Simrat Abiyyuu: Shamarree ganna 13 osoo jirtuu Ambaasaaddara taateen wal baraa

Maxxanfame

Simrat Abiyyuu jedhamti. Godina Jimmaa Aanaa Saqqaatti dhalatte. Maatiisheetiif intala hangafaati. Barnootasheetiin ammoo Simrat 12 qoramtee qabxii yunivarsiitii ittiin seentu argattee amma ramaddii eeggachaa jirti.

Simrat wayita barrattuu kutaa 6ffaa turtetti, osoo ganna 13 jirtuu kan Ambaasaaddara taatee filatamte.

Isheenis ambaasaadara biyya bakka bu'uun kan hojjattee isiniitti hin fakaatiin. Dursa ambaasadara dubartoota magaalaa Jimmaa ta'uun filatamte.

Ammattis Simrat dhaabbilee afuriif ambaasaaddara ta’uun hojiilee gara garaa raawwataa jirti.

Simrat akkamiin ambaasaaddarummaan filatamte?

Simret osoo kutaa 6ffaa barataa turte ALI’tti bara 2009’tti waldorgommii barattootaa akka magaalaa Jimmaatti turerratti hirmaachuun tokkoffaa bahuun badhaafamuu dubbatti.

Kana hordofees yeroo jalqabaatiif Ambaasaaddara dubartootaa Magaalaa Jimmaa ta’uun akka filatamte dubbatti.

Gara boodaas sosochii galii akka biyyaatti ture irratti hirmaannaa gooteen ALI’tti bara 2010 fi 2011 ammoo duraa duubaan Ambaasaaddara Galiiwwanii magaalaa Jimmaa fi Oromiyaa ta’uun tajaajilte.

Gama biraatiin ammoo ALI’tti bara 2013 sagantaa Ministeerri Barnootaa Yunivarsiitii Jimmaatti geggeessiserratti “waa’ee barnootaa, waa’ee dhaloota egeree yaadoota gurguddoo kaaseen ture” jechuun, Ambaasaaddara Yunivarsiitii Jimmaa tasifamuu dubbatti.

Yeroo jalqabaatiif waltajjii waajirri galii magaalaa Jimmaa qopheesse irratti dandeettii shamarree Simrat akka argan kan yaadatan Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa, Dr. Jamaal Abbaafiixaa gamasaanitiin, carraa isheen ittiin gara yunivarsiitii isaaniitti dhuftu akka mijeessan dubbatu.

Achumaanis weerarri Kooviid-19n booda waltajjii biyyaalessaa Yunivarsiitiin Jimmaa qopheesse irratti ''barattuu qaxaleen kun walaloo akka dhiyeessitu carraa kennuun ‘waan ajaa’ibaa dhiyeessuudhaan hirmaattotaa fi keessummoota biratti dinqisiifannaa horatte” jedhu Dr. Jamaal.

Kennaa ajaa’ibaa barattuun tun qabdu hubachuun dandeettii ishee caalmaatti akka gabbifattu deeggaruu fi yunivarsiitiichas akka beeksistu yaaduun, Ambaasaaddara Yunivarsiitii Jimmaa akka taatu murteessuu himan.

Kana malees, waggaa tokkoon boodas haaluma walfakkaatuun Ambaasaaddara Ministeera Nageenyaas ta’uun filatamteetti.  

Shamarreen tun yaadota ciccimoofi wantota xiyyeeffannoo barbaadan bifa walalootiin waltajjiilee gurguddoo irratti dhiyeessaa turte.

Afaan Oromoo dabalatee afaanota sadii dubbachuufi ergaa ittiin dabarfachuu kan himtu Simaret, dandeettii walaloo, diraamaafi baacoo gara garaa barreessuu akka qabdu dubbatti.

“Ijoollummaadhumakootiin waan adda ta’en yaada; hawaasan keessa jiraadhuufis jaalala addaan qaba” kan jettu Simret, yeroo hunda waan jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiru irratti akka hojjechuu barbaaddu dubbatti.

Amabaassaaddara ta’uun ishee ammoo yaadota kanneen irratti ciminaan akka hojjettu carraa saaquufii kaasti.

Ambaasaaddara ta’uunshee maal fayyade?

Manni barumsaa dandeettiiwwan gara garaa qabdu akka gabbistuuf, baastuuf ishee gargaaruu kan kaastu Simret, sagantaa maatiifi waltajjiilee mana barumsaa gara garaa keessattis hirmaachaa akka turte dubbatti.

Ambaasaaddarummaan “carraa ajaa’ibaati” kan jettu shamarri kun, umurii ijoollummaa isheetii qabee yaadota jajjaboo keessummeessuun akka dabarsite himti.

“Baay’ee dadhabaan oola; galees ammoo hojii manaan hojjedha. Itti gaafatamummaanis waan narra jiruuf nan dubbisa waan ta’eef akka ijoolleetti taphadheera jechuu hin danda’u. Yanni jaraa [hiriyoota ishee] homaa hiika naaf hin kennu ture. Akkasumas waanti ani jedhu ammoo isaaniif hiika hin qabu” jetti.

Amabaasaaddarummaan dhaloota ishee bakka bu’uudhaan yaadota jajjaboo kaasuuf akka ishee gargaare kan dubbattu, shamarri kun aanga’ootaafi namoota gurguddoo waliin wal baruun barnootaafi muuxannoo gara garaa akka argattuuf ishee gargaaruu himti.

“Yunivarsiitiin Jimmaa bu’uuruma waadaa naaf galeen baasii barnootakoo naaf uwwisaa jira; kunis yaaddoo tokko malee akkan barnootakoo hordofuuf na gargaareera; maatiikootiifis gargaarsa guddaadha.

