Seerri shororkeessumma US, Somaaliyaatti sochii gargaarsaa guffachiisaa jiraa?

Beela Somaaliyaa

Madda suuraa, SOPA IMAGES

Maxxanfame

Somaaliyaa keessatti marsaa arfaffaaf roobni hin roobiin waan hafeef namootni miiliyoona saddeet beelaaf saaxilamanii, namootni 213,000 ol ta’an ammoo “du’aaf saaxilamaniiru” jedha Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii.

Kanaaf suuta jedhee jalqabus,  mallaqa gargaarsaaf oolu UN doolara biiliyoona 1.46 ta’u walitti qabuuf karoorfate keessaa %70 ol walitti qabameera. 

Dhaabbati gargaarsa guddaa Somaaliyaa keessa hojjechaa jiru tokko akka BBC’tti himetti, isa yaadameen ol maallaqa walitti qabeera.

Ta’us garuu nyaata, bishaan ykn maallaqa kanneen guddaa isaan barbaachisuuf geessisuu hin dandeenye. 

Sababiin isaas, seera farra shororkeessummaa US dha jechuun, bakka bu’aan olaanaa eenyummaa isaa ibsuu hin feene dubbateera.

Dhaabbileen maallaqa US irraa argatan gargaarsi isaanii harka “shororkeessitotaa” keessa akka hin seenne goochuu qabu. Harki caalaan Somaaliyaa ammoo to’annoo gartuu US fi UK birratti shororkeessaa jedhamuun beekamu al- Shabaab jala jira.

“Tarkaanfii tokkollee fudhachuu hin dandeenyu,” jechuun qondaalli dhaabbata gargaarsaa guddaa eenyummaa isaa ibsuu hin feene BBC’tti himeera.

Waggaa 11 dura, namootni 210,000 ta’an naannolee to’annoo al-Shabaab keessa jiranitti sababa beelaan lubbuun isaanii darbeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

US gama isaan “rakkoon namoomaa cimaa” Somaaliyaa keessa akka jiru hubachuu fi hojiin farra shororkeessummaa isaa hojii gargaarsaa guffachisuuf yaadamee akka hin taane hima.

Dabaluunis dhibbaa qoqqobiin uumuu hordofaa akka jiruu fi gartuuleen gargaarsa yoo rakkoon isaan qunname anga’oota US akka qunnamaniif gaafateera.

Ta’us garuu kun gartuulee gargaarsaa lamaan BBC waliin haasa’aniif waan ga’aa miti. 

Akka tilmaama UN’tti dhaabbileen gargaarsa magaalota to’annoo mootummaa jala jiran bira ga’uu danda’anis, gargaarsi isaanii naannolee al-Shabaabiin to’ataman, kan jirattoota gara 900,000 qaban bira ga’aa hin jiru.

Nannolee kunneen keessa gariin isaanii gogiinsaan hubamanii dhiyootti ammo beelaaf saaxilamuun isaani hin oolu.

Al- Shabaab yeroo hedduu Somaaliyaa keessatti haleella hamaa gaggeessaa, hojiiwwan gargaarsaa irrattis guufuu guddaa ta’eera.

Ta’us garuu yaaddoon jiraatus, qondaalli gargaarsaa tokko, utuu US’n hin sodaatiin, al – Shabaab waliin walii galteerra ga’uun namoota beelaaf saaxilamaan gargaaruuf barbaachisaadha jedhu.

Beela Somaaliyaa

Madda suuraa, SOPA IMAGES

Seerri US maal jedha?

Dhaabbileen gargaarsaa US’n gargaaraman al- Shabaab waliin haasa’uu irraa hin dhorkamne  ta’us garuu maallaqa kennuun dhimma biraadha.

Seerri federaalaa US lama maallaqa al-Shabaabiif akka hin kennine dhorka.

Gara naannolee to’annoo isaa jala jiran seenuuf gatii al-Shabaab keellaa darbuu fi  fi kaffalti ‘gibira’ waan gaafatuuf, seerri lamaanuu dhaabbilee gargaarsaa ni miidhu.  

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti al-Shabaabiif ‘gibira’ kaffaluun sirritti dhorkameera.

Seerri lamaanuu dhabbilee gargaarsaaf mata bowwuu ta’eera. Yoo seera kana cabsan, adabbii maallaqaa hanga doolaara miiliyoona 1 ykn hidhaa wagga 20’n adabamuu danda’u.  

Dhaabbati gargaarsa USAid -  bara 2011 irraa eegalee mootummaan UN waliin ta’uun qoqqobiin hojii gargaarsaa akka hin gufachiisneef hojjechaa jira jedha.

Ta’us garuu kun dhaabbilee gargaarsaa BBC waliin haasa’an hin gargaarre. 

Kanarra, hojjettoonni gargaarsaa hojii sodaachisaa ta’us garuu barbaachisaa ta’e kana garaa guutuun akka hojjetaniif, seerri kun akka salphifamuuf gaafataniiru.

“Hanga tokko salphisuun, naannolee dabalataa yeroon akka geenyuuf haala nuuf mijeessa,” jedha tokko.

Inni biraan, lubbuun namoota hedduu balaaf saaxilameera jedha.

Hogganaan Dhabbata Godaansaa UN dame Somaaliyaa, Firaanz Selestiyaan, sadarkaa olaanaatti UN fi al – Shabaab gidduutti waligalteen akka dhabbileen gargaarsaa utuu ‘gibira’ hin kaffaliin akka darbaniif eeyyamu jiraachuu qaba jedhu. 

Jalqaba Fulbaanaatti, hogganaan gargaarsaa UN, Maartiin Giriifit, haasaan akkanaa gaggeefamaa akka hin jirre dubbatanii turani.

Al- Shabaab gargaarsa yoo argate maaltu ta’aa?

Waggootii dheeraaf, dhaabbileen idil addunyaa, dhimma kanaa irraatti dhibbaa seeraa fi maqaa isaanirra ga’u sodaa fi miidiyaleetii ‘shororkeesitoota gargaaru’ jedhamuu irraa hafuuf akka baqatan beela 2011 irra kitaaba kan barreese Nisaar Majiid himeera.

Ta’us garuu al – shabaab maallaqa gargaarsa irra argatuun bu’aa hagamii qabaata kan jedhu ifa miti jedha Yunivarsitii Menisootatti piroofesara Joograafii fi mootummaa Somaliif eera tumuun kan hojjetu, Abdii Ismayiil Samataar.

US seerootni kun “shororkeessitoonni” akka maallaqa hin arganneef itti cimsa jedhe amana.

Mootummaan Somaaliyaa hidhattoota irratti waraana “guutuu” labseera, kanuumanis madda maallaqa isaanii cufuun, gartuu kana injifachuuf waan ijodha jedhee ilala.

Ta’us garuu dhabbilee gargaarsaaf akkasumas tajaajiloota baqattoonni maatiif maallaqa itti erganiif, seericha salphisuun lammilee Somaalii beela keessa jiraniif “jijjiirama guddaa” uuma jedhu Piroof Samatar.