'Ijoollummaan biyyaa ba'een mooraa baqattootaa keessatti ijoollee jaha horadhe'-baqataa Itoophiyaa Kaakumaa jiru

Mooraa baqattootaa Kaakumaa, Keeniyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Godina Harargee Bahaa magaalaa Dadar irraa bara 2005 barnootasaanii kutaa saddeetitti adda kutanii wayita baqatanii Keeniyaa seenan ijoollee ta'uu himan Obbo Jamaal Adam, baqataan ammaan tana mooraa Kaakumaa keessa jiraatan.

Yeroo sana jeequmsa uumtan jedhamanii waraana mootummaan dararamuu kan himan Obbo Jamaal, ammalleen garuu seenaan sun hin geeddaramne jedhan.

''Ergasii maatii kiyya waliinis addan ba’e. Waggaa dheeraaf waa'ee maatiikoo quba hin qabun ture.

Dhiyeenyuma kana wayita namoonni naannoo feesbuukii irratti waa maxxansan isaan duuka buune iyyafachuun namoota muraasa quunnamuu eegalle,'' jechuun maatiisaanii ammallee yaadaa akka jiran himan.

Namni hedduun maatiiyyuu quba hin qabu kan jedhan namni kun, ofiisaanis asumatti maatii horachuu himan.

Mooraa Kaakumaa seenanii waggaa shanitti baqattuudhuma akkasaanii erga fudhaniin booda amma abbaa ijoollee ja’aa ta'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga UNHCR'tti galmaa’anii waggaa 17 caalaniiru, haata'u malee jaarmiyaan kunis homaa akka hin gooneef himan.

'‘Inumaa dhimman ittiin galmaa’eyyuu dagadheera. Amma hojii dhuunfaa kiyyaa banadheen daldalatti jira. Ofii tattaafadheen ijoollee kiyyallee barsiisaa jira. Amma galata rabbii ji’a saditti doolaara 300 kaffalaan barsiifataa jira,’’ jedhuu attamiin ijoolleen saanii akka ifa barnoota argataniif carraaqqii taasisaa jiran yoo dubbatan.

'‘Ijoolleen kiyya sadan walduraa duubaan kutaa 4-6 baratu. Hanga naaf danda’ametti carraan na mudate ijoollee kiyyatti akka hin darbine gochuufan tattaafadha.

''An sababan harkaa dhabeef barachuu dadhabus, amma ammoo wayitan waa harkaa qabutti ijoollee kiyya barsiisuun waan na miliqe bakka buufachuun qaba,’’ jechuun ijoolleesaaniif jecha dhiphataa jiraachuu himan.

Obbo Jamaal sababa haadha warraa fuudhaniif jecha dhimmi isaanii gufachuus himu.

'‘Sababan fuudheen ammoo UN dhimma kiyya boodatti na jalaa deebise. Duraan ammoo isaanumatu yoo fuutanii maatii horattan ni filatama nuun jedhan. Wayitan fuudhu ammoo akka waan sirrii hin taaneetti dhiibbaa narraan ga’an. Garuu kaanillee akkuma kiyya, dhimmi isaanii homaa hin ilaalamneef.

''Kan hin fuudhan ta'e, kan hin fudhiin, baqattattoonni hanga waggaa 20-30 as keessa taa’anitu jira,’’ haala adeemsa iyyannoo baqattummaa itti jiru yoo ibsan.

Daandii guddaa Keenyaa mooraa kaakumaa keessa qaxxaamuru

Madda suuraa, Getty Images

Akkamiin gara hojii daldalaa seenan?

Wayita biyyaa baqachuun gara Keeniyaa dhufan nama isaan gargaaru homaa akka hin qabne kan himan namni kun, ''kanaafuu ofuma kootiin waa’ee koo murteessuu akkan qabun ejjennoo qabadhe,’’ jechuun karoorasaanii ibsan.

