Waa’ee dho’insa hospitaala Gaazaa ragaaleen argaman maal agarsiisu?

Namoota hospitaala AL-Ahli bakka dho'insi mudate dhaabbachaa jiran

Madda suuraa, REUTERS

Maxxanfame

Dho'insi hamaan hospitaala Al-Ahlii namoonni keessa guutan Gaazaa keessatti qaqqabe namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun gabaafamaa tureera.

Aanga'oonni Filisxeem Hamaasiin to'ataman Gaazaa keessa jiran ta'e jettee haleellaa xiyyaaraa gaggeessite jechuun Israa'eniin himatan. Israa'el ammoo kana raawwachuu wakkatteetti.

Gareen lamaan wayita quba walitti qabaa jiran kanatti, dhugaa jiru bira gahuun caalaa rakkisaa ta'aa jira.

Viidiyoowwan waraabaman, suuraawwan kaafamaniifi namoota ijaan argan dabalatee ragaalee biroo ilaaluun BBC Verify wanta barameefi hin baramiin mul'isuu yaaleera. Dabalataan, gaazexeessaan BBC tokko bakka dho'insi kun itti qaqqabe seenuufillee rakkisaa ta'etti argameera.

Yeroo hunda odeeffannoon haaraan dhufaa jira. Kanaaf, bareeffama kana dhawaatuma odeeffannoo haaraa, akkasumas ragaa jirurratti ogeessota yeroo dubbisnu haaromsaa deemna.

Wanti hubatamuu qabu, akkuma lola qabatamaan meeshaan gaggeeffamaa jiru murteessaa ta'e waraanni odeeffannoos barbaachisaadha. Waa'ee dho'insaa ilaalchisuun aanga'oonni Israa'eliifi Gaazaa yaada baayyee garaa gara ta'e kennuun isaanii kun isa jalqabaa miti. Himannaafi yaada isaanii gara garaas ni ilaalla.

Haleellaa hospitaala Gaazaatti mudateen booda bakki sun kan fakkaatu

Dho'insicha

Dho'insi bakka hospitaalichaatti kan mudate Kibxata akka sa'atii bakka sanaatti naannoo saatii 19:00 (16:00 GMT) irratti ture.

Viidiyoon sekondii 20 miidiyaa hawaasaarra naanna'u waa'ee dhohinsa kanaa ilaalchisuun ragaa jalqabaa mul'ate ture.

Viidiicha keessatti, sagalee yeroo wanti tokko furguggifamu akka fooricoo wa'ii fakkaatu dhaga'uu dandeessu. Itti aansee ammoo sagalee dho'insaafi ibidda guddaatu dhalate.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo hospitaala Gaazaa keessa jirutti dho'insi mudatetti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viidiyoon kallattiin Al-Jaziiraa miidiyaa neetiwoorkirraa akka sa'atii bakka sanaatti 18:59 irratti mul'ate agarsiisutti, ifti ibsaa tokko samii Gaazaa irratti mul'ateera. Osoo akka tasaa kallattii jijjiirratee hin dho'iin dura si'a lama balaqqisee ture.

Isaan booda dho'insi tokko achi fagaatee lafarratti erga mul'ateen booda dho'insi guddaan bakka kaameraa oppereetarri jirutti uumame. Bakka kana ammoo BBCn adda baaseera.

Namoonni yaada kennan tokko otkko rokkeetii dho'uuf ture ykn adda faca'e ta'uu mala jedhan.

Viidiyoon biraa toora miidiyaa hawaasaarratti mul'ate dho'insa tokkicha kofaafi fageenya gara garaarraa fakkaatu agarsiise.

Beektota, yunivarsiitiiwwaniifi kampaaniiwwan 20 ogummaa meeshaa qaban qunnamneerra.

Isaan keessaa sagal ammallee deebii nuuf hin kenniin jiru. Shan yaada kennuu hin barbaadne. Haata'u malee, ogeessota ja'an garuu dubbisneerra.

Hanga dho'insi kun gahuufi sagalee dhageessise dabalatee ragaaleen jiran dho'insa hospitaalatti mudate kanaaf sababiin maal akka ta'u baruuf gargaaruu danda'uu jechuun gaafanneerra.

Hanga ammaatti, bu'aan argame adda hin baane. Ogeessonni nuti dubbisne haleellaa qilleensaa Israa'el baramaa meeshaa waraanaa guddaa irraa waan eegdu waliin wal kan simu miti jedhan.

Yunivarsiitii Vanderbilt US jirutti garaagaaraa piroofeesaraa kan ta'e J Andires Gaannon, dho'insi lafarraa xiqqoo fakkaatu, kana jechuun ammoo ho'i dhalate meeshaa waraanaa dhuka'e caalaa dhiibbaa caccabaafi boba'aa rookeetiin kan uumamedha jechuudha.

UK keessatti kan argamu Rooyaal Yunaayitid Sarvisis Inistitituutitti qorataa kan ta'e Jastin Bironkis kana waliin waliigala.

Sadarkaa kanatti mirkaneeffachuuf rakkisaa ta'us, dho'insichi rookkeettii hin milkaa'iin hafee garuu buufata konkolaataa keessatti kufuun boba'aafi waan ibiddi baatan waliin ta'uun ibidda uume jedha.

Mr Gaannon viidiyoo argerraa wanti dhukaafame bakka rukkutuuf irratti qiyyaafate rukkutuu isaa adda baasuun hin danda'amu jedha.

Ifti samiirratti mul'ate dhukaasni sun rookkeetii motora qabu humaa ol ho'ee akka hojii dhaabu isa taasise ta'uu akka danda'u agarsiisa jedhe.

