Humni Galaanaa Taayilaand adurroota ibidda bidiruurraa baraaran

Maxxanfame

Miseensonni Humna Galaanaa Taayilaand adurroota afur bidiruu galaana Adaman jedhamu keessatti gubachaa ture keessatti dagataman baraaran.

Namoonni bidiruu gubatte keessa turan dursanii bidiruu keessaa bahanii turan, miseensonni humna galaana kun garuu iddoo bidiruu gubatutti boba'aan dhangala'uusaa mirkaneessuuf wayita dhaqanitti adurroota doonii keessatti dagataman arganii baraaran.

Miseensi Humna Galaanarraa tokko bidiruu dhidhimte biraa gahuuf bishaan daakuun erga qaqqabee booda adurroota dugdasaarra keewwachuun ibiddaan gubachurraa baraare.

Adurroota kanarra miidhaan qaqqabe hin turre, fayyaasaanii ta'uunis gabaafameera.

Yeroo ammaatti namootni lubbuu adurroota kana baraaran kunuunsaa akka jiran Ejensiin oduu Rooyitarsi gabaasera.

Kibxata darbe bidiruun qurxummii ittiin kiyyeeffamu Famonsin10 Naava jedhamu odola Ko Adang irraa iddoo 13km fagaatutti ibiddi itti qabatee dhidhimuu eegale. Humni Galaanaa Taayilaand adurrota afur bidiruu gubachaa ture keessaa baraaran.

Hojjatoonni bidiruu kanaa galaanatti erga utaalaanii booda bidiruu qurxummiin ittiin kiyyeeffamu kan biraa naannnicha darbaa tureen lubbuun isaanii baraarame jedhe gaazexaan Taayilaand Za Neeshiin jdhamu.

Humni galaanarraa naannicha to'atu wayita waamametti addurroota xawulaatti hidhaman argan.

'Kaaameraadhaan maaltu akka bidiruu kessaa ture ofitti butee wayitan ilaalaa turetti adurrree tokko ykn lama mataa ol baafattun arge' jedhe qondaalli humna galaana tokko.

Erga lubbuun adduurota kanaa baraarame miseensota humna galaanaa toora Feesbukiirratti maxxansuun namoonni 2,500 caalan galateeffataniiru.