'Waraanni guutummaatti dhaabatu malee namootan bute gadi hindhiisu'- Hamaas

Madda suuraa, Reuters
Israa'el waraana Gaazatti gaggeessaa jirtu guutummaan dhaabdu malee namootan bute gadi hin dhiisu jechuun beekise Hamaas.
Israa'el gamasheen erga waraanni yeroo darbe guyyoota torbaaf dhaabatee ture as hidhattoota Hamaas 2,000 ol ajjeesuu beeksifte. Haa ta'u malee, namoota Hamaas Israa'el keessaa bute keessaa ammayyuu namoonni 120 ta'an hin deebine.
Gaazatti waraanni akka dhaabatuuf yaaliin Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ittuma fufee jira.
Waraanni akka dhaabatuuf yaada Manni Maree Nageenyaa UN dhiyeesserraa US shakkii akka qabdu ibsuun yaadicharratti sagaleen kennuun Jimaata har'aa, Mudde 22tti, darbee ture.
Kanaan dura guyyaa torbaaf waraanni dhaabbachuunsaa deeggarsi namoomaa Gaazaa akka seenuuf carraa baneefii ture.
Ammas waraanni akka dhaabatuuf bifa haaran mariin Kaayirootti eegalamee ture bu'aa qabatamaa hin finne.
Hamaas ibsa baasen, "waraanni guutummaan yoo dhaabate malee waa'ee namoota butaman gadi lakkisuu ykn hidhamtoota wal-jijjiiruu haasa'uun akka hin danda'amne murtee Filisxeemidha" jedhe.
Murteem kun garee Filisxeem kam akka ta'e garuu addatti waanti ifa ta'e hin jiru. Gaazaa keessatti gareewwan hidhatan kanneen akka Islaamik Jihaadifi kaanis namoota Israa'eelii butaman of-harkaa qabaachunsaanii beekamaadha.
Israa'el namoota butaman gadi lakkisiisuf Hamaas irratti haleellaa jabeessuun dhiibbaa jala galchuun murteessaa akka ta'e amanti.
Israa'el haleellaa gaggeessituun hanga ammaa nama tokko qofa oolchuu dandeesse. Kanneen gadi dhiifaman walii galteem waraana dhaabuu torban tokkoof yeroo gaggeeffametti ture.
Mootummaan Israa'el karaa garaa garaan dhiibbaa jala jira. Gama tokkoon maatipifi firoonni namoota butamanii mootummaan namoota kana akka deebisuuf gaafataa jiru. Kaansaanii mootummaan waraanan namoota kana deebisuun furmaata akka hin taane falmaa jiru.
Gama biraan ammoo hawaasni idil-addunyaa Israa'el namoota nagaaf eegumsa hin goone jechuun Gaazaatti waraana gaggeessaa jirtu akka dhaabduf dhiibbaa guddaa irratti gochaa jiru.
Hamaasis gamasaan Israa'el waraana yoo dhaabde malee namoonni butaman tokkollee gadi hin dhiifaman jechaa jira. Waraanni akka dhaabatuuf garuu Hamaas meeshaa hiikkachuu dabalatee haal-duree maalii akka lafa kaa'e ifa miti.
Mootummaan Israa'el ammoo yoo xiqqaate Hamaas dandeettiin lolasaa hanga zeeroo ta'utti lola akka hin dhaabne murateera.
Kuni ammoo lammiilee Gaazaa waraanni akka dhaabatu hawwaniif gadda guddaadha.












