Namichi mana sirreessaa Yaaballo keessatti dhiira biroorratti saal-qunnamtii raawwate adabame

Namichi mana sirreessaa keessatti dhiira biroorratti yakka qunnamtii saalaa raawwate adabame

Madda suuraa, Koominikeeshinii Aanaa Yaaballoo

Maxxanfame

Yakki qunnamtii saala walfakkaataa kun godina Booranaa magaalaa Yaaballoo ganda Doloolloo Hoolaa keessatti kan argamu Mana Sirreessaa Godina Booranaa keessatti ALI Hagayya 28 bara 2015 raawwatame.

Himatamaa fi miidhamaan sirreeffamtoota seeraa yoo ta’an, himatamaan miidhamaarratti yakka qunnamtii saala walfakkaataa (middiisummaa) raawwachuu galmeen Abbaa Alangaa Aanaa Yaaballoo agarsiisa.

Abbaan Alangaa Aanaa Yaaballoo, Isheetuu Abbaay, yaada BBCf kennaniin gochaan kun kutaa sirreeffamtoonni seeraa keessa bulan fi iddoo sirreeffamtoonni seeraa biroon jiranitti raawwatame.

“Gochichi halkan keessaa naannoo sa’aatii 6:00’tti raawwatame. Sa’aatii sanatti namoonni hirriiba keessa jiranis ni jiru, kan hirriiba keessa hin jirres ni jiru” jedhan.

Himatamaan yakkicha iddoo miidhamaan rafee jirutti raawwachuusaa himuun “yeroo sanatti miidhamaan kun hirriiba keessa ture. Waan raawwatame sana adda baafatee ofirraa ittisuufillee namni hirriiba keessa jiru dadhabina sammuu qaba, waan raawwatamaa jirullee adda baafachuuf hanqina ni qabaata” jedhan.

Poolisiin Magaalaa Yaaballoo eeruun erga isa qaqqabee booda dhimmicha qorachuu eegaluu kan himan Abbaa Alangaa Isheetuun, gareen qorannoo hundaa’e ragaalee garagaraa walitti qabuu himan.

“Miidhamaanis ragaa dhiyeeffatee ragaan namaa garee qorannootiin fuudhamee jira. Galmeensaas qulqullaa’ee waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Yaaballoof erga dhiyaatee booda Abbaan Alangaas galmee ilaalee, ragaa keessa jiru madaalee ALI Fulbaana 23 bara 2016 himata saaqe” jedhan.

Adeemsa Seeraa fi murtii kenname

Himatamaan, Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 632 A darbuun yakka saalqunnamtii faallaa uumamaa raawwatame jechuun Mana Murtii Aanaa Yaaballootti himatame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatamaan yakka ittiin himatame ‘hin raawwanne’ jechuun kan waakkate yommuu ta’u, jechi ragaalee Abbaa Alangaa akka dhagahamu taasifamuu himan.

Jechi ragaalee erga dhagahamee booda himatamaan balleessaa jedhamuu isaatiin akka ofirraa ittisu Manni Murtichaa kan ajaje yommuu ta’u, himatamaan ragaalee ittisaa dhiyeeffachuun jechasaanii akka kennan taasifamuu ragaan Abbaa Alangaarraa arganne hima.

“Manni murtii ragaa Abbaa Alangaa fi ragaa ittisaa himatamaan dhiyeeffate walbira qabee madaale. Ragaan ittisaa himatamaan dhiyeeffate ragoota Abbaa Alangaa himatamaarratti dhagahaman fashaleessuu hindandeenye jechuun himatamaan keewwata itti himatame jalatti balleessaa qaba jedhee jalamurtii kenne” jedhan.

Haaluma kanaanis Manni Murtii Aanaa Yaaballoo dhaddacha ALI Sadaasa 10 bara 2016 ooleen himatamaan kun hidhaa cimaa waggaa 8 fi ji’a shaniin akka adabamu murteessee jira.

“Gochi akkasii hawaasa birattillee, aadaa hawaasni qabuunillee waanuma balaaleeffatamuudha. Keessattuu Boorana keessatti hawaasni duudhaa aadaa cimaa qaba” jedhan Abbaa Alangaa Isheetuun.

Itti dabaluun, ''Gochichi aadaanis, seeraanis waan fudhatama hinqabnedha. Murtiin kennames namoota biroollee barsiisuu waan danda’uuf miidiyaarra oolchine” jedhaniiru.