Horsiisee Bultoonni Oromoo fi Affaar lola gidduu isaanii tureen Loon waljalaa fudhatan waliif deebisan

Naannoo Affaaritti kan argamtu aanaan Amibaraa fi Godina Harargee Lixaa aanaa Gumbii Bordoddee daangaa walii kan jiran yoo a'u hawaasni gama lamaanituu horsiisee bultoota.
Hawaasni lamaan sababa daangaa fi dheedicha lafaatiin yeroo adda addaatti lolli gidduu isaaniitti uumamaa kan ture yoo ta'u namarra miidhaan gahuu fi beellada waljalaa oofuun waan yeroo adda addaatti mudachaa ture.
Itti gaafatamaan Waajjira kominikeeshinnii Godina Harargee lixaa Obbo Faariid Isaaq BBCtti akka himanitti hawaasni gama lamaanii yeroo adda addaatti sababa lafa dheedichaatiin walitti bu'aa turani jedhu.
"Bara jijjiirama duraa yeroo wayyaaneerraa kaasee hawaasa kana lamaan gidduutti sababa lafa dheedichaatiin waldhibdeetu ture. Gama sanaas gama keenyaayis yeroo lolli uumamu loon waljalaa ooffachuun tureera" jedhan.
Tibba kanas qindeessummaa dhaabbilee miti mootummaa lamaatii fi deggarsa qaamolee mootummaa gama lamaaniin taasifameen loon hawaasni waljalaa fudhatanii fi waggaa tokkoo olture akka waliif deebisan ta'uus himan.
"Jaarsummaan si'a lama aanaa Amibaaraatti taa'ameera. Erga waliigalteerra gahameen booda araarrii fi qabeenya waliif deebisuun kuni eessatti haa raawwatamu kan jedhu maanguddoonnii fi abbootiin gadaa erga mari'ataniin booda Kibxata darbe Magaala Bordoddeetti araarri raawwatame" jedhan.
Sirna araaraa hawaasa horsiisee bultootaa naannolee Oromiyaa fi Affaar gidduutti taasifame kanarrattis loon waggaa tokko dura horsiisee bultoonni aanaa Amibaaraa hawaasa Oromoo jalaa fudhatan 31, kan horsiisee bultoonni Oromiyaa warra Affaar jalaa Ooffatan 28 akka waliif deebisan taasifamuus himan.
Kana malees hawaasni horsiisee bulaa naannolee lamaanii yeroo lolli isaan gidduutti mudatee turetti meeshaalee waraanaa waljalaa fudhatanii tures sirna kanarratti waliif deebisuus dubbatan Obbo Faariid.
Dhibdee sababa lafa dheedichaatiin naannoo Daangaa naannolee lamaanitti yeroo adda addaatti mudatuun alatti yeroo ammaa sochiin qaamolee hidhataniis naannoowwan kunneenitti kan mul'atu waan ta'eef, hawaasni gama lamaanii nageenya isaanii waliin tikfachuuf waliigaluus eeran.
Horsiisee Bultoonni Naannoo Affaar yeroo adda addaatti gama aanaa Gumbii Bordoddee fi Fantaallee akkasumas Mi'eessoodhaan yeroo adda addaatti lafa dheedaa babal'ifachuun dhibdeen uumamaa turuun niyaadatama.















