Bakka bu’oonni Naannoo Somaalee ajandaawwan attam fa'i marii biyyaaleessaatiif dhiyeessan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Komishiniin marii Biyyaaleessa Itoophiyaa waltajjii marii ajandaa walitti qabuu Naannoo Somaaleetti taasiserratti, caasaan naannoolee fi mootummaa, fooyya'uu heera mootummaa, alaabaa biyya akkasumas haala galmee seenaa ilaalchisuun ajandaa dhiyeeffachuu hirmaattoonni BBCtti himan.

Qaamoolee hawaasaa naannicha bakka bu'uudhaan ajandaa gumaachu irratti hirmaatan keessaa ''baayyeensaanii federaalizimii dhugaa'' hojiirra oolchuu yoo kaasan, ''kan murtaa'an ammoo naannoolee konfadareshiiniidhaan caaseechuu'' akka ajandaatti dhiyeessutu ibsame.

Komishiniin marii biyyaaleessaa naannoolee garaa garaa keessatti ajandaa walitti qabuuratti argamu, naannoo Somaalee magaala Jigjigaatti qaamoolee gahee qaban irra ajandaa sasaabu kan eegale dhuma torban darbee Dilabata Onkololeessaa 20, 2024 ture.

Waltajjii ajandaa walitti qabuu Yunivarsitii Jigjigaa keessatti gaggeeffame kanarrattis bakka bu'oonni paartiilee siyaasaa, bakka bu'oonni mootummaa, hawaasaa garaa garaa akkasumas namoota dhiibbaa taasisan irra babahan 1,200 akka hirmaatan komishinichi beeksiisera.

Aanaarra kaasee ajandaawwan walitti qabame irratti guyyoota sadiif mari'ataa kan turan bakka bu'oonni naannichaa, guyyaa Roobii Onkololeessaa 23, 2024 ''ajandaawwan faayidan biyyaaleessaasaa caalmaa qabu'' adda baasuun komishinichaatti kennu ibseera.

Bakka bu'oonni naannoo Somaalee ajandaawwan komishinichatti kennan keessaa caasaa naannooleefi mootumaa, jijjirama heera mootummaa, afaan hojii mootummaa federaalaa, qoodiinsa qabeenyaa akkasumas ajandaawwan walitti bu'iinsa daangaan wal qabatan dhiyeessuu hirmaattoonni BBC dubbise lama dubbatan.

Hirmaattoonni marii biyyaaleessaatiif adeemsa ajandaa dhiyeessuu keessatti dhimmi jalqabaan kaasan dhiimma caasaa mootummaabiyyaafi naannoo kan ilaalatuudha. Hirmaattoonni marichaa waltajjii kana dura tureen hojiirra oolmaan federaalizimii ture ''kan rakkina qabu'' akka ta'e kaasuusaanii bakka bu'aan dhaabbilee siviilii Obbo Muktaar BBCtti himan.

Dura taa'aan Boordii dhaabbata siiviilii ''Somali Nine state Actors Collusion'' jedhamu, Obbo Aliin akka jedhaniitti, haqinawwan sirna federaalizimii irratti ka'an keessaa ''jidduu galuu'' mootummaa kanaan dura turan irratti mul'ataa ture keessatti argama.

‘‘Kanaan dura federaalarraa dhufuun jidduu galummaa, haalli naannoo akka barbaadaniitti itti taphataniitu ture. Amma irra caalaan kan jedhan, ‘federaalizimii dhugaa barbaadnadha’’ jechuun himu hirmaattoonni.

Yaadni hirmaattoota “Irra caalaan’’ fudhatama argate kana yoo ta’u, ‘‘kaan ammo caasaa federeshinii’’ ajandaa akka ta’uuf dhiyeessuu Obbo Muktaar ibsaniiru. Hirmaattoonni yaada kana dhiyeessan sababii guddaan eeran, ‘‘naannooleef aangoo caalaan haa kennamuuf’’ kan jedhu ta’u dubbatu Obbo Muktaar.

Maqaansaanii akka hin eeramne kan gaafataniif hayyoota bakka bu’uun kan hirmaatan kan biraa, ajandaan kun Komishinichaaf dhiyaachuu BBCf mirkanneessaniiru. Hirmaataadhumti kun gamasaatiin, ‘‘gareewwan gara bulchiinsa baaqqeetti deebii’u barbaadan jiru’’ yaaddoon jedhu ‘‘naannoolee yaada caasaa konfedereshinii’’ jedhuuf akka sababaatti dhiyaachuu kaasan.

‘‘Kofedereshiniin hirmaattoota hedduun yaada fudhatama argate miti. Yaadnicha kan deeggaran kanneen harka 25 ta’aniidha’’ jechuun, hirmaattoonni ‘‘irra caalaan’’ sirna federeshinii hojiirra jiru ‘‘gara hojmaata sirriitti’’ seensiisuudha ajandaa jedhu deegarusaanii ibsan. Yaadni lamaanu ajandaa keessatti hammatamus himan.

Hirmaataan hayyuu bakka bu’an kun akka ibsaniitti, hirmaattoota irra caalaa biratti yaadni fudhatama argate, sirni hojiirra jiru ‘‘federalizimiin sabaa xuqamuu hin qabaatu’’ kan jedhuudha. Irra caalaan kan jedhan, ‘sirni amanuu dandeenyu federaalizimii saba bu’uura godhate kan dhugaati’’ jechuun yaada ajandaa keessatti hamatame kaasan.

