Seenaa taphataa sarara gidduu lammii Nooriweey Naaziiwwaniin falme

Maxxanfame

Fulbaana bara 1933 buufata baabuura Haamburgitti cimdiiwwan dirree kubbaa miilaa lama adda bahuun dirqama itti ta’e.

Asibiyooriin Haalvoorsan gara Nooriwee imalaa jira. Yeroo dheeraadhaaf taphataa sarara gidduu ta’uun taphateera.

Lammiilee biyya biraa Liigii Jarman keessatti taphatan keessaa kan duraati.

Hiriyaansaa Ottoo Firiitiz ammo kubbaa Haalvorsan irraa dabarfamuuf goolii galchuun beekama.

Galanni gooliiwwan Haardar galcheef haa ta’utii Haamburgi bara 1923 fi 1928tti waancaa Liigii Jarmanii injifachuu danda’eera.

Haardar gara buufata Baabuura Haamburgiitti kan imale hiriyaa kilabii irraa yeroo dheeraatti nagaa dhaamuuf malee diraamaa jireenya isaa jijjiruu arguuf hin turre.

Yeroo sanatti Haalvoorsan kan waggaa 34 ture. Kaayyoon isaas biyyasaa Nooriweetti deebi’uun miseensa waldaa kubbaa miilaa ta’uun tajaajiluu ture.

Innis olompikii bara 1936 hogganuun meedaaliyaa naasii argachu danda’eera. Kunis hanga har’aattuu kabaja idil-addunyaa garee biyyaaleessaa tokkicha.

Haata’u malee Haalvoorsan irra caalaa kan beekamu meedaaliyichaan osoo hin taane gootummaa tibba waraana Addunyaa lammaffaatti raawwateen.

Haalvoorsan tibba waraanaa addunyaa lammaffaatti humna garee weeraraa Naazii Nooriweey bulchaa ture waraaneera.

Isaan boodas qabamuun gara kaampii ajjeechaa jumlaatti geeffameera.

Haardar wagga jahaan Haalvoorsan angafa ture. Waraanichi cimaa dhufnaan garee eegdoota Adolif Hiitilar kan ta’e SS jedhamuutti makame.

Haadar guddina argachuunis itti gaafatamaa jidduugala ajjeechaa Naazii tokkoo taasifamuun mudame. Kaampiin kunis kan Haalvoorsan keessatti hidhamee turedha.

Haata’u malee taphattoonni Haambargi lamaan lammaffaa akka deebi’anii wal hin arginitu himama.

Yuurgan Kowaaleewusikiin barsiisaa seenaa turan. Barattoota isaanii waliin ta’unis qorannoo waa’ee seenaa Haalvoorsan qo’atu tokko hojjataniiru.

Haalvoorsan kilabii magaalaa umurii waggaa 18tti dursaa ta’uun itti taphatetti waancaa Nooriweey kaasuu danda’eera.

Taphataa kubbaa miilaa ta’uun alattis faddaala doonii ta’un jireenya isaa deeggaraa ture. Yeroo carraan gara Jarmanii ittiin imalu mijatuufiittis ijasaatuu hin sukkumatiin fudhate.

Kitaabni waa’een taphattoota kubbaa miilaa lammiilee Noriwee gurguddoon irratti barraa’ee tokko akka eeruutti, Haalvoorsan dursaa garee Biyyaaleessa Jarman akka ta’uuf waamichi wayita dhiyaateefitti lammummaasaa jijjirachuu hin barbaanne ture.

Taphataan kunis maqaa Nooriweetti qabu caalaa maqaan Jarmaniitti horateetuu caalaa bahee dhagahama ture.

Haata’u malee bara 1933tti baatii Fulbaanaa keessa baabuura Haamburgii ka’een gara Nooriweetti imale.

Barsiisaan seenaa kun akka jedhaniittis, Haalvoorsan Jarmanii gadhiisuun kan bahe sababii siyaasaatiin jechuun rakkiisaadha.

Haata’u malee waggoota sadiin boora bara 1936tti olompikii Barliin irratti hirmaachuuf garee biyyaaleessaa qabatee gara Jarmaniitti deebii’eera.

Tapha nuusa xumuraa irattis Nooriweefi Jaramaniin wal argan. Gareen Adooliif Hiitilar kan tapha kubbaa jaalatanis tabbicha doowwachuuf istaadiyeemiitti argaman.

Haata’u malee gareen biyyaaleessaa jarman hedduun oddeeffameef garee Nooriweetiin 2fi 0 injifamuun taphaan ala ta’e.

Hitilaris aariidhaan osoo taphichi hin xumuramiin dura istaadiyeemii gadhiisee akka bahe himama.

Bara 1940tti ammoo warra Naazii Nooriweey weeraran. Achiniis Naaziiwwan Waldaa Kubbaa Miilaa Noriweey bulchuu barbaadan.