''Jiraachudhaaf barachuu yookaan dalaguun qaba jedheen karoorse. Garuu ammoo waan UNHCR nu kennu qofaan jiraataa yoon baradhe namarratti hirkachuufan deema. Haala kanaan barumsaan milkaa’u akkan hin danda’eenye waanan hubadheefan gara hojii hojjechuutti xiyyeeffadhe. ''Barachuuf maallaqa hin qabu, dalaguuf garuu humna qaba waan ta’eef shilingii shantamallee yoo ta’ee dalaguun qaba jedheen murteesse,’’ jechuun attamiin hojii hojjachu akka eegalan himu Obbo Jamaal. Isa booda maallaqa Keeniyaa shilingi shantamaan hoteela namoota isaan dura Kaakumaa seenaniitii mindeeffamuun hojjechuu eegalan.

''Wogguma sanan qusachuu eegale. Osooman hojii nama biraa waliin dalaguun kaffaltiin kiyya ji’atti hanga shilingii 6,000 ga’e. Achinis ergan maallaqa muraasa harkatti qabannaan booda hojii mataa koo eegale,’’ jechuun yeroo gabaabaa keessatti daldala dhuunfaasaanii eegaluu himan.

'‘Amma dukkaa qaba, mana nyaataallee qaba. Amma ofirra darbee namoonni keenya akka na bira hojjetanillee carraa baneefii jira. Kanneen waa harkaa hin qabnellee anuma biraa gargaaramu,’’ jechun ofirra darbuun namoota kaan gargaaraa jiraachu dubbatu.

'‘Yeroo ammaa kanattis namoota saddeetitu na bira jiran,’’ jedhu.

‘’Doorsisi mootummaa daldala kiyya hube’’

Mootummaan Keeniyaa mooraan baqattootaa gurguddaa biyyattii-Kaakumaa fi Dadaab akka cufaman deddeebi’ee ajaja dabarsaa ture.

Bitootessa bara darbee UN tarkaanfii akka fudhatuuf guyyaa 14 kennunisaa ni yaadatama. Haata'u malee, hanga yoonaa wanti raawwatame hin jiru.

Ta'us ejjennoon mootummaa Keeniyaa kun baqattoota mooraa Kaakumaa 200,000 ol fi Dadaab kuma 218 caalaniif yaaddoo guddaa akkuma ta’etti jira.

Akka ragaa UN’tti lammiileen Itoophiyaa kuma 30 caalan keeniyaa keessa baqattummaan jiraatu.

'‘Wayita mootummaan Keeniyaa mooraan cufamuu akka qabu labse hedduun rifadhe, TV of biraa waanan qabuuf oduu dhaggeeffadheen dhagahe. Hedduu hamilee na buuse.

''Meeshaalee yeroo dheeraa turan fiduus nan dhiise. Sababni isaa waan itti aanee ta’u waan hin beekneef. Hojii kiyyarratti qormaataa guddaa ture,’’ jechuun yaaddoon yeroos ture ammallee jiraachuu himu Obbo Jamaal.

'‘Yeroo sana silaa carraa waa meeqa argachuun qaban ture. Garuu labsiin mootummaa yeroo sanaa akkaan of duuba na deebise.’’

Filannoo Keeniyaarraa maal eegu?

Keeniyaatti filannoo Hagayya dhufu gaggeeffamuuf kanneen duula filannoo gaggeessan wayita naannawa isaanii deeman dhimmasaaniirratti akka hin xiyyeeffanne himan Obbo Jamaal.

'‘Namoonni duula na filadhaaf naannawa kana dhufan dhimma keenya hin kaasan. Mootummaan yaada mooraa cufsiisuurratti dhiyeesse sana dhiisuu waan ibse hin qabu. Erga labsiin sun labsamee amma waggaa caaleera, garuu waan ta’uuf deemu hin beeknu,’’ jedhan Obbo Jamaal.

'‘Filannoo filachuuf mirga dhabnus garuu bulchiinsi dhufu osoo ejjennoo mootummaa biyyattii sirreessee hawwina,’’ jechuun waan filannoo biyyattiirraa eegan dubbatan.