''Dhaabbilee kannneen waliin hojiilee bal’aa hojjechuuf umriin [ijoollee ta’uun] bicuu na daangessee ture, fuulduratti garuu yaanni [proposal] hojii ani qopheeffadhe waan jiruuf karoora hojii jabaan qaba,” jechuun himti jetti.

Yunivarsiitii Jimmaatti wixinee yaada hojii galfachuu kan himtu shamarreen tun, ammatti waltajjii gara garaarratti ergaa dhalootaaf dabarsuun cinaatti faayidaan addaa isheen dhaabbilee kanneen irraa argattu jiraatuu baatullee fuulduratti dhaabbilee kanneen waliin karoora hojii gara garaa qabaachuu himti.

Karoora fuulduraa

Simret, maatii isheetiif mucaa hangafa yoo taatu, hawaasa keessa jiraattuuf jaalala guddaa qabaachuu dubbatti.

Barnoota Herreegaa daran akka jaalattu kan dubbattu, shamarri kun fuulduraatti gosa barnoota Dinagdee (Economics) qayyabachuuf yaada akka qabdu himti. Kunis gaaffii dhuunfaa, maatii fi biyya ishee deebisuudhaaf akka ta’e ibsiti.

Jiruuf jireenya hawaasa ishee jijjiiruudhaaf onneeffachuu kan kaastu, Simret “dhaloonni har’aa ‘kun maaliif akkas ta’e?’ jedhee kan boo’u qofa otoo hin taane sababni isaa maal akka ta’ee fi amma ammoo garam deemuu qabna jechuu qaba” jetti.

Kanuma irratti, gara fuulduraatti, waantota bahaniif galan (export-import) irratti yaada hojii qabaachuu kan kaastu, shamarri kun ambaasaaddarummaas sadarkaa olaanaatti guddisuun ambaasaaddara Itoophiyaa fi Afrikaa ta’uuf karoora qabaachuu dubbatti.

Icciitii ambaasaaddara ta’uu ishee keessaa tokko afaan danuu danda’uu ykn af-daneessuummaa akka ta’e kan kaastu, Simret dargaggoonni afaanota biyya keessaa fi kan biroos barachuu akka qaban dhaamti.

Gama barnoota isheetinis Simret kutaa tokkoo eegaltee hanga ammaatti sadarkaa 1ffaa bahaa turte.

Haatishee barsiistuu ta’uu kan kaastu, shamarri kun oolmaan maatii fi barsiisota ishee olaanaa ta’uu irradeddeebiin kaasti.

Haala barnoota shamarree kanaa

Kutaa 1ffaa hanga 3ffaatti Aanaa Saqqaatti barataa kan turte, shamarri kun mana barumsa gaarii barbaacha yeroo kutaa 4ffaa barattu Aanaa Saqqaatii gara magaalaa Jimmaatti deddeebitee barachaa turuu yaadachiisti.

Haala kana keessatti, bu’aa bayiin jireenyaa barnootaa keessatti umrii ijoollummaatiin ishee mudate jabina ishee har’aatiif bu’uura ta’uu dubbatti.

Barnoota isheetiin qaxalee waan turteef mana barnootaa dhuunfaa magaalaa Jimmaatti argamu kan SOS jedhamutti barachuuf jecha guyyaa guyyaadhaan fageenya kilomeetira 18 deddeebitee barachuu himti.

Fageenyi jiraatus yeroo hunda dursitee akka mana barnootaa qaqqaabdus himti.

Barnoonni eegeeree ilma namaatiif murteessaa ta’uu kan kaastu Simret, dhaloonni barnootatti xiyyeeffannoo kennee barachuu akka qabu dabaluun dhaamti.

Deeggarsa Yunvarsitiin Jimmaa karoorseef

Dr. Jamaal akka jedhaniitti, ALI’tti bara 2013 irraa kaasee ji’a ji’aan baasii barnoota ishee danda’uun, dandeettii aartiis haala itti gabbiffattu irratti deeggarsa ogummaa akka argattuu gochuuf.

''Barnoota ishee sadarkaa lammaffaas yeroo xumurtu ammoo carraa barnoota tolaa guutuu kennnuuf” waadaa akka galan BBC’tti himan.

Simiret qophiilee gara garaa Yunivarsiitiin Jimmaa qopheessurratti argamuun dandeettiishee agarsiisaa, ijoollee qaroo umurii isheetiifis fakkeenya ta’uun olbaasuu keessaatti shoora guddaa taphachaa jiraachuus himu.

Hawaasa fi Yunivarsiitii Jimmaas lafa dhaqxetti beeksisuu keessatti hojii jajjabaa dalagaa jirti kan jedhan Dr. Jamaal, ambaasaaddarummaan kunis qaama taajaajila hawaasaa isaan ijoollee qaruufi olbaasuu keessaatti qaban kan agarsiisu ta’uu himu.

Falaasama Yunivarsiitii Jimmaa, ‘Hawaasa Keessa Jirra (We are in the Community) jedhuun, barattoota qaxalee godina Jimmaa irraa walitti dhufan jajjabeessuu, badhaasuufi yunivarsiiticha daww’achiisuu dubbatu Dr. Jamaal.

Giddugalli akka Saayinsii, Teeknoolojii, Injinariingii fi Herreegaa (STEM), bakki itti hojiilee kalaqaa gabbifatan, mana barnoota addaa barattoonni qaxaleen itti baratan Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun ijaaruufi barattoonni aanaalee gara garaa irraa hojiilee kalaqaa qabachuun gara yunivarsitichaatti yeroo dhufan deeggarsaafi gorsa barbaachisaa kennaa jiraachuu pirezidaantichi itti dabaluun ibsaaniiru.