Ergamaan addaa Ameerikaa marii nagaarratti dubbachuuf Finfinnee galuufi

Madda suuraa, GOOBJOG NEWS
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayik Hameer waraana wal waliinii Itoophiyaa xumuruuf marii nagaa godhamurratti marichuuf har'a Finfinnee galu.
Ergamaan addaa kun har'aa qabee Finfinneetti turtii qabaatan irratti marii nagaa waraana Kaaba Itoophiyaaf fala kenna jedhamu fuulduratti tarkaanfachiisuuf tattaaffii godhamu gamaaggamuu irratti xiyyeefatu jedheera Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa ibsa Adoolessa 23, 2022 baaseen.
Maayik turtii isaanii kanaan dhiyeessii deeggarsa namoommaa Kaaba Itoopiyaatti godhamu, waraana kana keessatti qaamoleen sarbama mirga namoomaa raawwatan gaafatamoo godhamuu irratti ni mari'atu.
Erga waraanni waliin Itoophiyaa dhalatee ergamaa addaa Gaanfa Afrikaatti US muudde isa sadaffaa kan ta'an Maayik Hamar Itoophiyaa kan daawwachuuf jiran yeroo lammataafi.
Maayik Waxabajjii darbe aangoo kanaan yeroo jalqabaaf gara Itoophiyaa wayita dhufan, Ministira Muummee Itti aanaafi Ministira Haajaa Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin waliin mira'atanii turan.
''Ameerikaan Itoophiyaa keessatti saba hundaaf nagaafi badhaadhinni akka dhufuuf, adeemsa siyaasaa hunda hammataa deeggaruufi hojii dippiloomasii jajjabeessuuf kutattuudha'' jedha ibsi Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa.
Tibba kana marii nagaa humnoota Tigraayiifi Mootummaa Federaalaa gidduutti gaggeefama jedhameef mootummaan mariyattoota isaa ifa gochuu hordofee humnoonni Tigraayis bakka buutota isaanii ifa godhaniiru.
Qaamoleen lameen bakka buutota isaanii dubbii nagaa kana adda haa baasan malee marichi eessattiifi yoom akka gaggeefamu ifatti wanti dubbatame hin jiru.
Ergamaan addaa kun dhimma waraana Itoophiyaa bira darbees waayee hidha Haaromsaa Itoophiyaas ni kaasu jedhameera.
Daawwannaa isaanii Itoophiyaan duubas Masriifi Emireetota Arabaa bira dhaqu.












