UK'n garee Waagneer shororkeessaa jechuun labsuufi

UK'n garee Waagneer shororkeessaa jechuun labsuufi

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Mootummaan UK garee hidhattootaa Raashiyaa, Waagneeriin, dhaabbata shororkeessaa jechuun labsuuf. Kana jechuun ammoo garee kana gargaaruunis ta'e miseensa isaa ta'uun seeraan ala ta'a jechuudha.

Wixineen paarlaamaa biyyattiif dhiyaachuuf jiru kun qabeenyi dhaabbatichaa qabeenya shororkeessitootaa jedhamee akka seeraan jalaa fudhatamu hayyama.

Hoggantuun dhimma biyya keessaa UK, Su'ellaa Breevermaan, ''Waagneer jeeqaafi balleessaadha...meeshaa waraanaa Vilaadmiir Puutiini'' jedhan.

Itti dabaluunis gochaan garee kanaa Yukireeniifi Afrikaa keessaa ''nageenyaa addunyaaf yaaddoodha'' jedhan.

Su'ellaan itti dabaluun ''gochaan tasgabbii dhorkuu Waagner itti fufuun fedha siyaasaa Kireemliin galmaan gahuu itti fufa'' jedhan.

''Isaan shorokeessitoota. Ifaafi salphaadha-wixineen labsii kun seera UK irra ifatti akka jiraatu gargaara'' jedhan.

Hidhattootni Waagneer duula Raashiyaan Yukireen irratti bante keessatti gahee olaanaa bahaa turan. Biyyoota Afrikaa akka Maalii, Liibiyaa akkasumas Siiriyaa keessatti duula gaggeessaa jiru.

Hidhattootni kun ajjeechaa fi lammiilee nagaa Yukireen dararuun ni himatamu.

Bara 2020'tti gareen kun naannawa magalaa guddoo Liibiyaa Tiriippoliitti dhuka'aa lafa jalaa hedduu awwaaluu US beeksifte ture.

Adoolesssa darbe ammoo gareen hidhattootaa kun Maaliifi Rippaablikaa Gidduugleessaa Afrikaa keessatti ajjeeecha fi dararaa raawwachuu'' mootummaan UK himateera.

Ji'oota dura hogganaan garee kanaa mootummaa Putiin irratti fincila hin milkoofne gaggeessuu booda hegereen garee kana maal akka ta'u gaaffii uumeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2014'tti garee hidhattootaa kana kan hundeesse Yiveeginii Pirigoozhin Hagayya 23 balaa xiyyaaraan lubbuun darbee, magaalaa Seent Piiterisbergitti awwalameera.

Amma sochii mootumaan UK eegaleen maqaan garee hidhattoota Raashiyaa kanaa tarree qaamolee hidhatanii biyyattiin shorokeessitoota ittiin jetteetti makama. Amma dura biyyattiin Bookoo Haraam (kan Naayijeeriyaa keessa socho'u) fi Hamaas( Paalistaayin keessajiru) shororkeessitota jetteetti.

Labsiin shororkeessummaa 2000 Paarlaamaaf dhiyaatu yoo ragga'u, garee kanaaf haala mijeessuun kan deeggaru, kaayyoo isaa babal'isuuf kan gargaaruufi alaabaa fi mallatto isaa kan agarsiisuu seeraan akka adabamu taasisa.

Namni yakka kanaan walqabatuun himatame hidhaa hanga waggaa 14 fi adabbii maallaqaa hanga paawundii 5,000 adabamuu danda'a.

Miseensonni Paarlaamaa labsiin kun akka dafee bahu dhiibbaa gochaa turan.

Amma dura waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen walqabatee UK'n qabenyi hogganaa Waagnar lubbuun darbee biyyattii keessa jiru akka hin sochoone dhorka keessee ture.