Xiyyaarri waraanaa US diroonii Turk kuffisuu booda mariin gaggeefame

Xiyyaara waraanaa US

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Xiyyaarri waraanaa US diroonii waraanaa Turk Siiriyaa keessatti dhayee kuffisuu booda dippiloomaatotni olaanoon Turkii fi US bilbilaan mariyatan.

Waashingitan sababa diroonii Tarkii rukutteef yoo ibsitu humna lafoo isheen Siiriyaa keessa qubachiiftetti siiqee balali'uu isaati jette. Ankaaraan ammoo diroonichi duularra osoo jiruu to'annoon ala ta'e jetti.

Biyyootni miseensa NATO ta'an lameen kun tarkaanfii waraanaa fudhatan kan walfakkaatu akka ta'u dubbatan.

Wayita mariiyatan dippiloomatiin Turk Hakaan Fidan Turk kaampii warra Kurdii haleeluu akka itti fuftu gita isaanii US tti himan.

Fallaa kanaan US gosa Kurdii Siiriyaa jiran YPG jedhaman waliin hojjetti. Turk ammoo garee kanaan shororkeessitootaafi ilaalcha fottoquu leellisan jettiin.

Fidan Ministira Haajaa Alaa US Antonii Biliinkenitti yoo dubbatan ''duulli farra shororkeessummaa Iraaqiifi Siiriyaa keessatti Turk gaggeessitu cimee itti fufa'' jedhan.

Dubbii himaan Isteet Dippaartimeentii US ammoo Biliinken Waashingitaniifi Ankaaraan waliin hojjechuu fi walitti bu'insa hanqisuurratti akka hojjetan gaafataniiru jedheera.

Hoogganoonni waraanaa US jeettiin waraanaa F-16 jedhamu Siiriyaatti buufata loltoota US'tti siiqee diroonii Turkii socho'aa tureef akeekkachiisa irra deddeebiin kennamuufis deemuu didnaan rukutee kuffisuu himaniiru.

US diroonii Turk kana dhooftee kan kuffiste Kamisa darbe ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waajira Ittisaa US, Pentagoonitti dubbii himaa kan ta'an Birgaadiyeer Janaraal Paatriik Raayideer ibsa miidiyaaleef kennaniin humnoonni isaanii Siiriyaa jiran haleellaawwan diroonii hedduu naannoo Al Hasakah jedhamutti raawwatamuu taajjabaniiru jedhan.

Haleellaawwan kunniin keessaa gariin, buufata loltootni US qubatanii jiran irraa fageenya km1 qofa irratti argama.

Haleellaawwan kun itti dhiyaatanii raawwatamuu erga eegalanii sa'aa afur booda ajajoonni waraanaa US achi jiran yaaddoon itti mul'atee jennaan jeettiin waraanaa diroonicha akka rukutu gochuu Raayideer himaniiru.

''Miseeonsota NATO lama gidduutti ta'iin akkasii mudachuun nama gaabbisiisa'' jedhan qondaalli waraanaa kun.

Miseenitni NATO lama xiyyaara waraanaa walii isaanii yeroo rukutan kun kan jalqabaati.

US garee finxaaleyyii Islaamaa IS waraanuuf jecha loltoota 900 ta'an gara Siiriyaatti bobbaaftee jirti.

Turk warra Kurd Siiriyaa fi Iraaqa keessa jiran irratti haleellaa kan bante magaalaa Ankaraa keessatti haleellaa of wareegaan ministeerri dhimma biyya keessaa miidhamuu hordofeeti.

Gareen PKK (Paartii Hojjetootaa Kurdii) ministeericharra haleellaa kan geessisan gareelee isaan waliin hidhata qaban ta'uu ibseera.

PKK'n Turk, Gamtaa Awurooppaa, UK fi US'tti garee shororkeessaa jedhamee labsameera.

Turk PKK fi garee US waliin hojjettu YPG jedhaman garee tokko jechuun ibsiti.

US waraana Siiriyaa keessatti garee Humna Dimookraatawaa Siiriyaa jedhu kan deeggartu yoo ta'u YPG qaama garee kanaati.

Biliinkeniifi Fidan gidduu haasaan bilbilaa akkuma raawwatameen Turk Kaaba Siiriyaa keessatti haleellaa haaraa warra Kurd irratti eegalee beeksifteetti.

Ministeerri Ittisaa Turk buufataalee Kurdii 15 xiyyeefatee haleeluu himeera.

Humna olaanaa fi meeshaalee gurguddaa qabaniin haleeluu ibsan.

PKK'n bara 1984 irratti mootummaa Turk irratti qabsoo hidhannoo eegale. Kaayyoonsaa ammoo Turk keessatti bulchiinsa addaa Kurd ijaaruudha.