Paastariin US tamsaasa kallattii irratti saamamee ture, gowwomsaafi doorsisaan maallaqa hatuun himatame

Lamoor Waayitheed

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

 Lallabaan US  utuu sagantaa tamsaasa kallattii Niwu Yoork irraa gaggeessaa jiru shugguxiidhaan, faaya doolaara miiliyoona tokko olitti tilmaamu saamamee ture, ammammoo dorsiisaafi gowwomsaan maallaqa hatuun himatame.

Waxabajjii keessa Lamoor Waayitheed sa’aatii harkaa, faaya daayimandiifi dhagaa gati-jabeessa Emiraaldii kaawwatee ture saamame.

Amma yakkoota hedduun himatamuu isaa ragaan mana murti ini mul’isa. 

Dubartii miseensa waldaa taatee gowwomsuun maallaqa sooroma ishee fudhachuun, daldalaa tokko dorsisuun maallaqa fudhachuu yaaluufi FBI sobuun himatameera.

Waayitheed Wiixata to’annoo jala akka oolfameefi mana murtii federaalaatti akka dhiyaatu, Ministeerri Haqaa ibsa baaseen eereeera.

Maallaqi inni dubartii miseensa waldaa sana irraa fudhachuun himatame- kan doolara 90,000 ta’u – “uffataa fi mi’a qaalii” bitachuu irratti akka oolfame ragaan mana murti ni hima.

Himata irratti dhiyaateen yakkamaa ta’uun isaa yoo mirkanaa’e , hidhaa hanga waggaa 20’n adabamuu danda’a.

Kibtaxa irratti, “YAKKAMAA MITI!” jechuun fuula Inistagiraamii isaa irratti barreessee, hordoftoonni isaa tamsaasa kallattii isaa irratti akka hirmaataniif gaafateera. 

Erga Waxabajjii keessaa saamamee booda, Waayitheed, yakkamtoonni kunneen yakka raawwataniin “hin miliqani” jechuun waadaa seenee ture.

Akka New York Post gabaasetti, mi’oota isaafi hadha warraa isaa irraa fudhataman dhagaa gati jabeessa doolara 25,000, qubeelaa daayimandii, faaya gurraa doolara 25,000 fi qubeelaa ga’eela isaaniidha.