Israa’el deeggarsa idil-addunyaa argattes, argachuu baattes waraana Gaazaa itti fufti-Ministira Dhimma Alaa

Maxxanfame

Ministirri dhimma alaa Israa’el biyyisaanii “deeggarsa idil-addunyaa argattes, argachuu baattus” waraanaa Gaazaa akka itti fuftu dubbatan.

Waraanni kun haala amma irra jirurratti haa dhaabbatu jechuun Hamaasiif “kennaadha” jedhan ministirri dhimma alaa Israa’el Ilaay Koheen.

Sababa waraana kanaatiin lammileen nagaa Filisxeem ajjeefamuun, akkasumas gidiraan namoomaa Gaazaa keessatti dhalate daran hammaachuun isaa Israa’elirratti dhiibbaa uumaa jira.

Kora Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Kibxata darbe turerratti yaadni dhukaasni atattamaan dhaabachuu qaba jedhu sagalee caalmaan raggaasifamee ture.

Kanarra darbees, haasaa jajjabaa kan dhageessisan Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa’el “sababa haleellaa boombii jumlaan Gaazaa irratti raawwattuun” deeggarsa hawaasa idil-addunyaarraa qabdu dhabaa jirti jedhan.

Roobii waraanni kaabaafi kibba Gaazaatti deemaa jiru kan itti fufe yoo ta’u, lammileen Filisxeem kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqa’an bokkaa cimaa roobaa jiruun rakkoo hamaa keessa jiru.

Aanga’aan olaanaa UN tokko tajaajilli fayyaa bulchiinsa Filisxeem keessa jiru waan manca’eef dhukkuboonni daddarbaa jiru; itti aansee ammoo “rakkoon fayyaa hamaan” dhufuu danda’a jechuun akeekkachiisan.

Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa Israa’el keessatti raawwachuun namoota 1,200 erga ajjeeseen booda 240 kan ta’an ammoo butee fudhachuu isaatiin ture waraanni kun kan jalqabame.

Erga waraanichi jalqabamees, namoonni 18,600 Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru. Namoota ajjeefaman kanneen keessaa ammoo harka dhibba keessaa 70 kan ta’an dubartootaafi daa’imanidha jechuun ibsa ministeerri fayyaa Hamaasiin hooganamu.

Kora Waliigalaa UN Kibxata tureen biyoonni miseensota UN ta’an 153 yaada dhukaasni dhaabbachuu qaba jedhu deeggaraniiru.

Yaadni dhukaasa dhaabuu Kora Waliigalaa UN irratti dhiyaatee raggaasifame kun garuu seerri dirqamaan hojiirra akka oolu taasisu hin jiru.

Biyyoonni saddet ammoo Israa’eliifi Ameerikaa hordofanii dhukaasni dhaabbachuu hin qabu jechuun yaada dhiyaate mormuun sagalee kennaniiru.

Oostiriyaa, Cheek Rippaabiliik, Yunaayitid Kingidam fi Jarman biyyoota 23 sagalee kennuurraa of qusatan keessatti argamu.

Jimaata darbe ammoo yaada dirqama dhukaasni dhaabbachuu qaba jedhu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni-maree Nageenyaa (UNSC) dhiyeesse Ameerikaan Hamaas “deebiyee akka gurmaa’u” taasisa jechuun humna sagalee sagaleen kuffiisuu qabduun kufaa taasisteetti.

Yaada Korri Waliigalaa UN dhiyeesseefi akeekkachiisa Joo Baayidan dhiyeessaniin boodadha ministirri dhimma alaa, “Israa’el deeggarsa idil-addunyaa argattes, argachuu baattes waraana kana itti fufti,” kan jedhan.

“Amma dhukaasa dhaabuun shororkeessaa kan ta’e Hamaasiif kennaadha. Deebiyee dhufee jiraattota Israa’el akka shororkeessu hayyamuudha,” jechuu isaanii ibsi waajirri isaanii baase ni mul’isa.

Ameerikaan hanga ammaatti yaada Israa’el kann deeggartu taatulleen, aanga’oonni Ameerikaa tokko tokko haleellaa Israa’el gaggeessaa jirtu mormaa akka jiran dhaga’amaa jira.

Mudde 2 ministirri ittisaa Looyid Ostiin, Israa’el lammilee nagaa Gaazaaf eegumsa yoo hin taasistu ta’e “mo’icha seena-qabeessa ta’e argamsiistee, mo’amuu tarsiimawaa ta’e keessummeessuu dandeessi,” jechuun akeekkachiisan.

Gorsaan nageenyaa biyyaalessaa Waayit Hawuus gara Israa’el deemanii Pirezidantii Israa’el Beniiyaamiin Neetinyaahuu waliin dubbataniiru.

Neetinyaahuun haasaa jajoota waraanaa isaanii waliin taasisaniin, “waraanni kun hanga dhumaatti itti fufa, hanga injifannoo argannutti, Hamaas hanga badutti,” jedhan.

Dhiibbaa idil-addunyaa ilaalchisee ammoo, “eenyullee nu dhaabsisuu hin danda’u” yaada jedhu kennaniiru. Israa’el haleellaa Gaazaatti gaggeessitu itti fufeetti, Hamaasiifi michoonni isaas waraanicha itti fufaniiru.

Kibxata loltoonni Israa’el 10 kan ajjeefaman yoo ta’u, waraanni lafoo erga jalqabee booda lakkoosa isa guddaa ta’uun galmeeffameera.

Akka lakkoofsi UN agarsiisutti Filisxeemonni kuma 360 ta’an dhibeewwan kka Meeninjaayitis, akkasumas dhibeewwan daddarboo du’aatii daa’imman baayyeef sababa ta’an akka garaa kaasaaf saaxilamaniiru.