Raashiyaan gabaasa haati warraa Asaad gaa'ila hiikuuf gaafatte jedhu haalte

Madda suuraa, Getty Images
Dhalattuu Biriteen kan taate haati warraa Pirezidaantii Sooriyaa aangoorraa kaafaman, Bashaar al-Asaad gaa'ilashee diiguu akka hin barbaanne dubbi himaan Kiremliin himan.
Gabaasni miidiyaalee Tarkii irratti bahe akka mul'isutti, Asmaa al-Asaad gaa'ela ishee diiguudhaan Raashiyaa gadhiisuu barbaaddi.
Asmaa fi abbaan warraashee, erga gamtaan finciltootaa sirna pirezidaantii duraanii kuffisuun Damaasqoo to'atanii booda Raashiyaatti koolu galtummaa argatan.
Waa'ee gabaasa kanaa ilaalchisee gaazexeessitootaaf ibsa wayita kennan kan gaafataman, Dimitirii Peeskoov, "Lakki, dhugaa jiruun kan wal hin simne" jedhan.
Akkasumas gabaasa Asaad Moskootti hidhamuu fi qabeenyi isaa akka dhorkamee ture irratti ba'es ni haale.
Raashiyaan michuu amanamtuu bulchiinsa Asaad kan turte yoo ta'u, tibba wal waraansaatti deeggarsa waraanaa taasisaafii turte.
Haata'u malee, gabaasnaaleen miidiyaalee Tarkii gaafa Dilbata darbee ba'an akka agarsiisanitti, maatiin Asaad magaalaa guddoo Raashiyaa keessa uggura cimaa jala jiraachaa, akkasumas giiftii duree duraanii Sooriyaa gaa'ilashee hiikuun gara Landaniitti deebiif gaaffii dhiyeessuu ibsan.
Giiftii dureen duraanii lammii Sooriyaa fi kan Biriteen yoo taatuu, barreessaan dhimma alaa UK kanaan dura gara Biriteen akka deebiituuf akka hin hayyamamne dubbataniiru.
Deevid Laamiin, jalqaba baatii kanaatti paarlaamaa irratti haasawa taasisaniin, ''isheen nama dhuunfaa qoqqobbii irra kaa'amee sababii taateef UK keessatti simannaa akka hin taasifamneef mirkaneessuun barbaada'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, miseensi maatii Asaad kamiyyuu ''UK keessatti bakka akka hin arganne'' mirkaneessuuf ''waan humnakoo danda'u hunda'' akka raawwatan dubbatan.
Ibsa torbee darbe akka Bashaar al-Asaad dubbatan himameen, Sooriyaa keessaa baqachuuf yaadee hin beeku, garuu gaaffii Moskootiin buufata waraanaa Raashiyaa irraa xiyyaaraan geeffame jedhanii ture.
Suuraalee Asmaa al-Asaad

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Asmaa al-Asaad, dubartiin ganna 49, UK keessatti maatii Sooriyaa irraa bara 1975tti kan dhalatte yoo ta'u, Lixa Landan, bakka Acton jedhamu keessatti guddatte.
Bara 2000tti umurii waggaa 25tti gara Sooriyaa kan deemte yoo ta'u, abbaan warraashee erga inni abbaasaa bakka bu'uun pirezidaantii ta'ee ji'oota muraasa booda itti heerumte.
Waggoottan 24 giiftii duree Sooriyaa ta'uun tajaajilte hunda keessatti Asmaan miidiyaalee warra dhihaa irratti nama hawwattu turte.
Seenaan dhuunfaa falmisiisaan- Voog kan bara 2011 tokko "roozii gammoojjii keessaa" jechuun ishee waamuun "giiftii duree keessaa ishee haaraa fi hawwattuu" jechuun ibseera. Ergasii boodas barreeffamni sun marsariitii Vogue irraa haqame.
Ji'a tokko booda ammoo, Aadde Asmaan, erga Sooriyaa keessatti wal waraannii jalqabee booda wayita abbaan warraashee duula warra dimokiraasii deggeran irratti tarkaanfii fudhatuutti callistee turte jechuun qeeqamte.
Waldhabdeen kun itti fufuun, lola abbaan warraashee namoota nagaa irratti meeshaa keemikaalaa fayyadamuudhaan himatameen lubbuu namoota gara walakkaa miliyoonaa ta'u galaafate.
Bara 2016tti keessaa Aadde Asmaan televijiinii mootummaan Raashiyaan deeggaramuutti akka himtetti, abbaa warraasaanii cinaa dhaabbachuuf jecha, biyya waraanaan miidhame kana keessaa nagaan akka baatuuf yaada dhiyaateef akka didde himteetti.
Bara 2018 ammoo kaansarii harmaatiin wal'aanamaa akka jirtu fi waggaa tokko booda guutummaatti fayyuu ishee dubbatteetti.
Akkasumas kaansarii dhiigaa (leukaemia) qabaachuun ishee kan mirkanaa'e yoo ta'u, bara kana ji'a Caamsaa keessa ammoo dhukkuba kanaaf wal'aansa eegaluu waajjirri pirezidaantii yeroo sanaa Asaad beeksisee ture.
Ibsi ba'e akka jedhetti, hawaasaan wal arguurraa ''yeroodhaaf akka adda baatu'' ibseera.












