Poolisiin naamusaa Iraan shamarree waggaa 16 hanga of wallaaltuutti reebuun ibsame

Shamarreen sun wayita hakiifamte baabuura keessaa baafamtu

Madda suuraa, IRNA

Maxxanfame

Roogeeyyoonni poolisoonni naamusaa Iraan shamarree hijaaba hin uffanne reebuu isaanii balaaleeffachuun, suuraa shamarreen jedhamte sun osoo koomaa [of wallaaltee] keessa jirtuu agarsiisuu maxxansan.

Armiitaa Geraavaand kan umuriin waggaa 16, guyyaa Dilbataa erga buufata Shoohaadaa irratti baabuura magaalaa Teehraan yaabbatteen of wallaalte.

Qondaaltoonnis erga of wallaalteen booda wayita baabuura irraa harkiisuun buufamte waraabbii CCTV gadhiisan.

Gareen mirga namoomaa Hengaw garuu shamarreen tun ''miseensoota naamusaatiin miidhaan qaamaa olaanaan irra gahe'' jedhu.

Itti dabalunis Armitaan eegumsa nageenyaa cimaa jalatti hospitaala Teehraan Faaji keessatti wal'aanamaa jiraachu hime. Kana malees bilbilli maatii ishee hundaas jalaa fudhatameera jedha dhaabbanni kun.

Guyyaa Wiixataa, gaazexxeesituu dubartii gaazexaa Shaarqi jedhamuuf hojjattu kan dhimmicharratti gabaasuuf hospitaala deemtee turte yeroo gabaabaa erga hidhanii booda gadi dhiisan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Gareen Hengaw, kan saba xiqqaa Kurdish irratti xiyyeeffachuun hojjatu, Kibxata waaree booda akka jedheeti, Armitaan Tehiraan keessa jiraatti. Garuu ammoo ollaa lixa Kermaanshaah kan Kurdishootii keessatti baayyatan irraa dhufte jedheera.

''Isheenis qondaaltoota mootummaatiin buufata Shohaadaa irratti reebamte...sababii seera 'hijaabaa' hin kabajne jedhuutiin'' jedhe dhaabbanni kun. Sababii kanaatiinis miidhaan erga irra qaqabeen booda hospitaalaati geeffamtes jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas rooggeeyyii mirgaa beekkamoon lama Rooyitarsiitti akka himaniitti, ergamtoota koodii uffannaa cimaa raawwachiisan waliin walitti bu'anii turan jechuun himan.

Namni maqaansaa hin dhahamn e tokko ammoo akka raadiyoo Amastardaam bu'uurreeffate Zamaneh'tti himeetti, shamarreen tunis erga baabuura keessa seenteen booda namoota seera kabachiisaniin baabuura kessatti darbatamte utubaan sibilaa mataashee dhahe jedhan.

Alkan Kibxataa ammoo gareen Hengaw toora tiwitara isaa irratti, suuraa Armitaa of wallaaltee hospitaala keessa ciistuu maxxanse.

Suuraan BBC addatti hin mirkaneessise kunis, shamarreen rifeensa gabaabaa mataasheerra madaan saamsamee, dugdaan siree irra ciiftee fi ujummoon argansuu godhameef mul'isa.

Akkasumas gareen Mirgaaf falmu kun, maatiin Armitaa, bakka qondaaltoonni mootummaa olaanoon argamaniitti, hospitaalicha keessatti gaazeexaa mootummaa Iraan af-gaaffiin taasifamuuf ilaalchisee odeeffannoon gahuu himeera.

Gaazeexaan kunis haatii Armitaa, erga waraabbii CCTV ilaalaniin booda wanti Dilbata ta'ee ''balaa'' akka hin taane amanuu dubbachuusaanii gabaase.

''Dhiibbaan dhiiga intalakoo gadii bu'eera jedheen yaada. Dhiibbaan dhiiga ishee gadi bu'eera jechuu isaanii hin hubadhu,'' jechuu waraabbii sagalee haadha baayyee gulaalamee Irna maxxanseera.

Daarektarri Olaanaan baabuura magaalaa Teehraan, Maasuud Doroosti, Shamarree sanaafi imaltoota kaan ykn hojjattoota baabuuraa jidduu walitti bu'insi omaatu akka hin turre haale.

''Oduuwwan ergamtoota baabuuraa waliin waliitti bu'iin jira jedhu ... dhugaa miti. Kunis waraabbii CCTV'n mirkanaa'eera'' jechuun gaazexichatti hime.

Waraabbichis Armiitaan osoo shamarran biraa lama waliin deemtuu agarsiisa.

Yeroo muraasaan booda ammoo shamarreen tokko baabuurra irraa bu'uun lafatti gadi jetti.

Isaan boodas shamarreen suniifi imaltoonni kaan Armitaa of wallaalte jirtu harkaafii miilashee qabuudhaan lafarra yoo ciibsan mul'atu.

Lammiileen Iraan miidiyaa hawaasaa fayyadaman muraasnis viidiyoon mootummaadhaan gadi dhiifame sun ala malee keessoo baabuuraa akka hin agarsiifne hubatan.

Waraabbiin seensaa bakki hijaabni itti sakkata'amus gadi hin lakkifamne.

Kanaan duras shamarree Mahsaa Amiinii kan umuriin waggaa 22 fi dubartiin Kurdish erga poolisoota naamusa kabachiisaniin 'sirnaan hijaaba' hin uffannee jedhamte erga mana hidhaa galfamteen booda Fulbaana 2022 keessa du'e hordofee biyyattii keessatti hokkora cimaan umamee ture.

Namoonni ijaan argan garuu shamarreen sun qondaaltoota mootummaan akka reebamte yoo himan, qondaaltoonni mootummaa garuu du'a ishee rakkoo fayyaa dura tureedha jechuun haalan.

Waraabbiin CCTV garuu shamarreen sun jidduugala hidhaa keessatti of wallaaltee erga kufteen booda hospitaala galuu agarsiise.

Kana hordofunis namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeeffaman kumaatamni ammoo humnoota nageenyaa mootummaattiin to'annoo jala oolfaman.

Erga shamarree Mahsaa duutee amma waggaa tokko durbbuufi mormiin hanga tokko hir'atulleen, darbee darbee hiriirri kan gaggeeffamaa jiruu yoo ta'u, shamarranis diddaa isaanii agarsiisuuf jecha ifatti seera uffannaa cabsuun mataatti osoo hin haguuggannee yoo deeman mul'atu.