'Yaaddahee dhokadheen jira, maatii koo nama afur qabaniiru' - Kara Deemaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Torbanoota dura rakkoo nageenyaa hamaa Godina Kaaba Shawaa Aanaa Darraa keessa jiru miidiyaaleetti baasuun ijoo dubbii kan ta'e Daani'eel Gammadaa (Kara Deemaan) nageenya isaaf yaaddahee dhokatee akka jiru BBCtti hime. Obbolaansaas hidhamuu dubbate.

Daani'eel guyyoota 11'f Aanaa Darraa keessa socho'ee uummata dubbisaa erga turee booda yakkoota uummata nagaarratti hidhattoota Faannoon raawwatamu ilaalchisee viidiyoofi suuraalee akkasumas gaabasa barreeffamaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodaa ture.

BBC dabalatee miidiyaalee adda addaa waliinis af-gaaffii godheera.

''Rakkoo uummatni Darraa keessa jiru wayita ifa baasu rakkoo uummataa ifa gochuu koo malee rakkoon biraa narra gaha jedhee hin eegne ture'' jechuun amma nageenyisaa haala rakkisaa keessa galuu BBCtti himeera.

Haala yeroo ammaa keessa jiruuf humnoota mootummaa himate. Himannaa kanarratti BBC'n aangawoota mootummaarraa deebii argate hin qabu.

Erga odeeffannoowwan haala Darraa himan gurra guddaa horataniifi ajjeechaan gara jabinaa dargaggoo tokkoo dheekkamsa guddaa kaasee booda ''qaamoleen tikaa mana jireenyaakoo naanna'uu eegalan'' jedha.

''Rakkoon Darraatti ta'e rakkoo nama takkaa miti, rakkoo uummataati. Rakkina uummataa ammoo isan dhaqee argen uummatatti gadi baase. Wanti sun ammoo warra biyya bulchaa jiranitti hin tolleen se'a'' jedha Daane'l.

Sababammoo yoo ibsu ''osoo ta'eefiira ta'ee wantan amma ta'aa jiru hin ta'un ture'' jedha.

Qaamolee nageenyaa mootummaati kanneen jedhe dhiyeenyaan isa hordofuu kan eegalan Darraa dhaqee erga deebi'ee guyyoota sadii booda ta'uu dubbate.

''Naannoo kootti haala baratamaa hin taaneen konkolaattotni tikaa, lakkoofsa gabatee afur qaban marsuu erga jalqabanii booda waahillan koo manni koo marfamuu natti himanii'' jedha.

Odeeffannoo kana booda iddoo jijjiirrachuu kan dubbatu Daani'eel, erga inni bahee qe'ee deemanii isa iyyaafatanii deebi'uu hima. Sana boodas ''namootni maaskii fi kooffiyaa godhatan guyyoota afuriifi shaniif qe'eesaatti marmaaruu hime.

Boodas haati warraa fi mucaansaa bakka biraa akka deeman gochuu dubbate.

Haata'u malee guyyaa Wiixataa darbe galgala naannoo sa'aa 11 booda qaamoleen nageenyaa mootummaa mana isaa naannoo Haayilee Garament jiru galuun obbolaasaa lama fi hiriyootasa biroo lama fudhachuu himeera.

''Guyyaa kaleessaa ammoo gara galgalaa manuma kootti guutani. Gaafa seenan hojjettu mana kiyyaa reebanii erga isheen of wallaaltee booda namootni waldhaansa geessan.''

Odaa Gammadaa, Dabalii Beekamaa fi Raabbirraa ijoollee jedhaman ammoo konkolaataatti fe'anii fuudhanii deeman jedha.

Odaa Gammadaa obboleessasaa quxusuu ganna 18 ta'uu himeera.

''Konkolaataa biraa naanneffatanii ammoo obboleetiikoo Haannaa Gammadaa fudhatanii sokkan. Hamma ammaatti eessa akka geessan wanti beekamu hin jiru'' jedhe.

Qaamoleen nageenyaa kunniin keessaa muraasni huccuu dambii poolisii federaalaa uffachuu kaan ammoo huccuu seera kabachiistotaa uffachuu dhagahuu hime.

Wayita mana seenan ''Daani'eel eessa jira? Bakka inni jiru beektu, himaa'' jedhamuu isaaniis iyyaafachuu dubbate. Wanta inni fayyadamuufi bilbila isaa gaafachuus iyyaafachuu himeera.

Maatiinsaa bilbilaafi bakka inni jira beekuu akka hin dandeenyeefi yoo miidhamellee bakka kophaa miidhamu jirachuu dubbate.

''Waliin dhahanii dhufan Poolisii federalaafi kan Oromiyaa. Amma yaaddoon koo mucaa ishee dubaraa maaliif kophaatti fuudhan kan jedhudha'' jedha. Ammoo warri dhufan martuu Afaan Oromoo dubbachuu akka dhagahe himeera.

'Gochi koo mootummaa mufachiisa jedhee hin yaadne ture'

Mootummaan naannoo Oromiyaa ajjeechaa sukkaaneeessaa hidhattoota Naannoo Amaaraatiin aanaa Darraa keessatti raawwatame jedhame hordofee yeroo adda addaa ibsa baaseen ajjeechaa sana balaaleffateera.

Naannichatti naagaafi tasgabbii buusuuf hojii hojjechaa jiru akka jabeessus beeksisee ture.

Ammoo namni haala nageenyaa naannichaa uummata biraan gahe kun amma barbaadamuunsaa gaaffii itti uumeera.

''Rakkoo kana mootummaatu gochaa jira jedhee waan hin yaadneef, Faannootu gochaa jira jedhee waaniin amaneef kun mootummaa mufachiisa jedhee hin yaadne ture'' jedha.

''Amma garuu gocha sana keessaayyuu mootummaan akka harka qabu naa galee jennaanin miliqe'' jechuun dubbata.

Himannaa mootummaan rakkoo aanaa Darraa keessaa harka qaba jedhu kanaaf garuu ragaa gahaa hin dhiyeessine.

''Rakkoo uummataa gadi baasuun erga mootummaa mufachiisee, wanta sana kan godhe karaa biraa mootummaadha jechaadha'' jechuun himata.

Daani'eel haala uummatni keessa jiru ifa gochuu isaatiin rakkoo amma isaafi maatiisaa mudateen walqabsiisee gaabbii qabachuu yoo gaafannu ''sagalee uummataa yoon ta'u kun kan jalqabaa koo miti, uummata waliin dhaabachuu koof gaabbii hin qabu'' jedha.

Daani'eel haala qabatamaa uummatni keessa jirun ifa baase malee yakka tokkollee hin dalagen mootummaanis na adamsuu hin malle jedhee yaada.

BBCn erga yakka hin dalagnee qaamoleen nageenyaa mootummaa yeroo si barbaadan maaliif hin argamneef. Miliquu maaliif filatte? jechuun gaafateera.

''Mootummaan biyya kanaa callisee nama ajjeesa bar, maleessaa ani yakka hin qabu, wantan itti gaafatamus hin qabu. Na waamanii bakka isaan jedhanitti argamuu nan danda'a.

Waan uummataa namootni dubbatan deebiinsaanii abidda afaan rasaasaa waan taateef ajjeefamuu dandeenya jenneeti malee osoo biyya kana seerri jiraatee, osoodhuma yakkamaan seeraan ilaalama ta'eetii ani yakka maaliin dalageree?''