Indiyaan daangaa Chaayinaa wajjin wal-dhabanitti loltoota dabalataa hedduu erguu beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaan daangaa Chaayinaa wajjin irratti wal dhabanitti waraana dabalataa guddaa erguu Minsteerri Dhimma Alaa Indiya beeksise. Ministeera Dhimma alaa biyyattii kan ta'an S Jaishankar akka jedhanitti Chaayinaan ofiidhuma isheetin daangaa akka jijjiirtu Indiyaan akka hin eeyyamneef beeksisan.
Indiyaan humna waraana dabalataa erguu ishee kan beeksifte dhiyeenya naannoo daangaa bulchiinsa Aruunachal Piraadesh jedhamuttu biyyoota lamaan gidduuttu walitti bu'iinsi hammaachuu hordofeeti.
Indiyaan murtoo kanarra kan geesse loltoonni Chaayinaa "tuttuqaa" uumuu isaanirraa ka'uun akka ta'e beeksifte. Ministeerri Chaayinaa gama isaatin daandaa biyyoota lamaanii irratti waanti hunduu "tasgabbii" akka ta'ee fi biyyoonni lamaanuu haasaa'aa jiraachuu beeksise.
Indiyaa fi Chaayinaan daangaa irratti wal-dhaban fageenya 3,440km ta'u waliin qabu. Daangaa kana biyyoonni lamaanuu irrattu walii hin galan.
Loltoonni gama lamaanii yeroo garaa garaatti walitti bu'aa turan. Bara 2020 loltoota gama lamaanii gudduutti walitti bu'iinsi cimaan erga uumamee as biyyoonni lachuu marii taasisuudhan dubbiin akka hin hammaanne qabbaneessaa turan.
Ministeerri dhimma alaa Indiyaa Mr Jaishanka Wiixata guyyaa kaleessaa haasaa taasisaniin, "Har'a waa'ee Waraanni Indiyaa bifa kana dura ta'ee hin beeknen daangaa Chaayinaa irratti akka hiriiru [odeeffannoo isaa isinitti himuun barbaada]. Waraanni Indiyaa har'a daangaa fedhii ofii qofaan jijjiiruf tattaafatamu qolachuudhaf bobba'ee jira," jedhan.
Chayinaan gama isheetin kanarratti hanga ammaa waan jetti hin qabdu.
Walitti bu'iinsi daangaa Indiyaa fi Chaayinaa irratti mudate siyaasa Indiyaa keessatti falmii uumera. Torbee darbe miseensonni paartii mormituu parlaamaa biyyattii keessatti waa'en waraana daangaa biyyoota lamaanii irratti akka mariyatamee furmaanni hatattamaa godhamu gaafatanis yaanni isaanii waan kufeef parlaamaa dhiisanii bahanii ture.
Paartii moromituu Indiyaa kan ta'e Kongirees kan dursu Rahul Gandhi, yaaddoo Chaayinaa irraa dhufu iddoo itti kennaa hin jiru jechuun mootummaa Indiyaa komate.
Jaishankar garuu yaada paartii mormituu kana hin fudhatan. "Indiyaan iddoo itti laattu taanan eenyutu Waraana Indiyaa gara daangatti ergaa jira? Chaayinaa irratti hin xiyyeeffanne erga ta'ee eenyutu Chaayinaan rakkoo kana akka hin hammeessine fi waraana daangaa irraa akka fageessitu dhiibbaa gochaa jira?" jechuun yaada paartii mormituu irraa ka'e kufaa godhu.












