Namtichi Awustiraaliyaa fi sareen isaa turtii galaanarraa ji'a lamaan booda baraaraman

Maxxanfame

Lammiin Awustiraaliyaa ji'a lamaaf Garba Paasifikiirra qurxummii dheedhii nyaachaa, bishaan roobaa dhugaa dandamate, "amma haala gaariirra jira."

Jiraataa magaalaa Siidnii kan tahe gaheessi ganna 51 Tim Shaadok fi sareen isaa Bellaa, ji'a Eblaa keessa ture gara Fireench Poolineezhiyaatti imala kan jalqaban.

Haatahu malee, torban muraasaan booda bidiruun isaa obomboleettiin rukutamuun miidhamte.

Torban kana keessas heelikooptarri samiirraa isaan arguun, bidiruu qurxummii kiyyeessuun baraaraman.

Doktorri bidiruu sana gubbaa turan miidiyaa biyyattii 9News'tti akka himanitti, namni kun "fayyaa gaariirra jiru."

Aabba Shaadok imalasaa km6,000 ol tahu kan eegale Meeksikoo magaalaa La Paz irraa ture. Baay'ee osoo hin turin garuu, meeshaaleen elektirooniksii bidiruusaa qilleensa hamaan miidhamuun, danqame.

Gaheessi kuniifi sareen isaa, bishaan akkaan hamaafi garmalee bal'aa tahe garba Kaaba Paasifik keessa danqaman.

Ji'a lamaan boodas dhiyeenya qarqara Meeksikootti ennaa argamu, qaamniisaa huuqqatee, areednisaas garmalee guddatee ture.

"Bishaanirra yeroo hamaan dabarse," jedhe namni kun ergaa viidiyoo dabarseen.

"Galaanarra kophaakoo yeroo dheeraan dabarse, amma boqonnaa fi nyaata gaariitu na barbaachisa. Kanaan achi fayyaa gaariirran jira."

Namni kun meeshaaleen qurxummii kiyyeessuu of biraa qabu, lubbuun akka ooluuf isa qarqaaruu hime.

Haguuggii bidiruusaa jala dahachuunis, aduun gubachuurraa akka ooles hime.

Erga baraaramee boodas fuulasaarraa gammachuun mul'ata ture; harkasaa irrattis meeshaa dhiibbaa dhiigaasaa to'atu keewwatee ture.

Amma nyaata salphaa tahan nyaachuu eegaleera.

Bidiruun qurxummii isa baraares gara Meeksikootti imalaa kan jiru ennaa tahu, achittis Aabba Shaadok yaalii fayyaa dabalataa argata.