Indiyaatti lilmee tokkittiin barattoota 30’f talaalliin kenname

sirinjii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Indiyaa bulchiinsa Madiyaa Piradeesh keessatti lilmee/siriinjii takkittiin barattoota 30f talaallii kennuu isaaf oggeessi fayyaa qoratamaa jira.

Kun kan uumame mana barnoota Sagar jiru keessatti yeroo ijoolleef talaalliin Covid-19 kennamudha.

Qajeelfamni ministeera fayyaa Indiyaa talaallii Covid-19f, “lilmee tokko, sirinjii tokko, al tokko qofa,” jedha.

Hanga ammaatti Indiyaan talaallii Covid-19 biliyoona 2.03 ta’u kenniteetti.

Tatamsa’ina dhibee akka HIV hambisuuf siriinjiin takka qofa fayyadamee gatamu Indiyaa keessatti bal’inaan hojiirra oola.

Haata’u malee, kana dura sababa hanqina meeshalee wal’aansaan hospitaalonni siriinjii tokko irra daddeebiin yeroo isaan itti fayyadaman tureera.

Jetaandiraa Raayii, kan ijoollee kanaaf talaalli kenne, waajjira fayyaa irra sirinjiin tokko qofa akka kennameefii fi ajaja kennameef qofa hordofaa akka ture miidiyaatti himeera. 

Maatiin ijoollee isaanii waliin bakka talaalli kanaa deeman, rakkoo kana hubatanii angaa’ota mana barumsichaatti himaniiru.

Yeroo angaa’onni bulchiinsichaa mana barumsaa sana ga’an, Obbo Raayi mana barumsaa keessa hin turre, bilbillii isaas cufamee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wajjirri fayyaa bulchiinsichaa dhimmi kun itti gaafatamummaa dhabuudha jechuun ogeessa fayyaa kana himateera.

Haaluma kanaan, duula talaallii kanaaf qondaala meeshaa fayyaa bobbaase irrattis qorannoo eegaleera.

Dubbii himaan paartii mormituu Kongiresii ammo sababa taatee kanaan ministeerri fayyaa bulchiinsichaa aangoo gadhiiisuu qaba jechuun gaafataniiru.

Indiyaan addunyaa keessatti Chaayinaatti aantee talaallii Covid biiliyoona lamaa ol kennuun ishee lammaffaadha.

Kabaja walabummaa biyyatti wagga 75ffaa waliin wal qabsiisuun, mootummaan Adoolessa keessa guyyaa 75’f talaallii Covid buustarii bilisaan ga’eessota hundaaf akka kennu beeksiseera.

Akka ministeerri fayyaa Indiyaa jedhutti, ga’eeessota keessaa %98 kan ta’an yoo xiqqaate talaallii marsaa tokkoffaa kan fudhatan yoo ta’u, %90 ammoo guutummaatti talaallii marsaa hunda fudhataniiru.

Roobii darbe, biyyatti keessatti  sa’aatii 24 keessatti namooti 18, 313 ta’an Covid-19 yoo qabaman, 57 ammoo lubbuun isaanii darbeera.