Namticha yakka ajjeechaatiin waggaa 38f hidhame yakkarraa bilisa jedhame

Piitar Suulivaan waggoota afurtamatti dhiyaatuuf mana hidhaa ture

Madda suuraa, Merseyside Police

Ibsa waa'ee suuraa, Piitar Suulivaan waggoota afurtamatti dhiyaatuuf mana hidhaa ture
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhugaa fi ulfi bulee mul'ataa jedhama. Namni maqaansaa Piitar Suulivaan jedhamu erga yakka ajjeechaa raawwachuun himatamee waggoota 38'f hidhaarra tureen booda yakka sana akka hin raawwanne mirkanaa'uun bilisa bahe.

Piitar Sulivaan waggoota 38 hidhamuun seenaa Biriteen keessatti murtoo haqa dhabame isa guddaadha jedhamee amanama.

Sulivaan bara 1986 ajjeechaan shamarree ganna 21 Diyaanii Sindaal bakka Birkenheed jedhamu keessatti raawwatamee booda hidhaa buufame.

Namni ganna 38 hidhame kun ragaan qaccee sanyii (DNA) haaraan argamuun, dubartii kana akka inni hin ajjeefne mirkaneessinaan manni murtii ijibbaataa bilisa isa baase.

Sulivaan viiidiyoodhaan bakka jirurraa dhiyaatee akka gadhiifamu yeroo itti himamu harkaan afaan isaa qabatee boo'e.

Piitar Sulivaan amma umrii dargaggummaasaa mana hidhaatti fixatee, umriin isaas waggaa 68 guutera.

Taateen man hidhaa isa buuse ammoo bara 1986 Diyaanii Sindaal otoo hojiirra gara mana isheetti deebituu Birkenheeditti Sulivaan haala sukanneessaan gudeede jedhamuun himatamuu isaati.

Warri abukaatoo ta'anii isaaf falman poolisiin nama kana dogoggoraan hidhe jedhanii cichanii isaaf falmaafii turan.

BBC'n walakkeessa bara 1980 odeeffannoon olkaa'e fi sanadoonni mana murtii Sulivaan otoo yakka ajjeechaatiin hidhaa umrii guutuun itti hin murtaa'in dura haala ture walitti gurmeessuuf gargaare.

Komishiniin Gamaaggama Dhimmoota Yakkaa (CCRC) - qaamni murtoo seeraa kenname irra deebi'ee qoratu bara darbe qorannoon haaraan saamuda ispermii bakka yakki sun itti raawwatamerraa fudhatamuun olk'aa'ame qaccee nama biraa ta'uu agarsiisuun dhimmisaa mana murtii ijibbaataatti ilaalamaa ture.

Dhugaan qal'attuus hin cittuu akkuma jedhamu waggoota dheeraa booda bilisa baheera.

Sulivaan viiidiyoodhaan bakka jirurraa dhiyaatee akka gadhiifamu yeroo itti himamu harkaan afaan isaa qabatee boo'e.

Sulivaan amma maanguddoo ganna 68 yoo ta'u, waggootaa dheeraa dheeraaf murtoo haqaa dhabee ture.

Abbaa Alangaa Duncan Atkinson Crown Prosecution Service bakka bu'uun, ragaan qaccee murtoo Sulivaan geeddaruu eeruun dhimmisaa irra deebiin akka ilaalamu iyyanni akka hin jiraanne himaniiru. Abbaan murtii Loord Jastis Holroyde miidhaan miidhamtuu kanarra gahe ''haleellaa saalqunnamtii akka agarsiisu ifatti kan agarsiisudha'' akkasumas ''yaadni baay'ee cimaa ture'' jechuun, qacceen sun kan nama yakka ajjeechaa raawwateeti jedhan.

Dabalataan: "Ajjeechaa sana dhiironni tokkoo ol akka hirmaatan ragaan agarsiisu hin jiru jedhe.

Akkasuma saal-qunnamtii sun eeyyamarratti hundaa'e raawwatamuu ragaan agarsiisu hin jiru" jedhan.

Diyaanii Sindaal umriin ishee ganna 21 yoo ta'u, yeroosanatti heerumuuf karoora qabdi ture
Ibsa waa'ee suuraa, Diyaanii Sindaal umriin ishee ganna 21 yoo ta'u, yeroosanatti heerumuuf karoora qabdi ture

Daayan Siindal eenyu turte?

Sindaal magaalaa keessatti dhalatte Siikombi jedhamu keessatti beekamtu turte.

Maatiin ishee daldala abaaboo kan qabu ture, yeroo baayʼee vaaniin ishee bifa diimaa qabu oofuun daraaraa geessisaa turte.

Bara 1986tti Sindaal waggaa ittaanutti heerumuf maallaqa qusataa waan turteef, mana dhugaatii Welingtan kan, Siikomb irraa gara kibbaatti maayilii shan fagaatu keessatti mana dhugaatii keeessa hojjette.

Hagayya 1 bara 1986, halkan dhumaa lubbuun argamte, mana Weeliingtan keessatti hojjechaa turte.