Seeraa Iraan: Dubartoonni danbii uffannaa cabsan hanga hidhaa waggaa kudhaniin adabamu

Madda suuraa, Rooyitarsi
Paarlaamaan Iraan seera dubartootaafi shammaran danbii uffannaa cabsanii argaman hanga hidhaa waggaa kudhaniin adabsiisu raggaasise.
Namoonni ‘’akkaataa barbaadamuun hin uffanne’’ hanga hidhaa wagga kudhaniin adabamuu danda’u. To’annoo seeraa jala ooluun yeroo qorannoo waggaa sadiis ni eeyyamama.
Akkasis tahee hojiirra ooluuf mana maree olaanaa biyyattii ‘Guardian Council ‘ jedhamuun ragga’uu barbaachisa.
Seerri kun waggaa du’aatii Maahisaa Amiinii hordofee biyyichatti hookkarri guddaan ka’etti dhufe.
Maahisaa Amiinii akkaataa barbaachisuun hin uffanne jedhamuun poolisiin erga to’atamtee buufata poolisii keessatti miidhamuun duute jedhame.
Dubartootni hedduun hiriira mormiif bahanii ture kaan iskaarfii [haguuggii] isaanii guban, kaan ammoo ol qabanii mirmirsuun mormii isaanii itti dhageessisaa turan.
Yeroo hiriira mormii sana keessa namootni dhibbaan lakkaa’aman humnoota nageenyaan ajjeefamaniiru.
Kaameeraan basaasaa daandii irratti hidhamuu fi pooliisiin seera kana kabachiisu bobbaafamus shammarranii fi dubartootni hedduun rifeensa isaanii uummata keessatti haguuggachuu dhiisaa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka seera Iraan akkaataa seeraa Shaariyaa biyyichaan hiikamuutti shamarranii fi dubartootni umurii dargaggummaa keessa jiran rifeensa isaanii dirqama haguuguu qabu, akkasumas hijaaba dheeraa fi bal’aa tahe uffachuu qabu.
Ammatti shammarranii fi dubartootni seera kana cabsanii argaman, hidhaa guyyaa kudhanii hanga turban lamaa gahuu fi riyaalii 5,000 hanga 500,000 tahuun adabamu.
Roobii kaleessaa paarlaamaan biyyattii sagalee caalmaa 152 fi 34’n seera ‘’Hijab and Chastity’’ jedhamu dabarsan.
Akkaataa seera haaraa kanaatti dubartiin ykn shamarreen qixa sirriin hin uffatiin argamte yakka ‘’sadarkaa arfaffaan’ nama adabsiisa.
Kana jechuun hidhaa wagga shanii hanga kudhanii gahuu fi adabbii maallaqaa Riyaalii miliyoona 180 hanga 360 tahuun nama adabsiisa.
Dabalataan seerichi namoota miidiyaalee irratti uffata qaama agarsiisu uffachuu jajjabeessanii fi waa’ee hijaabaa irratti baacoo hojjetanis adabsiisa.
Akkasumas uummata keessa deemuu qofa osoo hin taane dubartootni konkolaataa qabanii fi ofumaan oofattan hijaaba hin uffanne yoo tahee akkaataa seera haaraa Kanaan adabamu.
Nmani kamiyyuu karaa qindaa’aa taheen, ykn mootummoota alaa hariiroo gaarii hin qabne, miidiyaalee fi dhaabbilee biroo waliin tahuun, danbii uffataa kana cabsuuf hojjetan hidhaa wagga afurii hanga kudhanii tahuun dabamu.
Seerri kun isa xumuraaf akka raggaasifamuuf gara mana maree olaanaa biyyattii ‘’Guardian Council’ jedhamuu, abbootii amantaa fi seeraa irraa kan ijaarameetti ergama.
Heera biyyattii fi Shaariyaa waliin adda addumaa yoo qabaate seera kana raggaasisuu dhiisuu danda’u.
Jalqaba ji’a kanaatti, ogeesotni mirga namoomaa UN saddet tahan , wixineen seeraa kun sirna appaartaayidii koorniyaa irratti labsamedha jechuun balaaleffataniiru.
Mootummaan dubartootaa fi shamarran tooftaa addaan cunqursuun akka bitamaniif godhee bulchuuf jedhu jedhan.
‘’Seerri kun mirgoota bu’uuraa akka sagantaalee aadaa keessatti hirmaachuu, cunqursaa koorniyaa irra gahu, bilisaan yaada ofii ibsachuu, hiriira nagaa gaggeessuu, tajaajila hawwaasummaa ,barnootaa, fayyaa argachuu fi mirga bilisaan socho’uu sarba jedhan ogeessonni kunneen.












