Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaqitti alkooliin dhorkamnaan paartiin Kiristaanaa mormii kaase
Iraaqitti alkooliin bituufi gurguruun dhorkamuu hordofee namoonni siyaasaa Kiristaanaa murtii kana mormaa jiru.
Dilbata [Bitootessa 5] irraa eegalee labsiin dhugaatii alkoolii gara biyyaatti galchuufi gurguruu dhorku akka hojiirra ooluuf, angawoonni gumuruukaa akka hojiirra oolchan ajajni kennamee jira.
Iraaqitti paartin Kiristaanota bakka bu'e labsii kana mormus ji'a darbe labsiin alkoolii biyyatti galchuufi gurguruu dhorku ragga'ee ture.
Paartiin Kiristaanaa parlaamaa Iraaq keessatti teessoo shan qofa kan qabu ta'us alkoolii dhorkuun dimokiraasii kan faallessuudha jechuun himata akka banu beeksise.
Iraaq biyya hordoftoonni amantii Islaamaa itti heddummatan yoo taatu, kanaan dura mana alkoolii hayyama qabu irraa alkoolii manatti bitatanii galuun ni danda'ama ture.
Seerri alkoolii biyya keessatti galchuufi gurguruu dhorku jalqabarratti bara 2016 bahus ji'a darbe keessa ragga'e.
Oliyannoo mana murtiif dhiyeessaniin, miseensonni Sosochii Baabiloon labsichi heera biyyattii cabse jechuun morman.
Sababni isaa heera Iraaq keessatti mirgi warra lakkoofsan xiqqaa (monority) eegamaadha.
Akkasumas labsiin alkoolii dhorkuu kun dambii mootummaan kanaan dura baase kan faallessuudha.
Mootummaan ji'a Guraandhalaa keessa omishaalee alkoolii alaa galan irratti waggoota afran dhufaniif taarifa 200% kaa'uu beeksisee ture.
Alkoolin dhorkamuun gabaa gurraachaf carraa banuudha jedhanii kan falmanis jiru.
Sarmad Abbas magaala Bagidaaditti bakka bu'aa mootummaati. Akka barsiisa Islaamatti alkoolii fayyadamuun dhorkaa akka ta'e ni amana.
"Garuu kuni mirga lammiilen dhuunfan qaban waan ta'eef lammiilen akka hin fayyadamne dhorkuun sirrii miti," jechuun AFPtti dubbate.