Yukireen haleellaa wiirtuu humna Galaana Gurraacha Raashiyaa raawwachu ibsite

Wiirtuu humna waraanaa Galaana Gurraachaa
Maxxanfame

Yukireen haleellaa har'a Kirimeeyaa waajjira Mummee humni waraanaa Galaana Gurrachaa Raashiyaa irratti misaa'eliin raawwatme duuba jiraachu beeksiifte.

Waraanni Yukireen buufata human galaanaa Seevaastoopol keessaa haala ''milkaa'een'' heleelleerra jechuun garuu miidhaa qaqabeerratti gadifageenya isaa hin kennine.

Kireemiyaatti humni waraanaa Galaana Gurrachaa erga haleelamee booda loltuun tokko achi buuteen isaa dhabamu Raashiyaan ibsite.

Wiirtuun muummee humna galaana Sevastopol jiru misaa'ela Yukireeniin haleelame jechuun Raashiyaan erga ibsitee booda viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame aara guddaa buufata doonii wiirtuu san keessa ba’u agarsiisa.

Bulchaan naannichaa, haleellaan biraa waan jiraachuu danda’uuf uummanni mana keessaa akka hin baaneef akeekkachiisaniiru.

Guyyootii kudhan dura humna waraanaa galaanarraa kana irratti Yuukireen haleellaa guddaa gaggeessuun ishee ni yaadatama.

Bulchaan Mikheel Razvozhayeev, namoonni of eeggannoon akka turan erga gorsanii booda, sagaleen akeekkachisa haleellaa qilleensaa magaalichaa keessatti dhaga’amaa ture.

Erga Telegram gubbaatti maxxaansaniin, “ Akeekkachisa! Haleellaan biraa jiraachuu danda’a. Adaraa gara wiirtuu magaalaatti hindeemiinaa. Gamoowwan keessaa gadi hin ba’iina,” jedhaniiru.

Torban darbe, Yukireen humnoota waraanaa bishanii fi gamoolee buufata doonii haleeluun, dooniiwwan bishaan jalaa fi meeshalee waraanaa gurguddoo barbadeessiteetti.

Haleellaa kana rawwachuushee Yukireen mirkaneessiteetti. Wiirtuu humna galaana Raashiyaa kana haleeluf misaa'ela ammaayyaa biyyota Lixaarra argatte akka fayyadamtetu himama.

Humni waraanaa Galaana Gurraachaa Raashiyaa waraana kana irratti xiyyeeffannoo Kiyeev isa barbaachisaadha. Humni Raashiyaa kun dooniiwwan isaa fayyadamuun, misaayiloota gara Yuukireenitti dhukaasa tarani. Humni (gartuun) wiirtuu kanaa humna waraana galaanarraa Raashiyaa keessatti isa beekamaa jedhamudha.

Dabalataanis humni kun, karaa Galaana Gurraachaa Yuukireen midhaan biyya alaatti erguuf itti fayyadamtu cufuuf dorsiisaa tureera.

Raashiyaan karaa ittiin Yukireen qamadii biyya alaatti ergitu Galaana Gurraacha cufuurraa kan ka'e Yukireen karaa biraa midhaan akka ergitu ishee dirqisiise.

Kuni ammoo midhaan Yukireen hedduunsaa Awurooppaa akka seenu taasise. Gamtaan Awurooppaa midhaan biyyoota shan: Bulgaariyaa, Hangarii, Pooland, Romaaniyaafi Islovaakiyaa akka hin seenne uggura kaa'e.

Gamtaan Awurooppaa kana gochuunsaa omishtoonni biyyoota Awurooppaa midhaan Yukireenirraa dhufuun omishni isaanii akka gadi hin kufne ittisuudhafi.

Sababa kanaan hariroon Pooland fi Yukireen erga dadhabaa dhufee, Pooland dhiyenya meeshaa waraanaa Yukireeniif kennuu akka dhaabdu beeksisuun ishee ni yaadattama.