Dooniiwwan Ameerikaa xiyyaara baatan guyyoota 250 galaanarra turuun yaaddoo uume

Doonii Ameerikaa xiyyaarota baatu USS Abrahaam Linkan jedhamtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hanqinni nyaataa, meeshaaleen caccabuufi nuffiin miseensota waraanaa Ameerikaa kumaan lakkaa'aman dooniiwwan Ameerikaa xiyyaara baatanirra guyyoota 250 ol turanii yaaddessaa ta'aa jira.

Seera baasrtonni Ameerikaa Pentaagon dhimmicharratti deebii akka isaaniif kennuuf, akkasums bulchiinsi Tiraamp waraana Iraan akka xumuru dhiibbaa gochaa jiraachuun dhaga'ameera.

Sabaa-himaaleen dhimmoota waraanaa gabaasan tokko tokko hojjetoonni doonii USS Abrahaam Linkan irra hojjetan nuffuurraa kan ka'een gara galaanaatti utaaluuf yaaluufi maatiin isaanii ammoo hojjetoonni dooniirra hojjetan dhimmi fayyaa sammuu isaan yaaddessuu gabaasaniiru.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Hegseet, dubbii Kamisa dubbateen gabaasaaleen kunneen "gonkumaa kan hunda bakka bu'u miti" jechuun mormeera.

Dooniin xiyyaarota waraanaa fe'ate Kaalifoorniyaa irraa gara kibba Chaayinaatti kan socho'e Sadaasa keessa yoo ta'u, waraanni Iraan osoo hin jalqabiin dura akka gara Baha Giddugaleessaa deemu taasifameera.

Duulli jalqaba ji'a Caamsaa keessa xumurama jedhamee tures irra deddeebiin dheereffameera.

Miseensonni humna galaanaa kunneen guyyaan isaan gara maatii isaaniitti deebiyan hin ibsamne; haata'u malee, akka sabaa-himaaleen baayyeen Kamisa gabaasanitti Ameerikaan doonii USS Abrahaam Linkan jedhamtu kana USS Joorj Waashingiten ishee jedhamtuun bakka buusuuf qopha'aa jirti.

Senaatar Biluumeentaal Heegseetiif xalayaa barreesseen hojjetoonni 5,000 doonittiirra jiran, "rakkoo hanqina wantota bu'uuraa, faalama bishaanii, ujummoon bishaanii caccabuu, rakkoo fayyaa sammuu, yaaddoowwan nageenya doonittii, akkasumas harkifannaa sirna poostaa keessa jiruun ergaawwan ji'ootaan dura gara doonii kanaatti ergaman yeroo imalaa keessa akka badaniif sababa ta'eera," jechuun rakkoolee uumaman jedhe tarreesseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dimokiraatonni koree ittisaa keessaa tajaajilan gamasaaniin ''gabaasonni kunneen hatattamaan xiyyeeffannaa argachuu qabu,'' jechuun barreessaniiru.

Dabaluun humni galaanaa akkaataa duulli yeroo ammaa gaafatuun waan irraa eegamu hatattamaan raawwachuuf humna qabaachuu gaafataniiru.

Senaatarri Dimokiraatotaa kan biraan Ruuban Gaaleegoo humni waraanaa jilli Kongiresii akka doonittii daawwatuu fi ''yeroo hammaataa kana keessatti hordoffii fi qorannaa akka taasisu'' akka eeyyamu gaafataniiru.

''Akka hin daawwanne sababni nuti itti dhowwamnuuf tokkollee jiraachuu hin danda'u,'' jechuun X irratti barreessan.

Miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS jalqaba ji'a kanaa hojjetaan doonii tokko dooniirraa utaaluuf yaaluu fi ergasii wal'aansa fayyaa argachaa turuu aanga'oota maqaansaanii hin dhahamne eeruun gabaaseera.

Dhimma fayyaa ogeessa doonii kana ilaalchisee taatee mudate sirriitti baruuf qorannoon gaggeeffamaa jira.

Gabaasi The Military Times and Stars & Stripes jalqaba torbee kanaa baase miseensonni hojjettoota doonii hedduun doonii irraa utaaluuf akka yaadaa turan maatiisaaniitti himaniiru jedhe.

Yeroo dheeraaf dooniirra turuu fi haalonni doonii keessatti mudatan miseensonni gariin akka fayyaan sammuusaanii miidhamu taasiseera jedha gabaasi kun.

Haalota doonii keessatti mudatan kanneen hojjettoonni doonii eeran keessaa torbanii oliif osoouffata hin miiccatin turuun tokko.

Nyaata ho'aa sorachuu dhabuu fi yeroo yeroon gara handaara galaanaatti ba'uun qilleensa fudhachuu dhabuun taateewwan rakkoo hammeessan keessaati.

Hojjettoota doonii kana keessa turan keessaa maatiin nama tokkoo BBCtti akka himanitti miseensi maatii isaanii kun erga doonii kanarratti ramadamee ulfaatina kiilogiraama 29 hir'ise.

Adabamuu danda'a soda jedhuun eenyummaasaanii dhoksuun kan dubbatan namni kun hojjettoonni doonii gaalanatti utaaluuf yaaluu isaanii akka dhagahan ibsan.

Dhiheenya kana ergaa karaa WhatsApp waliif ergan keessatti ''baayyee dadhabeera'' jechuun barreessuufii himan.

Hojjettoonni doonii kunneen mootora dooniin akkasumas wayita xiyyaaronni ka'anii fi qubatan sagalee walirraa hin citne waan dhagahaniif baayyee miidhamuu ibsan.

"Ergama kenname ni hubata, haata'u malee, kun haala mijataa akka hin ta'iin ni beeka," jechuun miseesni maatii kun dubbataniiru.

"Boqochuuf miti kan deeme. Maal gochuu akka qabus ni beeka. Garuu osoo ulaan galaanaa hin jiraatiin, osoo miilli dacheerra hin ejjetiin, osoo wanti miira namaa gammachiisu hin jiraatiin itti fufuun ulfaataadha. Rifaatuu addaan hin cinnetu dhaga'ama. Ganama, waaree, akkasumas halkaniifi guyyaa rafaa, nyaachaa, shaaworii fudhachuudha. Sammuu keessatti yeroon nagaa ta'e hin jiru."

Kongiresmaaniin Kaalifoorniyaa Maayik Leeviin fuula X isaarratti, "bakki qaama itti dhiqatan alaahuu, manneen fincaanii caccaban, maashina uffata miican torbanootaaf hin hojjenne, bishaan ho'aa osoo hin argatiin yeroo dheeraaf turuu, ruuzii kubbaayyaa walakkaa, akkasumas toortillaa lama qofaa nyaachuu, saamunaa, dodoraantii ykn saamunaan ilkaanii dhibuun," rakkkoowwan hojjetoonni doonii kunneen kaasan keessaati.

Qorannoo Amajji 2025 hojjetoota doonii humna galaanaa 956 irratti hojjetameen, "rakkoo xiinsamuu hamaa" keessa akka jiran mul'ateera.

Qorannichi haala mana jireenyaa dadhabaa, wacaafi haalawwan hojii dadhabsiisoo yeroo boqonnaa gahaa namaaf hin kennine dhiphinaaf ka'umsa ta'uusaanii eeree jira.

Miseensota humna galaanaa Ameerikaa keessatti of ajjeessuun lakkoofsa guddaan dabaluun galmaa'eera.