalu Kassaw

Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen isaanii sadanuu magaalaa Awurooraatti dhalatan

Akka bakka bu'aa hawaasaatti hojii "hubannoo uumuu, muuxannoo qooduu, odeeffannoo fi aadaa walbarsiisuu, nama rakkate deeggaruurrattis" akka hojjatan ibsan.

''Waggoota 17 darbaniif Awurooraa keessan jiraadhe.

''Waggaa waggaan ijoollee koo wajjiin Ayyaana Qilleerratti nyaata waliin nyaanna. Haala kanaan ijoollee keenya barsiisna.

"Kaayyoon koo walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu fi namootaaf carraa hojii uumuudha," jedhan.

Kanaan dura koree gorsaa miseensa Kongirasii Maayik Koofmaan keessatti tajaajilaniiru.

Maayik Koofmaan bara 2019 irraa eegalee kantiibaa magaalaa Awurooraa ta'uun hojjechaa jiru.

Obbo Amsaaluun magaalaa Awurooraa fi Adaamaa gidduu hariiroon akka jiraatu hojjataniiru.

Bara 2024 badhaasa tola-ooltota hojii hawaasummaa magaalaa Awurooraatti hojjataniif kennamu injifatan.

Bara 2023 Mana maree Ameerikaa keessatti waa'ee Itoophiyaa ibsa laachuun beekamtii argataniiru.

Daaqonii ta'uu hanga miseensa mana maree US'f filamuutti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Ijoollummaa kiyyaan Bataskaanattiin guddadhe,'' kan jedhan Obbo Amsaaluun, yeroo Baahirdaar turan Diyaaqonii akka turan himu.

Ameerikaattis ce'anii Bataskaana Qul./Maariyaam keessatti tajaajilu.

Bataskaanatti tajaajiluun ala yeroo ammaa miseensa mana maree magaalaa namoota 11 qabu keessaa tokko ta'aniiru.

Namoota 11 miseensa ta'an keessaa tokko kantiibaa yoo ta'an namoonni kudhan hafanimmoo jiraattota magaalattiin filatamu.

Manni maree kuni murteewwan tajaajila ummataa, dhiheessii mana jireenyaa, daldala, geejjiba, nageenyaafi dhimmoonni bulchiinsaa kaan irratti murteessa.

Caasaa magaalattii keessatti manni maree bulchaatti aanee aangoo olaanaa kan qabudha.

Namoonni siyaasaa baay'ee itti -gaafatama kanneenirraa ka'un hanga Miseensa Kongirasii gahuutti sosso'u jedhu.

Gabaasa 'The Denver Gazette' baaserratti, Obbo Amsaaluun‚ ''biyya kana qofa osoo hin taane biyya keessa dhalatanittis hooggansa gaarii mul'isaniiru.

''Asittis waan hundaa sirnaan raawwate. Isa filachuun Awurooraan magaalaa sanyummaa hin qabne akka taate ifatti ergaa dabarsa,'' jechuun miseensi mana maree isaan deeggaran dubbatani.

Obbo Amsaaluun akka jedhanitti miseensonni hawaasa Itoophiyaa duularratti isaan gargaaraniiru

Madda suuraa, Amsalu Kassaw

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Amsaaluun akka jedhanitti miseensonni hawaasa Itoophiyaa duularratti isaan gargaaraniiru

Hawaasni Itoophiyaa Deenver jiru ''harka bal'isee na simate'' jechuun Obbo Amsaaluu waliin yaada walfakkaataas dhaban filatamuu isaanii akka deeggaran miseensi biraa dubbatani.

Obbo Amsaaluun BBC'tti akka himanitti, dureewwan hawaasa Itoophiyaa miseensota mana mareef bilbilaa akka isaan filatan duula gaggeessuun isaan gargaaraniiru.

Akka isaan jedhanitti, hawaasa Laatinootti aanuun hawaasni Itoophiyaa Koloraadoo keessatti hawaasa baay'ina qabudha.

Bulchiinsa kana keessatti Ertiraa, Sudaan, Senegaal, Somaaliyaa, Ruwaandaa, Masriifi kaan 'nuti Afrikaanonni mana maree kana keessa teessuma qabaachuu qabna,' jedhanii akka isaan deeggaran himan.

Kaayyoon isaanii ijoo ''hawaasa keessa jiraadhu haqaafi amanamummaan tajaajiluudha abjuun kiyya.

''Qaawwa baqataafi hawaasa kaan gidduu jiru guutuuf cimee hojjedhee milkaa'un barbaada,'' jedhan.

''Nageenya hawaasummaa baqattootaa, mana dhabuu, yakkaafi rakkinoota kaan irratti qabsaa'udha abjuun kiyya guddaan,'' jechuun BBC'tti himan.