Yuukireen misaayelaan anga'oota waraanaa Raashiyaa rukutuu himte

Haleellaa Savastopool

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Haleellaan misaa'ela Jimaata muummee humna waraanaa Galaana Gurraachaa Raashiyaa, sa’aatii marii anga’oota waraanaa waliin akka walirra bu’uuf kan karoorfamedha jetti Yuukireen.

Humni waraanaa Yuukireen ibsa gabaabaa baaseen, haleellaa kanaan kan du’anii fi kan madaa’an jiraachuu ibsus odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Jimaata Moskoon haleellaa sana booda loltuun tokko achi buuteen isaa dhabamuu himtee ture.

Gartuun waraana, magaalaa buufata doonii Savastopool keessa jiru, humna waraana bishaanii Raashiyaa keessatti isa cimaa akka ta’etti ilaalama.

Maddi humna waraanaa Yukireen akka BBC’tti himeetti, haleellaan Jimaataa kan gaggeeffame misaayeloota 'Storm Shadow' jedhaman kan Biriteeniifi Faransaayiin kennameefinidha.

Haleellaa kanaan “hoggantoota olaanoo humna waraanaa dabalatee hedduun du’uu fi madaa’uu” humni waraanaa Yuukireen ibsa Sanbata baaseen eereera.

Hogganaan basaasaa Kiyeev, Kaayriloo Budaanoov, haleellaa misaaayelaa sanaan anga’ooti ykn ajajooti waraana Raashiyaa lama haalaan madaa’uu ibseera.

Wantoota hedduu qaama lamaaniin waa’ee haleellicha irratti dubbatame BBC’n addatti mirkaneessu hin dandeenye.

Ministeerri Hajaa Alaa Raashiyaa Sergee Lavroov gama isaan, humnootiin biyyootii Lixaa “ harkaa fi qaama Yukireen fayyadamuun nurratti lola al-kallatti gaggeessaa jiru,” jedhan.

Gumii Gamtaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Niw Yoorkiirratti haasaa taasisan booda gaazexeessitoota waliin turtii taasisaniin biyyootiin lixaa, “bulchiinsa sobaa” biyyootii addunyaa hafan waliin walii galuu hin dandeenyedha jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Guraandhala 2022 Yuukireen weeraruun qeeqamaniiru.

Naannoon Sevastopol Sanbata haleellaa haaraaf saaxilameera.

Bulchaan magaalichaa Raashiyaan muudaman, Mikhaayil Razvozhaayiiv, akka jedhanitti caccabi misaayela humna ittisa qilleensaan rukutame gargara galaanaatti kukkufeera.

Dabalataan, da’oowwan boombii tokko tokko sababa haala gaarirra hin jirreef namni itti dhimma itti hin baane komii jedhuuf da’oowwan kun akka qoratamaniif ajaja baasaniiru.

“Namni hundi kanaan naatanii diinaa keenya gammachiisu akka dhaabdan isin gaafanna - galmi isaani inni guddaa naasuu uumudha,” jechuun Telegram gubbaatti barreessan.

Humnootiin Kiyeev dhiyeenyaa humnoota Raashiyaa Kireemiyaa jiran irratti haleellaa kallattii gaggeessaa turaniiru.

Torban darbe, baatirii ittisa qileensaa misaayelaa S-400 bakkicha eegan kuffisuun dandeetti Rashiyaan haleellaa ittiin ofirraa ittistu dadhabsiisuusaa humni waranaa bishaanii Yukireen ibsee ture.

Haleellaawwan Kireemiyaa irratti gaggeeffaman baay'ee barbaachisoodha.

Bakka Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa gaggeessuuf fayyadamtu ta’uu dabalatee, Muummeen humna Galaanaa Guraachaa seenaa humna Raashiyaa naannicha keessatti jaarraa tokkoof akka mallattoo guddaatti ilaalamudha.

Bara 2014’tti Raashiyaan karaa seeraan alaan naannicha fudhachuu isheen dura buufati kuni kiraan bakkicha tureera.