Garbummaa ammayyaa addunyaa irratti dabalaa jiruuf enyutu itti gaafatama?

Maxxanfame

Addunyaa keessatti namoota 150 keessaa namni tokko garbummaa ammayyaa keessatti danqamee akka jiru gabaasi Biyyoota Gamtoomani’tti Dhabbanni Dafqaan Bultoota Idil-addunyaa (ILO) ibseera.

Namoonni miiliyoona 50 ta’an garbummaa ammayyaan miidhamanii akka jiran hima. Kunis kan waggaa afur dura miiliyoona 40 turerra dabaleera.

''Garbummaan ammayyaa'' maali?

Garbummaan ammayyaa jechama of jalatti namoota gochoota adda addaan namoota saamuu ykn itti fayyadamuu qabatudha. Gochoota kunneen keessaa muraasni:

  • Hojii dirqii – hojii kamuu kan namootni fedhii isaanii malee akka hojjetan taasifamu
  • Hidhaa liqii – namootni akka liqii isaanii kaffalaniif dirqiin hojjechiisuu
  • Garbummaa dhaloota irratti hundaa’e – yemmuu namooti garbummaa keessatti dhalatanii fi akka qodaatti ilaalaman
  • Gaa’ela dirqii – yemmuu namni fedhii malee ga’eelatti seensifamanii fi akka hin baaneef dhorkaman
  • Tajaajila hojii mana keessaa – kun yeroo hunda garbummaa miti, ta’us garuu hojjettoonni manaa balbala cufaa duubatti dararaa fi humna isaanii samamuuf saaxilamuu malu

UN’tti dhaabbati ILO akka jedhutti, namootni miiliyoona 49.6 garbummaa ammayyaa keessa jiraachaa jiru – kun addunyaa keessatti namoota 150 keessa tokko akka ta’etti tilmaamama.

“Walumaa galatti kun, caalatti maallaqa argachuuf jecha namoota dadhaboo saamuu ykn itti fayyadamuudha,” jedhu Yunivarsitii Richmand US’tti piroofesara gargaaraa saayinsii siyaasaa fi rogeessa farra-garbummaa kan ta'an Dr Moontii Dataa.

Garbummaan ammayyaa “dorsiisa miidhaa qaamaa ykn xiinsammuun kan deeggaramudha,” jedhu.

Namoota meeqatu hojii dirqii hojjetaa jira?

Namooti miiliyoona 27.6 ta’an hojii dirqii keessatti danqamanii akka jiran ILO ni hima.

Hojjatoonni baqattoota ta’anii biyya biraa keessa hojjetan addatti gocha kanaaf saaxilamoodha.

Namootni biyyoota hiyyeeyyii irraa, gara biyyootii birootii hojii akka ijaarsaa, qonnaa, huccuu tolchuu fi hojii mana keessatti qacaraman jiru. Namootni kun sana booda hojii kunneen keessatti danqamanii, gara biyya isaanitti imaluu hin danda’ani.

Namoota meeqatu gaa’ela dirqii keessa jira?

Akka ILO jedhutti addunyaa irratti namootni miiliyoona 22 ta’an gaa’ela dirqii keessatti danqamanii jiru. Kanneen keessa walakkaa ol naannoo Eeshiyaa Pasifikii keessatti argamu.

Indiyaa fi biyyotiin ollaa akka Paakistaan, biyyootii keessumaa ijoollee dubaraa umurii ganna 18 gadii gaa’eela dirqiitti seensuun beekamanidha jedhan Dr Dataa. 

Ta’us garuu, gabaasi ILO gaa’elli dirqii biyyootii Arabaa keessatti akka baayyatuu fi naannicha keessatti namoota 1,000 keessaa 4.8 gaa’eela dirqii keessa akka jiran agarsiisa.

“Addunyaa keessatti namootni olaantummaa seeraan hin kunuunfamne miiliyoona afur ta’an jiru jennee yaadna,” jedhan Duula Haqaa Idil Addunyaa UK irraa, Yuwaan Fireeshar.

“Namootni hojii dirqii keessatti danqamanii fi yeroo namootni isaan qacaran addabii malee itti fayyadamuu danda’anitti seeraan ala daddabarfaman jiru.”

Dr Dataa akka jedhanitti, addunyaa keessatti biyyi hojii dirqiitiin hamtuu taate Indiyaa ta’u malti.

“Yaaddoo inni guddaan hojii omisha xuubii irratti hojii dirqii jira akkasumas fi humna daa’immanii fayyadamamuun (daa’imman hojjechiisuun) jira,” jedhan.

Addunyaa irratti dubartoonni fi ijoolleen hojii saal-qunnamtiitti dirqisiifaman miiliyoona 4.9 akka ta’an ni yaadama.

“Miidhaan xiinsammuu gosa garbummaa kanarraa dhufu, isa waraana keessatti loluu irraa dhufurra hammaachuu mala,” jedhan Dr Dataan.

“Dabalataan ammoo logiin kanaan wal qabatee dhufu jira. Kanaaf namootni kanarraa oolan waa’ee wanta keessa darbanii haasa’uun itti cima. Miidhaa qaamaa fi xiinsammuu irra ga’eerraa bayyannachuuf namootni waggotii dheeraa itti fudhachuu mala.”

Garbummaa ammayyaaf eenyutu itti gaafatama?

Hojii dirqisifamaa (hojii saal-qunnamtiitti dirqisiifamu dabalatee) addunyaa keessa jiru keessa %86 kan gaafatamu qacartoota dhuunfaadha.

Akka ILO jedhutti addunyaa keessatti, qacartoonni hojii dirqisifamu irraa bu’aa doolaara biiliyoona 150 argatu.

Maallaqa kana keessaa doolarri biliyoona 51.8 ta’u bu’aa qacartoonni naannoo Eeshiyaa-Paasifikii jiran, namoota miliyoona 15.1 hojii dirqisifamaa keessa jiran irraa argatanidha.

Kana keessaa doolaarri miiliyoona 46.9 ta’u ammo biyyootii guddatanii fi Gamtaa Awurooppaa keessatti bu’aa argamudha.

Ta’us garuu, akka ILO jedhutti, lakkoofsa uummataa isaan yeroo madaalamu, addunyaa keessatti naannoo kaan caalaa garboota ammayyaa hedduu qabu, biyyootii Arabaa Galfiidhaa.

Duula Haqaa Idil Addunyaa UK irraa, Yuwaan Fireeshar akka ibsanitti, lakkoofsi namoota hojii dirqisifamaa keessatti danqamanii sababa weerara Covid’n dabalaa jira.

“Sababa Covid, namootni hedduun biyya ormaa keessatti danqamaniiru ykn hojii isaanii dhabaniiru. Kanaaf maallaqa argachuuf fedhii waan qabaniif, caalatti kanneen namoota haala seeraan alaan daddabarsaniif saaxilamu,” jedhan.

“Garbummaa ammayyaaf bubbee gaarii ta’e.”