Hiree Teen Haag kan murteessuu danda’u- tapha Man Utd fi Aston Viilaa dabalatee, tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Taphoota Piriimer Liigii Ingiliiz torban ja’affaatiin Dilbata Maanchester Yunaayitidiifi Aston Viilaa gidduutti gagggeeffamu kan akkaan eegamudha.

Taphni kun dhiibbaa jala kan jiran leenjisaa Maanchester Yunaayitid Eriik Teen Haagiif isa dhumaa ta’aa laata?

“Yunaayitid isa kam daawwanna laata?” jechuun gaafata xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.

“Tapha Tootenhaam waliin taphatan sana kan dabalan taanaan mo’amuun isaanii waan hin oolledha,” jedha.

“Teen Haag mo’achuu yoo barbaade gareen kun akka mo’achuu danda'u nutti agarsiiseera. Ammas taanaan akka kanaa foyyeessuun leenjisaa kanarraa kan eegamuudha,” jedha Saatan.

Kiriis Saatan akkuma yeroo kaanii tapha kanaafi kanneen biro tilmaameera.

Sambata, Onkoloolessa 05

Kiristaal Palaas v Liiverpuul

Gareen Arnee Siloot Liverpool dorgommiiwwan idil-addunyaa dura tapha kana mo'achuuti irra jiraata. Ni milkeessas. Ga'umsa gaariirra kan jiru Palaasiin ni mo'ata.

Palaas, Woolvis, Saawozhaampitan, Leester fi Ipsiwiich bara kana kilaboota tapha tokkollee mo'achuu hin dandeenyedha.

Oliiver Gilaasinar yeroo leenjisaa Kiristaal polaas ta'uun muudaman kilabichi bu'a qabeessa ture. Sana itti fufsiisaa waan hin jirree qeeqamuun waan jalqabeef amma garuu of eeggachuu isa barbaachisa.

Tilmaama: 1 – 2

Arsenaal v Saawozihaampitan

Arsenaal haala tapha garagaraa keessatti of jijjiiruu sirriitti itti beekuu waan ta'eef akkamitti akka mo'an ni beeku. Kun garuu ammatti Saawozihaampitaniif kan hojjetu miti.

Leenjisaan Saawozihaampitan Raasil Maartiin gareen isaanii Barnimaaziin mo'amuu hordofee taphattoota isaa ifatti qeequun isaa miira gaarii hin qabu.

Leenjisaan kun toofataa tapha isaatiif amanamaa ta'us, Arsenaal garuu kilaba araara hin qabne ta'uu agarsiisaa jira.

Sararri ittisaa Ze Gaaners yoomiyyu jabaataa waan ta'eef osoo isaanirratti hin lakkoofsifamiin 3 duwwaan ni mo'ata.

Tilmaama: 3 – 0

Bireentifoord v Woolvis

Woolvis gaariitti taphataa jiraatus qabxii tokkoon sadarkaa dhumaarra taa'uuf dirqameera.

Gareen gaarii Oniil bu'a qabeessa kan ta'u ta'us, Bireentifoordis tibba kana haala gaariirra jira.

Bireentifoord taphoota sadan darban keessa daqiiqaawwan jalqabaarra goolii waan lakkoofsisaniif Woolvis kanaaf of qopheessuu qaba.

Taphoota sadan mo'achuu kan hin dandeenye Bireentifoord tapha kanaan garuu qabxii sadan isaa ni milkeeffata.

Tilmaama: 2 – 1

Leester V Barnimaaz

Barnimaaz garee jaba ta'uu isaa agarsiisaa jira.

Taphattoonni isaa lamaan Ivaanlisiin fi Antoonii Semeeniyoo haala gaariirra kan jiran yoo ta'u, tapha kanaan gareen kun qabxii sadii carraa milkeessuu ni qaba.

Leenjisaan leester Istiiv Kuuppar bu'aa argamsiisuun kan irra jiraatu ta'ulleen, tapha kanaan garuu qabxii omaa hin argatu.

Tilmaama: 1 – 2

Maanchester Siitii v Fuulhaam

Fuulhaam gara dirree Itihaad deemee qabxii argatu hin qabu.

Maanchester Siitiin tapha torban darbe Niiwukasil waliin taphaterratti gaarii ta'uu baatus, tapha miillanaa kanan garuu mo'achuun irra jira.

Kilabiin madaallii isa aeeggatee deemaa jiru Fuulhaam, bu'aa galmeessisuu baatus garuu akka bara darbee 5 fi1 hin mo'amu.

Gaaffiin guddaan taphoota shanan darbanirratti gooliin kan itti gale Maanchester Siitiin tapha kanaanis itti galaa kan jedhudha.

Tilmaama: 3 – 0

Weest Haam v Ipsiwiicha

Ipsiwiich baayyee kan ijaarame ta'uu isaatiin ol, sadarkaa amma irra jiruun Weest Haamirra foyyaa'aadha.

Kana ammoo torban darbe Aston Viilaa waliin walqixa ba'uun nutti agarsiiseera. Dadhabinni isanii hanga ammaa tapha tokkollee hin mo'atiin kan jira ta'uusaaniiti.

Weest haam garee jabaa ta'us garuu hanga ammaa dirreerratti agarsiisuu hin dandeenye. Taphni kun garuu kan qabxii argachuu irratti jalqaban ta'a.

Tilmaama: 2 – 0

Everten v Niiwukasil

Taphni kun tilmaamuudhaaf ulfataadha.

Niiwukasil torban darbe cimina isaanii bara kanaa isa olaanaadha jedhame agarsiisaniiru. Kan dabalan garuu hin fakkaatu.

Everten ammoo yeroo jalqabaaf mo'achuuf carraaquu danda'u.

Garuu taphni kun walqixa ta'ee xumurama.

Tilmaama: 1 – 1

Dilbata, Onkoloolessa 06

Aston Viilaa v Maanchester Yunaayitid

Aston Viilaan yaaddoo miidhamaatu itti jira. Tapha shaampiyoons Liigii Baayer Muniikii waliin tureen Amaaduu Onaanaa midhamee bahe. Liyoon Baayiliinis jijjiramee galee booda ba'uudhaaf diqameera. Karra eegaan isaa Emii Maartiizeez akkuma kana yaaddoo qaba.

Tapha kanaan Maanchester Yunaayitid bareechee mo'amanaan leenjisaan isaa Eriik Teen Haag aangosaarraa ni ari'ama.

Kun garuu waan ta'u hin fakkaatu. Maanchester Yunaayitid qabxii argachuudhaaf fedhii guddaa qaba.

Wanti guddaan Aston Viilaan injifannoo Shaampiyoons Liigiin booda tapha kanaaf hangam qophaa'eera kan jedhudha.

Tilmaama: 1 – 1

Chelsii v Nootingihaam Forest

Bara kana haalli Chelsiin itti jiru kan tilmaamamu ta'us, gooliiwwan isaan lakkoofsisan garuu tilmaamuudhaaf ulfaataadha.

Kool Paalmer ga'umsa baayyee gaarii ta'erra jira.

Tapha baayyee daawwwachuuf nama hawwatu agarsiisuun alatti taphoota itti hiriire hundarratti taphataa goolii lakkoofsisu ta'aa dhufeera.

Sararri ittisaa Chelsii amansiisaa waan hin taaneef Forest goolii lakkoofsisuu danda'us mo'ichi garuu kan Chelsiiti.

Tilmaama:2 – 1