KALLATTIIN, Ameerikaan dhorkaa ulaawwan Iraaanirra keesse yeroo hin murtoofneef akka dheeressuu dandeessu beeksifte

Ameerikaan dhorkaa ulaawwan galaanaa iraanirra keesse dheeressuun dhiibbaa dinagdee cimsuu akka dandeessu dubbatte. Ameerikaan kana kan jette mariin biyyoota lamaan gidduutti ni gaggeeffama jedhamee eegamu milkaa'uu dhabee muddamni yeroo cimaa jiruufi dhiyeessiin boba'a aaddunyaa wayita hir'achaa dhufettidha.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan lama haleelaman

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniiwwan Ulaa Hormuuuz keessa cehan

    Dooniiwwan lama cehumsarratti haleelamuu booda Ulaan Hormuuz danqameera. US uggura galaanaa Iraanirra keessa yeroo hin daangofneef akka itti fuftu himteetti.

    Aangawaan Iraan Roobii yaada kennaniin marii nagaa biyyoota lamaanii ilaalchisee jijjiiramni akka hin jirre ibsan.

    Waliigaltee yeroo Adoolessa mallattaa'e booda yoosuu cabe, Iraan haleellaa dooniiwwan heyyama malee cehan jetturratti haleellaa raawwatte.

    Kamisa waaree booda dooniiwwan lamaan kan qabeenya Dhaabbata boba'aa Abu Dabi Oil Company ta'an osoo Ulaa Hormuuz cehanii haleelamuu miidiyaan UAE WAM jedhamu gabaase.

    UAE'n Iraan himatte. Iraan deebii hin kennine.

    Kamisa ulaa kanarraan dooniiwwan sagaltu cehe. Roobii shantu cehe. Kun giddugaleessaan kan Hagayya 12 turee gadi akka dhaabbanni imala dooniiwwanii hordofe Kpler himetti.

    Jimaata waaree dura dooniin takkaa hin dabarre. Garuu kanneen hordoffii oonlaayinii malee cehan jiraachuu malu.

    "Uggurri Iraan dooniiwwan irratti gootuu fi balaan misoomawwan inarjiirratti gootu tooftaa dhiibbaa marii nagaa irratti gootuf ishee itti fayyadamtu" jedhu xiinxalaan yaaddoo balaa kan Baha Jiddugaleessaa kaampaanii intelejensii Verisk Maplecroft, Torbjorn Solved.

  2. Jaappaanitti roobni kanaan dura ''mul'atee hin beekne" namoota 8 ajjeese

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Rooba hamaa Jaappaanitti mudate

    Jaappaanitti rooba yandoo as dura mul'atee hin beekne mudate namoota saddeet yoo ajjeesu, buufata xiyyaaraa Tookiyoo Naaritaa dimbiliqsuun imaltoota danqe.

    Rooba aangawoonni "takkaa mul'atee hin beekne jedhaniin" bantiiwwan elektrikii kukkufuun manneen 20,000 kutaa bulchiinsa Chibaa keessatti argaman ibsaa malee hambise.

    Aangawoonni balaa hatattamaa sadarkaa shanaffaa jechuun ibsan, of eeggannoo olaanaa akka godhanis Kamisa uummataaf waamicha godhan.

    Jimaata sadarkaa 4ffaatti gadi bu'eera sadarkaan balaa kanaa.

    Garuu balaawwan sigiga lafaa, lolaa ammallee yaaddoo akka ta'an akeekkachiisan.

    Yandoon kun obomboleettii walitti aansee torban kana keessaa Jaappaanittii fi biyyoota olloota ishee mudate booda taatee mul'atee dha.

    Ogeeyyiin raaga haala qilleensaa taayfooniin (bubbee hamaan) hin baramin mudachuu akka danda'u raagan.

    Ejensiin Raaga haala Qilleensaa Jaappaan yandoon akkasii yeroo dhiyoo ho'aan, qilleensa jiidhaa gara baha biyyattii bubbisuu fi qilleensa qorraa gubbaa dhufuun wal makeen akka uumame hime. Haalli kun daran qilleensa jeeqamaadha jedhe.

    Roobni kun hanga Jimaata waaree boodaa tura jedhame.

    Bulchaan Chiibaa, Toshihiitoo Kumaagaayi "Taateen kun tasumaa seenaa haala qilleensaa Jaappaan keessatti kan hin baramne" jedhan.

  3. Biyyoonni 15 eegumsa galaanarraaf waliigaltee waraanaa mallatteessan

    Ilma mootii Sa'uudii Arabiyaa Mohammad bin Salman

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Biyyoonni 15 eegumsa galaana idiladdunyaaf qindoomina waraanaa uumuu irratti sanada waliigaltee qophaa'e mallatteessuu Ministeerri Ittisaa Sa'uudii Arabiyaa beeksise.

    ''Sanada waliigaltee kana biyyoonni mallatteessan 15 ga'aniiru. Biyyoonni 13 ammoo adeemsa biyyaalessaa isaanii erga xumuranii fi chaartara qindoomina kanaa erga mallatteessanii booda ifatti itti makamuu ibsaniiru,'' jedhi ibsi ministeerichi X irratti baase.

    Ibsi kun erga qaamolee qindoomina kanaa karoora baasan walga'ii sadaffaasaanii Kamisa darbe magaalaa Sa'uudii Arabiyaa, Jiddaatti gaggeessanii booda ba'e.

