Dogogora yaalii saayinsii daree keessatti mudateen barattoonni hedduun miidhaman

Anbulaansii Saawuz Weelsi

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Awustiraaliyaatti barattoonni mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa hedduun dogogora yaalii saayinsii daree keessatti mudateen miidhaan irra gahuun gabaafame.

Taateen kun Awustiraaliyaa magaalaa Sidiniitti kan mudate yoo tahu, yoo xiqqaate barattootni lama akka malee miidhamuun hatatamaan anbulaansiidhaan gara mana yaalaa geeffamaniiru.

 Gabaasni jalabaa akka agarsiisutti yaaliin saayinsii gaggeeffamaa ture kan Sooodiyeem Kaarboneetii fi alkoolii ‘methylated spirits’ jedhamu irratti hojjetamaa turedha.

Taateen kun yoo mudatu ogeessotni fayyaa, helikoopterootaa fi konkolaataawwan ittisa balaa naanichatti argamnaiiru.

Taateen kun Mana Barumsaa Uummataa Maanilii West jedhamu keessatti Wiixata kana raawwate.

Akka jedhamutti balaa kana kan uume bubbee keemikaalota yaaliif walitti qabaman bittinsedha.

Ijoolleen umuriin isaanii ganna 1o fi 11 gidduu tahan balaa Kanaan qaamni isaanii gubateera, fuula isaanii, laphee isaanii fi garaa isaanii gara gadii akkasumas miilla isaanii irra gubeera jedhe Sidinii Moorningi Heraarldi.

Barsiisaa tokko irras miidhaa salphaan dhaqqabuun yaalii argateera.

Jiraataan tokko as bahuun waan mudate namoota achitti walitti qabamanitti himeera jedhan.

Akka barsiisaan tokko nutti himanitti yaalii saayinsii hojjetaa turan irratti dogogoratu uumame, kana irraa kan ka’e keemikaalaan kan gubatan jiru’’ jedhan Taayisan Atkiinsan namni jedhaman.