Masjiidi maallaqa guddaan ijaaramuun hiyyeeyyii Masrii dheekkamsiise

Maxxanfame

Masriin magaalaa guddoo bulchiinsa haaraa hundeessite keessatti masjiida qananii rikoordii cabse bante.

Haata’u malee, gatiin ijaarsa masjiida kanaaf bahe qeeqa bal’aa kaase.

Mootummaan Masrii gammoojjii keessatti magaalaa haaraa ijaaruun namoonni bakka qubsumni itti heddummaatu Kaayiroorraa garasitti akka imalan gochuuf yaalaa jira.

Haata’u malee, biyyattiin giddugaleessa haaraa fi masjida haaraa kana hawaasatti beeksisuun miidiyaalee hawaasaarratti qeeqa jabduu kaase.

Masjiidni kun hawaasatti kan mul'ifame wayita qaali’insi jireenyaa biyyattii keeessatti hammaate.

Bitoteessa bara 2023'tti Masrii keessatti qaala’insi jireenyaa 30% ol ta’eera.

Magaalaan bulchiinsaa haaraan kun Baha Kaayiroo bakka 45km fagaatutti ijaarame.

Giddugaleessi aadaa Islaamaa masjiida guddicha kan of keessatti hammate yoo ta'u, masjiidni kun meetir iskurii 19,000 ol kan bal’atufi amantoota 107,000 qabaachuu danda’a.

Ijaaarsa masjiida kanaaf Paawundii Masrii miliyoona 800 ykn doolara Ameerikaa miliyoona 25.9 ta'utu bahe.

Masjiidni kun addunyaarratti guddinaan lammaffaadha.

Miidiyaaleen Masrii masjiidni kun rikkoordii addunyaa sadii cabsuu ajaa’ibsiifachuun himan.

Masjinni kun waltajjii addunyaarratti hunda caalaa guddaa ta’e qaba- Dheerinni waltajjichaa 16.6m yoo ta’u, mukarraa tolfame.

Sirna baniinsa masjiida kanaarratti Pirezedantiin Masrii Abdul fattaa al-Siisii argamaniiru.

Miidiyaaleen biyyattii masjiida Masrii ajaa’ibaa ta’uu himan, miidyaalee hawaasarratti garuu qeeqa jabduutu ka'e.

Masriin raafama dinagdee hamaa keessa jirti.

Bara darbe maallaqni biyyatti gatii doolara wajjiin wayita walbira madaalamu qabaachaa ture harka walakkaan hir’ateera.

Kanarraa ka’uun Masriitti waggoota shan keessatti qaal’iinsa jireenyaa isa olaanaatu galmaa'e.

Masriin qabeenyaa mootummaa dureeyyii biyyoota naannoo Galfi jiranitti gurguruun hanqina bajataa hammaate dhiphisuuf jirti.

Namoonni hedduu toora Fesbuukii fi Tiwitaraa gubbatti wayita lammileen Masrii miliyoonaan lakkaa’aman waan nyaatan argachuuf rakkatanitti masjiida qananii kanaaf maallaqa guddoo akkasii baasuun sirrii miti jedhanii qeeqa jiru.

Namni Feesbuukirratti qeeqa maxxanse tokko akkas jedhe:’’maallaqa humna olii kana baasuun maraatummaa fi qisaasama maallaqati.

''Waltajjii dheeraa, faaya ampulii hunda caala ulfaatu tolchitu, namoonni garuu waan nyaatan hin qaban,'' jedhe.

''Faaya ampulii, waltajjii dabalatee masjiida kana hunda gurguraa, yoo rakkoo fura ta’e.''

Maamilli Feesbuukii kan biraa masjiidni kun waggaa guutuu cufaa oolu, ji’a sadiitti yeroo tokko banamee namoonni dhibbaaan lakkaa’aman itti gargaaramuun deebi’ee cufama jedha.