'‘Baqattoonni ammallee heddumminaan Itoophiyaarraa garana dhufaa jiru. Poolisiin dachaastee fidaa jirti. Ana bira namoota dhiyoo dhufan keessaa ja’a jiru. Hedduun daa’imman wagga 12 fi 13ti. Mana barumsaarraa baqatanii akka dhufan natti himan,’’ jechuun haalli baqattootaa daranuu yaaddessaa deemaa jiraachuu ibsan.

''Kaan ammoo mooraa haaraa ijaaranii itti naqaa jiru. Sharaa qofa gadi dhaabanii achitti naqanii deemu. Rakkoo guddoodha.’’

Baqataa biraan Obbo Aliyyii Usmaan bara 2003 erga biyyaa baqatanii ba’anii hanga yoonaa mooraa Kaakumaa jiraachuu himan, sababa yeroo dheeraaf turaniif dhimma jalqaba UNHCR irratti ittiin galmaa’an iyyuu dagachuu dubbatu.

''Wanti hundi nu harkaa babbadeera. Keessa ba’ee sammuun kiyyallee na hojjechuu dideera. Waanan ittiin galmaa’e dhiisii waan kaleessa ta’eyyuu hin yaadadhu. Abdii kutadheera,’’ jedhan.

Mooraa cufuuf doorsisa mootummaan dhiyeessu dabalatee qaamni dhimmasaanii harkaa qabu UNHCR itti callisuun daranuu akka isaan burjaajesse dubbatan.

''Mootummaan mooraan ni cufamti jedhee yeroo hedduu dubbata. Nuti rabbuma malee homaa hin qabnu. Warri dhimma keenya harkaa qabus nurraa garagaleera,’’ jedhan.

''Osoo bulchiinsi haaraan qabiinsa bqataa asii hin jijjiirin yaaddoo guddaadha. Biyyi keenya nagaa taanaan nutuu as oollee hin bullu, akka biyyi amma itti jirtutti garuu rakkisaadha. Yoo carraa arganne ammoo gara biyya sadaffaa deemuudha. Sanuu nama fayyaa qabutu dhaqa. Nuti asitti dulloomne, jechuun abdii kutatanii jiraachuu himan.

Guyyaan baqattootaa attamiin kabajamu eegale?

Guyyaan baqattootaa Addunyaa waggaa waggaan Waxabajjii 20 torban lamaan dura, akka kabajamuuf Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin labsuun bara 2001 irraa eegalee kabajamaa jira. Guyyaan baqattootaa addunyaa kun yaadannoo waggaa 50ffaa Waliigaltee Seeraa (Convention) dhimma haala baqattootaa irratti bara 1951 bu'uureffame irratti kabajamuu eegale. Jalqaba Guyyaa Baqattootaa Afrikaa jedhama ture, UN garuu yaa'iisaa idilee Muddee 2000 gaggeesserratti maqaasaa jijjiiruun ''Guyyaa Baqattootaa Addunyaa,'' jedhee labse. Guyyaan kun barana mata duree, ''dhalli namaa hundinuu mirga nageenyummaan jiraachuu qaba,'' jedhuun biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti kabajama. Kaayyoon guyyaa kanaa haala baqattoonni keessa jiran hubachuu fi cimina baqattoonni jireenyasaanii ijaaruu keessatti agarsiisaniif beekamtii kennuudha. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii erga waraana Raashiyaa fi Yukireenii lakkoofsa baqattootaa addunyaarratti miiliyoona 100 caaluu fi kanaanis guddoo yaadda'uu ibseera. Lakkoofsa kana keessaa lammiilee Siiriyaa, Veenzuweelaa, Afgaanistaan, Sudaan Kibbaa fi Miyaanmaar harka 70 qooddatu. Itoophiyaanis biyyoota lammiileenshee gara biyyoota addunyaa garaagaraatti baqatan keessaati. Keeniyaan biyyoota lammiileen Itoophiyaa hedduun itti baqatan yoo taatu, nutis guyyaa kana sababeeffachuun haala jiruu baqattootaa mooraa Kaakumaa keessa jiru namoota achi jiran irraa iyyaafanneerra.