Barsiiftuun siidaa artist Maayikal Anjelloo boce akka qullaa bu'etti barattootatti agarsiifte ari'amte

Maxxanfame

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Filooriidaa keessatti daarektarri mana-barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokko siidaa artistiin fakkii kaasuufi bocuun baayyee beekamaa ta'e Maayikil Anjelloo hojjete qullaa isaa barattootatti agarsiifteetta jedhamtee ari'amte.

Barattoonni kutaa 6ffaa akka ilaalan taasifamaniiru kan jedhame siidaan bocame kun hojii aartii Maayikel Anjelloo ittiin beekamu keessaa 'Daawwit' jedhamudha.

Hojiin ogummaa aartii guddaa kun addunyaa warra Lixaa biratti bakki guddaan kan kennamuuf yoo ta'u, hojiiwwan akka barri haaromsaa deebi'ee dhufu agarsiisan keessaa tokkodha.

Maayikil Anjelloo Fakkii kaasuu, walaloo barreessuufi boca gara garaa uumuun jaarraa 16ffaa keessa kan jiraate aartistii jabaa yoo ta'u, hojii isaa 'Daawit' jedhamu kana kan boce baroota 1501-1504 gidduutti jedhama.

Siidaan 'Daawit' jedhamu kun ammoo qaamni wal-hormaata dhiiraa isaa ifatti qullaa ta'ee kan mul'atu yoo ta'u, barattoonni akka kana ilaalan taasisuun ammoo maatii barattootaa mufachiiseera.

'Ijoolleen keenya saal-qunnamtii gadhiisii (pornography) akka daawwatan taasifamaniiru' jechuun maatii irraa himannaan kan irratti dhiyaate daarektarri mana-barumsichaa akka gadhiistuuf dirqisiifamteetti.

Barattoonni hojii aartii kana akka daawwatan kan taasifamaniif gosti barnootaa barachaa turan waa'ee "fakkiiwwaniifi bocawwan gara garaa bara haaromsaa keessa turan" waan ta'eefidha.

Haata'u malee, maatiin barataa tokko siidaan kun 'saal-qunnamtii gadhiisiidha' jechuun maatiin barattootaa biroo lama ammoo mata-duree falmsiisaa akkasii yeroo baratanitti dursee nutti beeksifamuu qaba jechuudhaan komii qaban dhiyeeffachuu isaaniitiin kan barsiistuun kun hojiirraa ari'amte.

Daarektarri mana-barumsaa Hoppi Karaasaakilaa jedhamtu kun Filooriidaatti mana-barumsaa Telahaasii Kilaasikaal keessa hojjetti ture.

Komiin maatii barattootaa irraa osoo hin eegamiin dhiyaate kana hordofee boordiin mana-barumsichaa barsiistuu kanaaf carraa lama kenneefiif ture. Fedhii isheetiin akka gadhiistu xalayaa galfachuu, yoo kana gochuu didde ammoo akka ishee ari'u kan jedhudha.

Kamisa darbe bulchaan Filooriidaa warra Rippabilikaan manneen-barnootaa keessatti barnoota sirna-saalaa ijoollee akka hin barsiifne gara manneen-barnootaa birootti akka babal'isan eeranii ture.

Ameerikaatti dhimmi barnoota sirna saalaa Rippabilikaanotaafi Dimokiraatota gidduutti dhimma ijoo wal falmisiisudha.

Ijoolleen umurii akkamiitti maal barachuu qabu? kan jedhu uummata Ameerikaa biratti dhimma falmii guddaadha.

Keessumaa bara 2024tti kaadhimamaa Pirezidantii ta'u kan jedhameefi, tarii ammoo pirezidantii Ameerikaa itti aanuyyu ta'uu danda'u jedhamuun tilmaamni guddaan kan kennameef bulchaan Filooriidaa Dee Saantos bulchiinsa isaa keessatti wixineen sirna-barnootaa lama akka qophaa'u taasifameera.

Isaan keessaa tokko ijoolleen barnoota sirna saalaafi eenyummaa saalaa umurii sanatti akka hin kennamneef kan dhorku yoo ta'u, kan biraan ammoo seenaa gurraachota Ameerikaa barattoonni tasa akka hin baranne kan taasisudha.