'Markaatootti to'annoo nagahee waliin walqabatee suuqonni baay'ee cufaa oolan'-Daldaltoota

Suuqiiwwan cufamanii oolan

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Suuqiiwwan cufamanii oolan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Guyyaa har'aa gabaa guddaa magaalaa Finfinneetti argamu, Markaatootti, suuqiiwwan ''baay’ee'' cufamanii oolaniiru.

Sababni isaammoo sakattaa nagahee Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee adeemsisaa jirun walqabateeti.

Daldaltoonni ‘’adabbii olaanaa’’ mormuun suuqii isaanii cufuu BBC’tti dubbataniiru.

Suuqiiwwan bakkeewwan Dubaay Taraa, Militarii Taraa, Boomb Taraa fi Amadee Maazoriyaa argaman ‘’guutummaan guututti’’ jedhamuun cufamuu dubbatani.

Torban darbe eegalee Markaatootti sochiin daldalaa tasgabbii dhabuu mul’isaa ture.

Akka daldaltoonni jedhanitti, torban darbe eegalee ogeeyyiin Biiroo Galii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee daldaltoonni meeshaa gurguraniif nagahee sirrii kennuu isaanii hordofaa turan.

Akkasumas oomishawwan suuqii keessa jiran nagaheen itti cite bitamuu isaanii mirkaneessuuf yaalaa turan.

Biiroon Galiiwwanii magaalichaa ibsa torban darbe baasen hojiin Markaatotti eegale ‘’daldaltoonni nagaheedhaan gurguruun irraa eegamu adeemsa kana keessa akka darban gochuuf’’ akka ta’e ibsee ture.

Kanneen nagahee osoo hin kutin irra gahame yaaddoo ‘’qabeenyi isaanii ni dhaalama’’ jedhu keessa seenuu daldaltoonni himu.

Daldaltoonni nagahee osoo hin kutiin hafan ‘’adabbiin birriI 100,000’’ akka itti muramaa ture daldaltoonni sadii maqaan isaanii akka dhahamu hin feene BBC’tti himaniiru.

Daldaltuun tokko ‘’erga odeeffannoon kuni dhagahame booda namoonni qodaa isaanii suuqii keessaa baasuu eegalan,'' jedhan.

‘’Yeroo fe’anis karaarratti isaan qabaa [meeshaa] isaanii dhaalaa turan. Meeshaa gumaa 6 fi 12 nagahee malee gurguranii namoonni birrii 100,000 adabaman jiru.''

Daldalaan nagahee murus ‘’gatiin sirrii kana miti’’ sababa jedhuun kan adabaman akka jiran daldalaan biraa himaniiru.

‘’Tibbana meeshaan kamuu maamilaaf hin gurguramu. ‘’Hin jirudha’’ kan jedhamu. Daldaltoonni meeshaa qaban meeshaa isaanii gara mana isaanii geessaniiru,’’ jechuun yaaddoo daldaltootaa dubbatan.

Markaatoon akka biyyaatti bakka guddaa gurgurtaa jumlaafi qinxaaboo ta’edha. Torban darbe eegale garuu sochiin daldalaa qabbanaa’ee ture.

Markaatoon giddugala gabaa Itoophiyaati
Ibsa waa'ee suuraa, Markaatoon giddugala gabaa Itoophiyaati

Har'a maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa har’aa suuqonni cufamanii kan oolan erga barreeffamni ‘’torban tokkoof akka lagatan’’ gaafatu garee Telegiraamii irratti qoodamee booda ta’u daldaltuun tokko dubbataniiru.

Sochiin suuqiiwwan cufuu kuni kan waamame ‘’adabbiifi qabeenya dhaaluu irratti jijjiirama fiduuf’’ akka ta’e himan.

Daldaltoonni lama biroos gama isaaniin erga har’a suuqonni cufamuu isaanii hubatan booda isaaniis suuqii isaanii cufanii ooluu himan.

Daldalaan biraa guyyaa har’aa suuqonni akka cufaman ‘’Sambata eegalee kan beekan akka turan,’’ dubbatan.

Daldalaan kuni ‘’Dubaay Taraa, duuba Yirgaa Haayilee fi Amadee Maazoriyaa, Addaaraash, Xaaqaa Taraa, Araattanyaa’’ jedhaman akkasumas suuqiiwwan ‘’gamoowwan Addis Adimaas fi Nigaat Birhaan’’ gubbaa jiran cufamuu himan.

Bakkee Dir Taraa jedhamutti immoo ‘’walakkaan cufamuu kaan immoo bananis gurguraa hin jiran,’’ jedhan.

Haa ta’u malee, suuqiiwwan naannawa Shammaa Taraa lafarra jiran banamuu daldalaan tokko himaniiru.

Markaatotti suuqiiwwan cufamuu isaanii ilaalchisee BBC’n Biiroo Daldalaafi Galiiwwan Magaalaa Finfinneerraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Kutaan magaalaa Addis Katamaa kan gabaan Markaatoo keessatti argamu garuu suuraawwan ‘’gabaan idilee’’ itti fufuu ibsan miidiyaa hawaasummaa isaarratti qoodeera.