Netflix fayyadamtoota miliyoona tokko jala siqan dhabe

fiilmii squid game

Madda suuraa, NOH JUHAN | NETFLIX

Maxxanfame

Gabaa tajaajila bashanana intarneetii irratti mootii kan ture Netflix, amma goonfoo isaa qabatee turuuf rakkachaa jira.

Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila kana gadhiisanii dabalaa akka dhufeen, ji’a Eebla fi Adoolessaa gidduutti fayyadamtoota miiliyoona tokkotti dhiyaatan dhabeera.

Dhaabbatichi bara 2011 as fayyadamtoota akkanaan dhabuu yeroo jalqabaaf kan gabaasee Eebla keessa yoo ta'u, oduu kana booda namootni hedduun hojii isaanii dhabaniiiru.

Yeroo gatiin kaffaltii tajaajilaa dabaluunsaa miidha irra geessisetti, morkattoonni Netflix gabaa kana to’achuuf morkachaanii jiru.

Kibxata fayyadamtoota dhabuun gabaafame kun seenaa dhaabbaticha keessatti lakkoofsa isa guddaa yoo ta’u. Fayyadamtoota harka caalaa kan dhabe US, Kaanadaa, Awurooppa keessaadha.

Netflix tajaajila bashananaa interneetii isa guddaa ta’e caalatti kan barame bara 2020 keessa yemmuu namootni manatti ugguramanii, bashannanaaf filannoo murasaa qabaatan ture.

Garuu yeroo jireenyi amala weerara covid dura tureetti deebi’u, Neflix fayyadamtoota/maamiltoota haaraa hawwachuuf itti cime. Akkasumas gatiin jireenyaa akka dabalaa dhufeen fayyadamtoota duraan qabu tursachuu hin dandeenye.

Dhaabbatichi dabalataanis dhaabilee akka Apple TV, HBO Max, Amazon Prime fi Disney+ jedhaman irraa morkiin cimaa irra ga’aa jira.

Murteen Netflix tajaajila isaa qaalii gochuuf taasisees, maamiltota mufachiise qaba.

US keessatti tajaajila Netflix kan meeshaa lama irratti fayyadamuu dandeessisu – bara 2019 ji’atti kaffaltii doolara 11 kan ture Amajjii keessa 14 galee amma doolara 15.49 ga’eera.

Akka qorannoon agarsiisutti ammayyu namootni hedduun yoo tajaajila bashannanaa tokko qofa akka filataniif  gaafataman Netflix akka filatan ibsu.

Walumaa galatti dhaabbatichi dhuma Waxabajjiittti fayyadamtoota miliyoona 220 ta’an qaba ture - kun morkattoota isaa irra ammayyuu kan caaludha.