Hirmaattoonni waltajichaa, heera mootummaarratti keewwata 39 irra kan taa'ee mirgi saba, sablamilee fi ummattootaa hanga foxxooquutti egeree ofoo ofiin murteessuu jedhu dhimma ''itti bu'amu hin qabaannee'' jechuun kanneen dhiyeessan keessa ta'u bakka bu'aan kun kaasaniiru.

Hirmaattoonni ''keewwatichi mirga Somaalootaatiif wabiidha. Gama Somaalotaatiin dhimma hin tuqamneedha. Keewwan 39 haphee (glue) Itoophiyaanoota waliin walitti nu qabneedha'' yaada mormii jedhu dhiyeessuu kaasu.

Dhimmi keewwata 39 ''heerri mootummaa kan fooyyeeffamu yoo ta'e dhimmoota itti bu'amuu hin qabaanneedha'' jedhamuun dhommoota hirmaattootaan kaafaman akka ta'e bakka bu'aan dhaabbilee siivilii Obbo Muktaar haaluma wal fakkaatuun BBtti himaniiru.

''Federaalizimicha eegsiisuudhaaf jecha keewwan 39 hanga foxoquutti kan jedhu 'kan itti hin bu'amneedha' jedhamuun ajandaan dhiyaachu mirkanneessaniiru.

Dhimmi biraa sirna federaaliziimii waliin wal qabatee akka ajandaatti dhiyaatee keessaa kan biraa, kan afaan hojii mootummaa federaalaa ilaallatuudha. Hirmaatttoonni waltajjii marii kanaa afaan hojii motummaa federaalaa ''hundaa kan waliigalchiisisu ta'u qabaata'' yaada jedhu kaasuu saanii bakka bu'oonni lamaanu dubbataniiru.

Hirmaattoonni afaan hojii motummaa federaalaa ''maaliif Amaariffa qofaa ta'a?'' jechuun gaaffii kaasuusaanii kan dubbatan Obbo Muktaar, ''Afaan hundi fudhatu tokko Afaan biyyaaleessaa haata'u'' yaadni jedhu dhiyaachu kaasan.

Hirmaattoonni waltajichaa BBC dubbise akka jedhaniitti, afaan hojii motummaa federaalaa filmaatiwwan lama kan dhiyaatan yoo ta'u, tokoffaan, ''afaanoonni biyyattii kaan afaan hojii federaalaa keessatti haa hammatan'' kan jedhuudha. Filmaanni lammaffaan ammoo ''Afaan Ingiliizii'' afaan hojii federaalaa gochuu akka ta'e hirmaattoonni ibsaniiru.

Obbo Muktaar akka jedhaniitti, Afaan Inglizii akka filmaataatti kan dhiyaate yoo ta'u, ''afaan addunyaa'' waan ta'eefi ''hundaafu wal qixadha'' jedhamu himu.

''Qoodiinsa aangoo'' federaaliziimiin wal qabatee ajandaa kaafame kan biraa ta'u kan himan Obbo Muktaar, ''Sadarkaa Federaalaatti, Raayyaa ittisaa, imbaasiiwwan dhimma alaa baayyeetti hojjattoonni Somaalee baayyeen hin jiran'' waan ta'ef kun akka sirratuuf ajandaa gaafatu dhiyeessuu himan.

Bakka bu'oonni naannoo Somaalee dhimmi ''ijoon'' akka marii biyyaaleessa irratti dhiyaatuuf dhiyeessan kan biraa, kan alaabaa Itoophiyaatiin wal qabate ta'u kaasn hirmaattoonni kunneen. Alaabaan biyyattii ''akkuma jiruutti itti haa fufu ykn haa jijjiramu'' yaadni jedhu waltajiicharratti ka'ee ture.

Obbo Muktaar akka ibsaniitti, sababiin hirmaattoonni alaabaan Itoophiyaa akka jijjiramuuf gaafatan dhiyeessan ''kan Kiristinnaa bu'uura godhateedha. Hunda hin hammatu'' kan jedhuudha. ''Kaansaanii ammoo urjiin jidduu keessa jiru sababii hawaasa hunda bakka bu'uuf akkasumatti osoo dhiifame'' jechuun yaada falmii dhiyeessuu kaasan.

Hirmaataan hayyoota bakka bu'an akka jedhaniitti, bakka bu'oonni alaabaan akka jijjiramuuf gaafatan ''alaabaa kana jalatti badii keessummeessiineera'' yaada jedhu kaasuu dubbatan. Kana dabalatee haala lakkoofsa guyyaa biyyattii irrattis yaadawwan walfakkaataa ka'an ajandaatti qabsiifamu hirmaattoonni lamaanuu ibsaniiru.

Bakka bu'oonni naannichaa yaadni akka ajandaatti qabsiifatan ammoo dhimma haala galmee seenaa kan ilaalatuudha. Itoophiyaatti haalli galmee seenaa ''kutaa kaaba biyyattiif dursa kenna'' qeequmsi jedhu maricha irratti kaafamu bakka bu'aan hayyuu kun dubbataniiru.

Yaadni kun kaafamusaa kan mirkanneessan Obbo Muktaar, naannoon Somaalee namoota ''gootummaadhaan'' kaasan ''seenaan isaanii barraa'ee qaama seenaa Itoophiyaa ta'u qabaata'' kan jedhu ajandaa ta'un dhimma ka'ame ta'u ibsan.

Ajandaawwan bakka bu'oota naannichaan dhiyaata kan fudhate Komishiniin marii biyyaaleessaa, naannoolee kaaniitti adeemsa wal fakkaatu ni gaggeessa. Komishinichi naannoolee hundatti ajandaawwan walitti qabu keessaa kan filataman hundi marii yaa'ii bakka bu'oonni naannoolee hundaa irratti hirmaatan irratti dhiyaata.