Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi pirezidaantii Somaaliyaa konkolaatan nama ajjeese adabame
Ilmi pirezidaantii Somaaliyaa Turkiitti konkolaataa motoratti buusun abbaan motoraa du'uusaaf adabame.
Adabbiin ilma pirezidaantii Somaaliyaatti murame ammoo hidhaa miti, dolaara 900 qofa adabame.
Manni Murtii Istaanbul Kibxata, Amajjii 16, Mohaammad Hasan Sheek Mohaammud maal na dhibdeedhan nama ajjeesuusaa itti mure.
Konkolaatan inni konkolaachisaa ture ji'a Sadaasaa keessa nama Yunus Imre jedhamu kan motoraan deemaa turetti bu'uun Yuunus hospitaala erga seenee du'ee ture.
Yeroo poolisiin ilma pirezidaantii Somaaliyaa arguu hin dandeenye jechuun akka miliqe ibsee ture. Yeroo sana Mohaammad Hasan Sheek Mohaammud Turkii keessaa bahee ture.
Addabbii dolaara 900 itti murtaa'e kana lammiilen Turkii 'qoosaa' jechuun hanqi namicha du'ee jallateera jechuun komii kaasu.
Ilmi pirezidaantii Somaaliyaa baqatee Turkii bahuu hordofee poolisiin Turkii bakka argametti qabamee akka dhiyaatu ajaja idil-addunyaa erga baastee booda Mohaammad deebi'e.
Manni murtii adabbii waggaa lamaaf walakkaa erga itti murteessee booda dhaddacharratti gochaasaatti gaabbuu waan ibsateef adabbii maallaqaatti jijjiirameef.
Akkasumas ji'a jahaaf akka hin konkolaachisfne manni murtii qoqqobbii irra kaa'era.
Qorattoonni yakkaa waggaa jahaaf akka inni hidhamu falmanis manni murtii garuu yaadasaanii hin fudhanne.
Murtee manni murtichaa kennetti kan hin gammanne jiru.
"Lubbuun namicha motoraan deemaa turee sun dolaara 900 miti... Kuni amma haqa jedhamaa?" jedha pirezidaantin Mirgoota Waldaa Namoota Motoraan Egaa Deddeebisanii Mesut Çeki.
Ji'a darbe kantiiban magaala Istaanbul Ekrem İmamoğlu viidiyoo yeroo ilmi pirezidaantii Somaaliyaa nama motoraan deemu rukutu miidiyaa hawaasaa X irratti qoodanii turan.
Viidiyicharratti konkolaatan ilmi pirezidaantii Somaaliyaa hoofu yeroo motora daandii konkolaatonni heddu itti baay'atan irratti rukutu ni agarsiisa.
Motora gubbaa kan ture namni ganna 38, Yunus Imre, hospitaala geeffamus guyyaa jaha booda du'e.
Turkiifi Somaaliyaan walitti dhufeenya dippilomaasii cimaa qabu. Turkiin deeggarsa leenjii loltummaa, bu'uraalee misoomafi kan namoomaa heddu Somaaliyaaf taasifti.