Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iilon Maask doolaara bil. 44n tiwiitarii akka bituuf abbootiin qabeenyaa eeyyaman
Namoota abbaa qabeenyummaa Tiwiitara keessaa qooda qaban waligaltee Iilon Maski doolara biiliyoona 44’n dhaabaticha akka bituuf dhiiyate raggaasisuuf filataniiru.
Murteen kun kan taasifame erga waajjira oolaanaa dhaabbaticha Saan Firaansiskoo jiru irraa walga’ii gabaabaa bilbilaa invastaroota waliin taasifameen booda.
Kana jechuun amma Tiwiitarri mana murtiitti Iilon Maski dhaabbaticha akka bituuf dirqisiisuuf ni yaalu jechuudha.
Walga’iin kun kan gaggeeffame hogganaa eegumsaa duraanii Tiwiitaraa kan ta’e Peeyiter Zaatkoon seenetara US duratti raga ba’uu guddaa taasisuu isaa hordofeeti.
Ebla keessa, Tiwiitarri dhaabbatticha dureessa addunyaa Iilon Maskiitti gurguruuf waliigalee ture.
Ta’us garuu, waligalteen kun kann hamachaa dhufe erga Obbo Maski, Tiwiitarri lakkoofsa akkawuuntiiwwan sobaa miidiyaa hasummaa kana irra jiran ifa hin taasisne jechuun himatee booda.
Caamsaa keessa dhaabbaticha bituuf feedhii akka hin qabne beeksisee ture, ta’us garuu Tiwiitarri Obbo Maski waligaltee kana irraa duubatti deebi’uu hin danda’u jechuun falmaniiru.
Miidiyaan hawaasummaa kun akka jedhutti fayyadamtoota isaa guyya guyyaan sochiin isaani argamuu danda’uu keessaa %5 qofatu akkawuntii nama hin qabne jedheera. Obbo Maski garuu lakkoofsi kun kanarra guddachuu danda’a jedha.
Gatiin dhaabbata Tiwiitara doolara biiliyoona 32’tti kan tilmaamu yoo ta’u, kun gatii Obbo Maski dhiyeesse doolara biiliyoona 44 irra hanga tokko xiqqaadha.
Filannoon har’a gaggeeffame himata seeraa Tiwiitarri fudhachuuf ture dhaabu kan danda’u ture, ta’us garuu amma qooddattoonni dhaabbaticha Obbo Maskin mana murtiitti akka himataniif daandii bananiiru.
Dhabbati kuniifi dureessi kun mana murti Delaweer jirutti Onkololeessa wal argu jedhamee yaadama. Yeroo dhadachi gaggeefamutti abbaan murti yoo Obbo Maski dhaabbaticha bituu qabaa ykn hin qabu ta’e ni murteessa.
Murtee qoddattoota kana dursee, namichi iccittii Tiwiitaraa baase Piiter Zaatkoo Washingitanitti argamuun, dhimma rakkoo nageenya jedhu irratti Koomiteee Seeraa Seeneti duratti ragaa ba’eera.
Seeraa baastoota US’tti akka himetti dhaabbati Tiwiitar miidiyaan hawaasummaa kun hagam eegumsa akka qabu irratti “ uummata dogoggorsaa ture” jedheera.
Hogganaa eegumsaa Tiwiitara kana ture Piitar, haala nageenyaa fi eegumsaa irratti “waaggotii hedduun boodatti hafaadha jedheera.
Tiwiitar gama isaan Pitar hojirraa akka ari’amee fi himatni isaa dhgaa akka hin taane ibsa.