Chaayinaan yaaddoon dabaluu akeekkachiifte, bajata waraanaa dabalte

Maxxanfame

Chaayinaan bara kana bajata waraanaa ishee dhibbeentaa torbaan akka dabaltu beeksifte, yaaddoon dabalaa jiraachuus akeekkachiifte.

Yaa'ii Koongireesii biyyattii National People's Congress (NPC) gubbaatti yaadi kun kan dhiyaate yoo ta'u, waltajjiidhumti kun pireezidantiin biyyattii Shii Jiinpiing marsaa sadaffaaf pireezidantii ta'anii akka turan murteessa jedhamee eegama.

Bajatni waraanaa Beejiing kan waggaa doolaara biiliyoona 225 yeroo ta'u ammallee kan US irraa dachaa afuriin xiqqaata.

Xiinxaltootni garuu Chaayinaan isa ittisaaf ramaddu beekaa cabsitee himti malee guddaadha jedhu.

Ministirri muummee biyyattii amma aangoo gadhiisaa jiran Lii Keekiyaang madda oduu NPC jedhamutti yaada himaniin ''qaamolee alaatiin Chaayinaa gadi qabuufi to'achuuf yaaliin godhamu dabalaa jira'' jedhan.

''Humni waraanaa shaakala waraanaa jabeessuu qaba, daangaa hundattuu qophaa'ummaan jiraachuu qaba.''

Yaa'ii paarlaamaa kana irratti biyyattiin guddina diinagdee xiqqaa dhibbeentaa 5 galmaan gahuuf akka hojjettu ibsameera.

Yaa'ii bara kanaa irratti aanga'oonni Paartii Koministii biyyattiifi dhaabbilee adda addaa keessatti haaromsa ni gaggeessu jedhamee tilmaamama.

Itti dabaluun yaa'iin kun Shii Jiinpiingii yeroo sadaffaaf Pireezidantii biyyattiifi hogganaa waraanaa gochuun filatee ni muuda.

Wanti paarlaamaan kun godhu Shiin Onkoloolessa darbe paartii isaaniin dura taa'aa ta'uun akka tajaajilan filatamuu hordofee filannoo isaanii kana akka biyyaatti raggaasuudha.

Dubbiin bajata waraanaa dabaluu kun biyyattiin US waliin dhimma waraana Yukireen irratti waldhabuu, dubbiin afuuffee basaasaa ka'uufi pireezidantii Raashiyaa Putiin waliin hariiroo cimsachuun yeroo dabaletti dhagaahame.

Gama kaaniin aanga'oonni US, Chaayinaan waggoota muraasa dhufan keessatti Taayiwaaniin weeraruu malti jechuun akeekkachiisaniiru.

Chaayinaan daangaa Taayiwaanitti gama qilleensaa fi galaanaan sochii waraanaa jabeessitee jirti.

Misaayela baalistikiis dhukaafteetti.

Chaayinaan biyya ofiin bultu Taayiwaaniin akka qaama isheerraa fottoqxeetti ilaaluun Beejiingitti dabaluu yaaddi.

Yaa'iin kun bakka ministira muummee aangoo gadhiisaa jiran Lii Keekiyaang Ministira muummee haaraa ni muuda jedhamees eegama.

Aangoon Ministira muummichaa inni ijoon haala diinagdee biyyattii hordofuufi sirna bulchiinsa mootummaa to'achuudha.

Hiriyyaan Shii Li Qiang, ministira muummee haaraa ta'uuf akka jiranis gaabaasaleen bahaa jiru.