Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Isteetiin US afur jecha 'garbummaa' jedhu heera keessaa haqamuuf sagalee kennan, Luusiyaanaan maaliif didde?
Isteetiiwwan Ameerikaa afur keessatti jechi garbummaa heera isaanii keessaa yakkamaa ittiin adabuuf seera qabeessa jedhu akka haqamuuf sagalee kennan.
Garuu Luusiyaanaa keessatti miseensi paarlaamaa filannicha ispoonser godhan waan didaniif heera isaanii keessaa osoo hin haqamiin hafe.
Edmoondi Joordaan tarkaanfichi garbummaa akka malee akka bal’atu taasisa jedhan.
Namootni kaka’umsa kana fudhachun mormaa turan miidhaa hidhamtoota irra gahu hanbisuuf barbaadame jedhan.
Akkasumas heera Ameerikaa 13ffaa haaromfame gabrummmaa hanbise garuu qaawwaa qabu keessaas qabxii wal fakkaataa tokko akka haqamu barbaadu ture.
Naannoleen bulchiinsaa akka Alabaamaa, Oregoon, Tenees, fi Vermoonti labsii heera mootummaa keessaa gabrummaa eeyyamuu ykn fedha malee akka tajaajila kennan nama godhu haquuf sagalee isaanii kennaniiru.
Haa tahu malee, sagaleen filannoo Kibxata kaleessaa gaggeeffame irratti kenname yoo lakkaa’amu kan Luusiyaanaa namoota filatan 10 keessaa namootni jaha heerichi akka hin haareffamne filatan.
Bu’aan filannoo kun hidhamtoota dirqamaan akka adabattii hojii hojjetan akka isaan sirna haqaa biyyattii dura dhabbatan gargaara jedhan ogeessotni seeraa.
Yeroo ammaa hidhamtootni ykn sireeffamtootni seeraa 800,000 tahan kaffaltii homaatii malee hojii hojjetaa jiru, akka ogeesotni seeraa jedhanitti.
Naannolee torba sirreeffamtootni seeraa yeroo hojii itti kenname hojjetan homaa tokko hin kaffalaniif.
Hidhamtootni yoo hojii itti kenname didan adabbiitu isaan eeggata.
Magaalaa Baaton Roog jedhamtuuf bakka bu’aa Dimokiraatotaa kan tahan Obbo Joordaan erga seera wixineeffame sirriitti dubbisanii gabrummaaf eegumsa ni godha jechuun tarkaanficha jalqaba akka deeggaran himan.
Amma seerri jiru, garbummaa fi tajaajilli fedha malee dhorkaadha, garuu yoo adabbii yakkaaf tahe malee,’’ jedha.
Wixinee inni qopheessee ture gaalee ‘’yoo adabbii yakkaaf tahe malee’’ kan jettu haqamee, murtee haqaaf kennuufis hojiirra hin oolu’’ kan jedhuun akka bakka bu’u ture.
‘’Garbummaan’’ seera amma jiru jalatti dhorkaadha. Garuu jechi ‘’boodarra’ jettu akka seeraatti ‘’tajaajilli dirqamaa’’ karaa biraan seera qabeessa tahuu hima jedhan.
Obbo Joordaan akka jedhanitti garbummaa fi tajaajila dirqamaa kennuu gidduu garaagarummaan hin jiiru.
Haa tau malee Joordaan seericha erga irra deebiin dubbisee ‘’miidhaa homaa hin qabu’’ sababni isaas seericha akka jirutti dhiisuun isa guyyaa lama darbee caalaa har’a waan addatti nu miidhe waan hin qabneef jedhan.
Bara 2023tti seericha irra deebuun akka ragga’uuf duula akka gaggeesusu hime.
Kurtis Deevis III, kana dura yakka ajjeechaan Luusiyaanaa keessatti himatamee erga irra deebiin himati isaa ilaalamee waggoota 25 hidhamee dhiifamaan bahe.
Joordaanii fi miseensotni mana maree deeggarsa isaanii kan dhoowataniif ammayyuu naannichi hidhamtoota ‘’hojii humnaa’’ jabaa hojjechiisaa jiraachuu agarsiisa jedhan.
Hojiin humnaa hidhamtootni hojjetan Ameerikaa keessatti indaastirii doolaara biliyoona hedduun socho’udha.
Heerri kun yoo fooyya’e garuu manni murti yakkamtootni hojii humnaa akka hojjetan murteessuu hin danda’u.
Luusiyaanaanis kanaaf seericha tursiisuuf akka tahe himame.