MM duraanii UK Booris Joonsan gaazexeessummaan qacarame

Maxxanfame

Ministirri Muummmee duraanii Yunaayitid Kingdam (UK) Booris Joonsan gaazexeessummaan qacaraman.

Booris Joonsan buufata televizhiinii GB News jedhamutti qacaraman.

Joonsan buufata televizhinichaatti sagantaa dhiyeessuu, qophheessuufi xiinxaluun hojjetu.

Bara dhufutti filannoo Ameerikaafi UK keessatti gaggeeffamuuf jiru gabaasuudhaan Joonsan "gahee guddaa bahatu" jedhameera.

"Qophii human Ingiliiz agarsiisu" dhiyeessu jedhera GB News.Mata-dureewwan gara garaa irrattis yaadasaanii akka dhiyeessanis waadaa seenaniiru.

Gaazexaa Daily Mail irrattis fuula dhaabbataa irratti barreessan kan qaban Booris Joonsa, hojii isaanii waggaa haraa warra Awurooppaarratti jalqabu.

Boorsi Joonsab fuula X isaaniirratti "GB News'ttimakamuukoo yeroon isinitti himu gammachuuguddaadhaanidha," jechuun viidiyoo qoodaniiru.

"Dhimmoota Raashiyaa, Chaayinaa, Yukreeniifi kanneen biroorratti ilaalcha koo isa dhugaan dhiyeessa," jedhaniiru.

"Kuusaa humnaa Ingiliiz addunyaarratti qabduufi qormaatawwan keenyas nan dubbadha," jedhanitti dabaluun.

Booris Joonsan aangoorraa akka bu'aniif dhiibbaan guddaan taasifamuu hordofee ture bara darbe kan aangoo gadhiisan. Wayita weerara Koronaa vaayirasiin turetti gaggeessummaan agarsiisan ammallee qorannoon irratti taasifamaa jira.

UK keessatti gaggeessitoonni duraanii aangoo gadhiisanii waggoota lama keessatti hojii qabatan ilaalchisuun koreen biyyaalessaa ni jira.

Koreen kunBooris Joonsan BG News galuun isaa kaayyoo mootummaa waliin waan wal hin faallessineef hayyameeraaf.

Odeeffannoo wayita aangoorra turanitti argatanis seeraan ala akka itti hin fayyadamneef seerri taa'eera.

Dabalataanis, GB News bakka bu'uudhaan mootummaarratti dhiibbaa akka hin taasifneefis of eeggannoon ni taasifama.

Boorsi Joonsan aangoo gadhiisanii ji'a shan keessatti sagantaawwan gara garaarratti haasaa taasisuufi seenaa jireenya dhuunfaa isaanii barreessuuf waliigaluun Paawondii miliyoona 4.8 argataniiru.

GB News kanaan dura komeediyaanii beekamaa ta'e Joon Kiliisiin qacareera.

Buufanni TV kun Booris Joonsaniin qacaree booda lakkoofsi daawwataatoo isaa akka dabalu eegama.