Kampaanii yaaddoo jiru qoratu, Sibiilaayinitti dursaa xiinxalaa Ba Giddu-galeessaa kan taate Valeeriyaa Sikootoo, Israa'el humna haleellaa bifa biroo diroonii, kan misaa'eloota 'Ibidda Gaannam' [Hellfire] fakkaatu fayyadamu ni qabdi jetti.

Misaa'eloonni kunneen ho'a guddaa uumu garuu dirqama dho'insa holqa guddaa uuman jechuu miti. Haata'u malee, viidiyoon ammallee mirkeessuu barbaadu bakka hospitaala kanaatti ibidda dho'insa kana waliin wal hin gitne agarsiisa jetti.

Boolla dho'insi uume

Ragaa bakka dhohinsi itti qaqqabee mul’ate

BBC’n hospitaalichi bakka dhohinsi kun itti raawwatame ta'uu isaa mirkaneessuuf gamoowwan fi haala iddoo hospitaala Al-Ahli suuraa saatalaayitii waliin wal bira qabuu danda'eera.

Ragaa argamerratti hundaa'uun dhohinsi kun mooraa hospitaalichaa, bakka ijaarsaan marfame keessatti kan mudate fakkaata.

Suuraaleen lafa dhohinsi itti mudate booda mul'atan gamoo hospitaala naannoosaanii jirurratti miidhaan guddaan qaqqabu hin agarsiisan.

Hospitaalli kun kan Waldaa Angilikaan yoo ta’u, isaanumaan kan geggeeffamu.

Diiniin Kolleejjii Seent Giyoorgis Yerusaalemitti argamu Kaanoon Riichaard Sewell BBC'tti akka himanitti, yeroo haleelametti namoonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an gara 1,000 ta'an mooraa kana keessatti dahatanii kan turan yoo ta'u, dhukkubsattoonni fi hojjettoonni hospitaalichaa gara 600 ta'an gamoo sana keessa akka turan himaniiru.

Foddaa dho'insa qaqqabeen manca'e

Miidhamtoota

Gabaasaan BBC Raashiid Abu’aluuf Hospitaala Al Ahlii deemee ture. Ragaa baatoonni achiis taatee sana yoo ibsan, amma reeffii funaanamaa ta’u ibsan.

Namni tokkoos yeroo dhohiinsichi mudatuutti dubartoonni, daa’immaniif maanguddoonni hospitaalicha keessa akka turan itti hime.

Waan miidhamtoonni waa’ee dhohinsichaa dubbatan haalaan hubachuuf waraabbiiwwan viidiyoo fi suuraalee bahan ammalleen BBCn xinxalaa jira.

BBCn suuraalee baayyee suukkanneessaa namoota balaarraa hafaniifi miidhamtootaa argeera. Isaaniin miidhaa balaa mudatee kan agarsiisaniidha.

Miseensi hundeessitoota Mirga Namoomaa Hakiimoota UK fi oggeessii damee miidhaa walitti bu’iinsaa, oggeessii fayyaa Deeriik Paawubdar suuraalee muraasa arganiiru.

"Haalli waliigalaa miidhamtoota faffaca’anii, caccabaa dhohinsa boombirraa kan madde ta’a jedhame eegama," jedhan.

Garuu suuraawwan muraasa ta'an qofaarratti hundaa’un miidhaa qaqqabe adda baasuun akka hin danda'amnee dubbatan.

Ministeerri Fayyaa FIilisxeem Kibxata kaleessaa akka beeksisetti, dhohinsa sanaan namoonni 471 du’aniiru.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) lakkoofsi namoota miidhamanii itti yaadame olkaafame jedhe, Haa ta’u malee, namoonni meeqa akka du’an hin ibsine.

Dhaabbileen walaba ta’an naannicha dhaquu waan hin dandeenyeef lakkoofsa namoota ajjeefamanii mirkaneessuun rakkisaadha.

Konkolaataawwan dho'insa qaqqabeen gubatan

Waan nuti ammallee nuti hin beekne

Ragaawwan murteessoo ta’an keessaa tokko haala boolla dhoi‘nsa (crater) kun uume.

Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhutti, boolla dho’insaan uumame guddaan dhabamuu, ykn gamoolee itti dhiyoo jiranirratti miidhaan dhohinsaan qaqqabe dhabamuun, dhohinsi kun meeshaa waraanaa Raayyaan Ittisa Israa’eliin akka hin taane mirkaneessa.

Ragaa dhabame keessaa qaamni barbaachisaan ta’e kan biraan, caccabaan misaa’elaa dhabamuu isaati.

Yeroo baayyee meeshaaleen waraana caccabaa boombichatiin kan adda baafaman yoo ta’u, madda boombicha murteessuuf fayyaduu danda’a.

Garuu haala kana keessatti ragaa kana hin argine.

Raayyaan Ittisa Israa’el haasaa hidhattoota Hamaas lama gidduutti haasa’amaa ture, kan

hospitaallichi dhukaasa hidhattoota Islaamik Jihaad Filisxeemiin (PIJ) dhukaasanii rukutamuu amanuu agarsiisu akka ragaatti gadhiiseera.

Islaamik Jihaad Filisxeemiin (PIJ) garee hidhattoota Gaazaa keessaa guddinaab isa lammaffaa yoo ta'u, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7,2023 Israa'elirratti raawwate tumseera.

Waraabbii sagalee sana qaama walabaarraa mirkaneessuun hin danda’amne. Islaamik Jihaad (PIJ) haleellaa kana keessaa qooda akka hin qabne ibsun , dhohinsa kanaaf Israa’el himate