    ''Qindoominni amma uumame kun gara jaarmiyaatti ce'uu fi akka jaarmiyaatti hojii qindaawaa jalqabuutti darbuu kan agarsiisu yoo ta'u, biyyoonni hafan ammoo qindoomina kanatti makamuuf dhimmoota akka biyyasaaniitti qaban xumuraa jiru,'' jedha ibsi Sa'uudii.

    Qindoominni kun Sa'uudiidhaan kan durfamudha. Paakistaan ammoo itti aantuudha.

    Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoonni 13 biroon nageenya dooniiwwan karaa Ulaa Baab el-Mandab, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden darbanii eegsisuuf kan qindoomina kana uuman.

    Qindoominni humna waraanaa biyyoota hedduu irraa ijaaramee fi dhuma Adoolessaarratti ibsame kun nageenyi dooniiwwanii akka mirkanaa'u, daldalli galaanarraa akka hin gufanne fi ulaawwan boba'aa dhiheessan akka eegaman kan kaayyeffate ta'uun ibsameera.

  4. Iraan waraana Ameerikaa waliin gaggeessitu yeroo hangamiif itti fufsiisuu dandeessi?

    Akka odeeffannoo Wiirtuun Istaatistiksii Iraan baasetti qaala'insi jireenyaa %62 qaqqabeera

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Waraanni Iraan erga eegalee ji'oota torba darbeera. Dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa uumulleen angaa'onni Iraan garuu dhibdee kana furuuf waan ariifatan hin fakkaatu.

    Ameerikaan qofaasheetiin kallattii waraanichaa murteessuu akka hin dandeenye mul'isuu fedhu taha.

    Kana malees, Ameerikaa gama humna waraanaaa, dinagdee fi siyaasaatiin gatii kaffaalchiisuu fedhu. Karaa Kanaan waashingtan gaaffii Teehiraan akka fudhattu dhiibbaa uumuu baarbaadu.

  5. 'Waraanni Iraan Konkolaataawwan gurguddoo elektiriikiin hojjetan akka baayyatan godheera'

    Konkolaataa fe'umsaa elektirkiin hojjetu

    Madda suuraa, Reuters

    Erga waraanni Iraan jalqabameefi gatiin boba'aa dabalee as lakkoofsi konkolaataawwan gurguddoo Chaayinaan gara biyyoota Eeshiyaatti ergituu, akkasumas kan biyya keessatti gurgurtu baayyee dabaluun ibsameera.

    Chaayinaan konkolaataawwan giddu-galeeyyiifi gurguddoo ta'an saffisaan omishtee gabaaf kan dhiyeessitu yoo ta'u, kanneen biroos ishee hordofuudhaaf carraaqaa jiru.

    Guraandhala 28, 2026 erga Israa'el fi Ameerikaan waloon Iraanirratti waraana labsanii as lakkoofsi konkolaataa elektirikiin hojjetanii Chaayinaa gabaa alaaf dhiyeessitu dachaan dabaleera.

    Biyyoonni Eeshiyaa kibbaa fi kibba-bahaa boba'aa Baha Giddugaleessaatii ba'urratti hirkatu.

    Iraan Ulaa Hormuuz cufuu hordofee gatiin boba'aa akkaan dabaleera.

    Kun ammoo konkolaataa elektirkaa Chaayinaatiif gabaa uumuu globalpetrolprices.com, gabaaseera.

  6. Ameerikaan dhorkaa ulaawwan Iraaanirra keesse yeroo hin murtoofneef akka dheeressuu dandeessu beeksifte

    doonii boba'aa Ulaa Hormuuzirra dhaabbatu

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan dhorkaa ulaawwan galaanaa iraanirra keesse dheeressuun dhiibbaa dinagdee cimsuu akka dandeessu dubbatte.

    Ameerikaan kana kan jette mariin biyyoota lamaan gidduutti ni gaggeeffama jedhamee eegamu milkaa'uu dhabee muddamni yeroo cimaa jiruufi dhiyeessiin boba'a aaddunyaa wayita hir'achaa dhufettidha.

    Ministirri Ittisaa Piit Heegseet waraanni biyyattii dhorkaa Iraanirra kaa'e itti fufsiisuuf humna naannicha keessa turuuf isa dandeessisu akka qabu gaazexessitootatti himeera.

    Dhorkaan ulaawwan galaanaa Iraanirra kaa'ame dinagdee biyyattiirratti dhiibbaa uumaa jira.

    "Humni Galaanaa Ameerikaa dhorkaawwan akkasii yeroo hin murtoofneef itti fufsiisuu ni danda'a, sababiin isaa ammoo akkuma kanaan dura goone dooniiwwan jijjiirree galchuufi baasuu itti fufuna," jechuun wayita gara Paanaaamaatti imaletti gaazexeessitootatti dubbate Heegseet.

    Ministirri Maallaqaa Iskoot Beeseenti ammoo biyyisaanii dhiibbaa dinagdee Iraanirra geessisuuf karoorfachuu ifa godheera.

    Odeeffannoo dabalataa:

  7. ASHAMAA

    Akkam jirtu? Oduu toora kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    • Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu
    • Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Finfinnee qabxiileen falmisiisoon ka'an maali?
    • Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?
    • Dirooniin 'humnoota Tigraay sadii ajjeesee, torba madeesse'
    • Yaaddoo Iraan Tiraamp konkolaataa nyaata baatu keessa dhokachuun xayyaara akka jijjiiratan taasise
    • Himatamtoonni dhimma isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti miidiyaarrattii ibsa kennuu danda'uu?

    Kanneen jedhaniifi kan biroo qabanneerra.

    DHIYAADHAA!