Waraana Sudaaniin namoonni miiliyoona tokkoo ol buqqa'an

Maxxanfame

Waraana Sudaan baatii tokko guuteen yoo xiqqaate namoonni miiliyoona tokko qe'ee isaaniirraa buqqa'uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii - UN ibse.

Namoonni baayyeen achuma biyya keessatti buqqa'an.

Namoota nagaa eeguudhaaf waliigalteen jiraatus Waraanni Sudaanis tahe, humni addaa RSF jedhamu waraana kana itti fufaniiru.

Waraanni kuni magaalaa Kaartum dabalatee naannolee namni baayyee qubatee jirutti akkuma itti fufetti jira.

Karra bahumsaa Kaartum irratti bataskaana irratti dhukaasa banameen miidhaa namoota irratti qaqqabe hordofuun qaamoleen wal-waraanan wal himachaa jiru.

Qaamoleen wal waraanan kunneen bakka namooti nagaa jiraatanitti dhukaasa dhaabuuf waliigaluuf Jiddaatti akka wal argan eegamus, humni addaa RSF lafa namoonni baay'inaan jiran qubatee waan jiruuf waliigaltee kana shakkisiisaa godheera.

Waraanni Daarfur jirus hammaachaa jira. Iddoo Eljeniyaa Arab jedhamutti, hidhattoonni RSF waliin hidhata qaban jedhaman manneen irratti haleellaa qaqqabsiisaniiru.

Waraanni Sudaan kana dhaabsisuuf rakkisaa tahuurra darbee gara biyyoota naannootti akka hin ceene yaaddessaa jira.

Humnoota lameen kana gidduu Omduurmaan fi Daarfur, Jeniyinaattillee walitti bu'insi itti fufeera.

Humnoota wal-waraanan kana Ameerikaa fi Saa'udii Arabiyaan guyyootaaf erga mariisisaniin booda Kamisa darbe, ''marii kanaaf bitamuuf'' waliigaltee mallatteessaniiru.

Dilbata kaleessaa ammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuuf Saa'udi Arabiyaa Jiddaatti marii deebisanii jalqabu jedhamee ture.

Marii torbee darbe taasifameen qaamoti wal-waraanan namoota nagaa fi dhiyeessi deeggarsa namoomaa irratti haleellaan akka hin raawwatamne eegumsa taasisuuf waliigalanillee, dhukaasa dhaabuuf garuu waliigaluu hin dandeenye.

Waraana torban afur lakkoofsise kanaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman kan ajjeefaman yoo tahu, kanneen 200,000 tahan immoo biyyaa godaananiiru.

Dabalataan namoonni miiliyoona tokkotti siqan achuma biyya keessatti buqqa'aniiru.

Saamichi biyyattii keessatti babal'ate dhaaboti gargaarsaa Sudaan dhiisanii akka bahaniifi hanqinni nyaataa olaanaa tahe akka mudatu taasiseera.