Yeroo sanatti leenjiisaa garee biyyaalessaa fi itti gaafatamaa Waldaa Kubbaa Miilaa Nooriweey kan ture Haalvoorsan tarkaanfii Naazootaa kana mormuun xalayaa barreesse.

Kana malees seera aangawoonni Naazii taphoota kubbaa miilaa irratti argamuun akka asxaa warra Naazii hin mirmirsine dhorku baase.

Bara 1942tti Haalvoorsan dhoksaadhaan gaazeexaa maxxansaa jira jedhamuun aanga’oota Naazitiin to’annaa jala oolfame.

Kanaanis wagga tokkoof Nooriwee keessatti hidhaarra akka turu taasifame.

Xalayaa obbooleessa isaatiif ergeenis, ‘‘Beela’eera. Gara Jarmanii akka na geessuu danda’aniin yaada’’ jechuun barreessee ture.

Akkuma jedhees gara Jarmaniitti geessaniin.

Kaampii Haalvoorsan itti hidhamee keessatti namoonni hidhaman hundi hojiiwwan humnaa kan akka ijaarsaa fa’I hojjachuutu irraa eegama ture.

Gaazeexaan Nooriwee Jooyizimaar jedhamu tokko akka barreesseetti, lammiilee Nooriwee 504 kaampii sana keessatti hidhaman keessaa 266 qofatu lubbuun hafu danda’e.

Dhimmoota hidhamtoota hedduun akak du’an taasisan keessaa eegdoonni mana hidhaa sanaa gara jabeeyyii ta’u, huuqiinaafi dhiibee kanneen dursaan ka’an keessaayi.

Haalvoorsan Jarman keessatti taphataa kubbaa miilaa beekamaa ta’unsaa isa fayyadeera. Eegdoonni kaampichaa isaaf eeggannoo fooyya’aa taasisuuf ture.

Bara 1944tti ammo Haalvoorsangara kaampii biraatti dabarfame. Waggaa tokkoofi walakkaan booda ammo gara kaampii hidhaa Kibba Jarmaniitti argamuutti dabarfame.

Hidhamtoota kaampii sanaa keessa tokko kan ta’e Kirisitiyaan Prooseen yaaddanoo dhunfaa isaa irratti akka barreesseetti, siren kaampichaa kan injiraaniifi tafkiin guutaman turan.

Atooseen barreeffama isaatiin akka eereetti, Haalvoorsan hidhamtootaaf sagalee ta’udhaan nyaata fooyya’aa akka argatan taasisaa ture.

Guyyaa tokko ammoo Haalvoorsan hidhamtoota keessaa tokko akka reebuuf eegdoota kaampichaatiin gaafatamnaan waan dideef dararaan yoo irratti raawwtamu taajjabuu barreesseera.

Ebla 1945tti ammo irra deebiin Haalvoorsan gara kaampii dhiheenya Haamburgiitti argamuutti akka dabarfamu ta’eera. Kanaanis Haalvoorsan magaalaa bara tokko beekamaa itti tureetti amma hidhamaa ta’uun geeffame.

Achittis beelaafi dhibeen rakkaataa ture. Keessattu dhibee taayifoyidii tibba sanatti babal’atee tureen qaamnisaa gar malee miidhame.

Kaampii hidhaa Niiwungaam jedhamu keessattis yoo xinnaatee namoonnu 42,900 akka du’an ragaaleen ni mul’isu.

Haardar ittigaafatamaa kaampichaa ta’e wayita jiruutti badii qaqabsiiseef hidhaan wagga 15 itti murtaa’uun, wagga afuriif erga hidhaarra tureen booda umurii waggaa 63tti bara 1956tti du’aan boqateera.

Haata’u malee Haardarii fi Haalvoorsan tibba waraanaa addunyaa lammaffaatti qaamaan wal haa arganii ykn haa hafanii wanti barraa’e hin jiru.

Waraanni addunyaa lammaffaan mo’atamu Naaziitiin yoo xumuramu, beelaafi dhibeen dararamaa kan ture Haalvoorsan gargaarsa fannoo diimaatiin mana hidhaa keessaa bahe.

‘‘Wanti akka beelaa hamaan hin jiru’’ jechuun ture erga bayyanateen booda af-gaaffii taasifameef irratti kan dubattee ture.

Haalvoorsan deebiisee Waldaa Kubbaa Miilaa Noriweetti Barreessaa Olaanaa ta’un tajaajiluu eegale.

Waancaa Addunya bara 1954tti wayita Jarmaniifi Nooriweey taphataniitti deebii’ee gara Haamburgitti imalee ture.

Haalli fayyina Haalvorsan yeroodhaa gara yerootti dadhabaa adeeme. Dararamni qaamaa fi dhibeen wayita mana hidhaa ture isa mudate dadhabsiiseeraani.

Dhumarratti Haalvoorsan Waxabajjii bara 1955 irratti du’aan addunyaa kanarraa boqate.