Vilaadmir Puutin dhimma misaa'elaa irratti biyyoota Lixaa akeekkachisan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Moskoon misaa’ela warra Lixaa gara Raashiyaatti dhukaafamu akka hammeenya waraanaa hamaa ta’etti akka ilaaltu ibsan.
Ministirri Muummee UK Kiir Istarmer Raashiyaan waraana kana daangaa Yukireen keessatti kan jalqabde ta’uu fi deeggarsi Yukireenif taasifamu hin cimu taanan, “Raashiyaan waraanicha battalumatti xumuruu dandeessi’’ jedhan .
Ministirri Muummee Kiir Jimaata darbe Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayiden waliin mari’achuuf Waashingitan kan deeman yoo ta’u, michoonni Kiiv, Yukireen deeggarsa misaa’ela isaaniin daangaa Raashiyaa keessatti haleeluu akka dandeessuf hayyamuu irratti mari’ataniiru.
Puutiin kun “biyyoonni Naatoo, Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa -waraana Yukireen keessatti kallattiin hirmaachuu isaanii agarsiisuu malee hiika biraa hin qabu” jedhan.
"Kallattiin hirmaataa jiru beekamaadhas, kun ammoo bu’uura fi maalummaa waldhabdee kanaa haalaan jijjiira” jadhan Putin.
Itti dabaluudhaanis: “Yoo akkas ta’e, balaa uumamu danda’u irratti hundaa’uun murtoo walgitu ni fudhanna” jedheera.
Tibbana Yukireen kan daawwatan ministirri dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkenii fi kan UK Deeviid Laamii michoonni Yukireen deeggarsa Raashiyaan Iraan irraa argatteef deebii akkamii akka kennan mari’ataniiru.
Torban tokko booda hoggantoonni addunyaa Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waggaa waggaadhaan gaggeeffamuuf Niiw Yoorkitti wal ga’u.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
US, biyyoota Awurooppaa fi kanneen biroo kallattiin waldhabdee kanaatti akka lixne sodaa jedhu irraa kan ka’e, Yukireeniif hayyamni misaa’elaa dheeraa daangaa Rashiyaa keessatti haleeltu hin eeyyamamneef ture.
Amma garuu Olaantummaa waraanaa Raashiyaan Yuukireen Irratti gonfataa jirtuu fi Iraan irraa deeggarsa misaa’elaa dabalataa argachuu isheetiin tarkaanfii sana waan jijjiiru fakkaata.
Puutiin kanaan dura haasawa taasisaniin, “Kun mootummaan Yuukireen daangaa Raashiyaa keessatti akka hin rukunne hayyamuu ykn dhorkuu miti. Sana duruu diroonii fi karaa biraatiin raawwataa jiru.
"Garuu waa'ee meeshaa waraanaa ol'aanaa fageenya dheeraa qabu kan biyyoota Lixaa keessatti hojjetame kan guutummaatti adda ta'e, kan Yuukireen ofii tasumaa gochuu hin dandeenye daataa basaasa saatalaayitii Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa fi , saatalaayitii Nato qofa irraa argamuuni waraanamuti."jedhan.
Kanaaf kun waa'ee mootummaan Yukireen meeshaalee waraanaa kanaan Raashiyaa akka rukuttu hayyamuu ykn hayyamuu dhiisuu utuu hin taanee kun waa'ee biyyoonni Nato kallattiin waldhabdee waraanaa keessatti hirmaachuuf murtee fudhachuu fi dhiisuu isaanii ta’uu eeran.















