Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-murtii mirga wabii Obbo Taayyee murteessuuf beellama biraa kenne
Manni-murtii mirga wabii Obbo Taayyee danda'aa eegsisuurrati murtee dabarsuuf beellama biraa kenne.
Kanaan dura kophaatti baafamuun hidhamanii kan turan Obbo Taayyee Danda'aa murtii manni murtii dabarse hordofee sirreeffamtoota kaanitti makamuu danda'aniiru.
Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Dr Tokkummaa Dhaabaa maamilli isaanii maatii fi abukaatoo akkasumas namoota kaan arguu barbaadan waliinis walarguu jalqabaniiru jedhan.
Obbo Taayyeen har'a (Caamsaa 02, 2024) mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u, ajajni manni murtii dhaddacha darberratti dabarse hanga tokko hojiirra ooleera jedhan Dr Tokkummaan.
''Namaan walarguu danda'eera, kophaa hidhamuun hafee namattis makameera. Kun mirkanaa'eera. Kanaafuu ajajni manni murtii yeroo darbe kenne hamma tokko hojiirra ooleera.''
Akka abukaatoon kun jedhanitti, qabeenya Obbo Taayyee jalaa fudhatamee ture keessaa ''qabeenya xixiqqoo kanneen akka kompiyuutaraa, dabatara baankii fi waan muraasa deddeebisaniiru. Dhorkaa akkaawontiirra kaa'ametu hin kaane. Isa kanarrattimmoo abbaa alangaatti himata dhiheessinee bu'aasaa eegaa jirra,'' jedhan.
Obbo Taayyeen dhaddacha darbe (ALI Ebla 16, 2016) irratti wayita dhihaatan himati sadi altakkaatti kan irratti dhihaate yoo ta'u isaanis ofirraa ittisuun dubbataniiru.
Himatoonni sadeen: Diina waliin hojjechuu, mootummaa fi heera mootummaarratti duuluu fi manasaaniitti meeshaan waraanaa eeyyama hin qabne argamuu kan jedhaniidha.
Dhaddacha sanarratti Obbo Taayyeen mirgi himatamuu dhabuusaanii osoo hin kaafamin to'annaa jala ooluun sirrii akka hin taane kaasuun "mirgi koo sarbameera" jechuun mana murtiitti himachuu Abukaatoo Obbo Tuulii Baayyisaa BBCtti himaniiru.
Haalli Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuusaanii itti kaase "seera kan hin eegneedha" jechuunis komii qaban mana murtiitti himaniiru Obbo Taayyeen.
Akkasumas hanga gaafa mana murtiitti dhiyaataniitti [Ebla 16, 2016 ALItti] abukaatoo, ogeeyyii fayyaafi maatiisaanii wajjin wal-arganii akka hin beeknes mana murtiitti komiisaanii dhiyeeffataniiru.
Himanni Obbo Taayyee irratti dhiyaate himata dachaafi mirga wabii nama hin dhorkanneedha jechuun mirgi wabii akka eegamuuf gaafatanii turuu kaasu Tuulii Baayyisaa.
Dhaddacha har'aarratti dhimmoota saditu ture kan jedhan Dr Tokkummaan, ''inni duraa gaaffii mirga wabiirratti manni murtii qoratee jala murtii yookiin ajaja kennuu ture. Inni lammataan himatarratti mormii sadarkaa duraa yoo qabaanne akka dhiheeffannu ture,'' jedhan.
Dhaddacha har'aa irratti dhimmoota turan keessaa inni kan biraan ''dhimma namoota waliin walraguu dhorkamuu fi kophaatti hidhamuu Obbo Taayyee irratti murtee manni murtii dabarse hojiirra oolmaasaa mirkaneessuudha,'' jedhan Dr Tokkummaan.
Amma maatiinis, abbootiin amantiis, abukaatoon akkasumas firoonnis isa arganii dubbisuu danda'u jedhan.
''Kophaatti hidhamuunis hafee namoota kaanitti dabalameera. Mormii sadarkaa duraas dhiheessineerra. Akka carraa ta'ee gaaffii mirga wabiirratti galmee qorannee hin xumurre kan jedhuun beellamni biraan qabameera,'' jedhan abukaatoon kun.
''Mormii sadarakaa duraa dhiheessanirrattis ganaa abbaan alangaa yaada itti kennee sana booda qoratama.''
Mormiin sadarkaa duraa barreeffamaan dhiheessuu kan himan Dr Tokkummaan, Obbo Taayyeen dhaddacharratti qaamaan argamanis homaa waan dubbatan hin qaban jedhan.
Dhaddachi ramaddii Lidataa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhimma gaaffii mirga wabii fi mormii sadarkaa dhihaate akkasumas dhimmoota kaan ilaaluuf ALI gaafa 01,09,2016tti beellama qabateera jedhan.
Obbo Taayyeen fuula Feesbuukii isaaniirratti bulchiinsa Paartii biyya bulchaa jiruu qeeqaa kan turan yoo ta’u, MM Abiy Ahimed ''waan dubbatan jiraachaa hin jiran'' jechuunis barreessani ture.
Obbo Taayyee Danda'aa hidhattoota ABO-WBO yeroo dheeraaf mormaa fi qabsoo hidhannoo akka dhaaban dubbachaa turan.
Marii Taanzaaniyaa magaalaa Daaresalaamitti gaggeeffamerratti araarri akka hin milkoofne kan godhe ''mootummaa anumti keessa jiru'' jechuun wayita mariitti waraanni hammaachuu hin qabu ture jechuunis mootummaa qeeqaa turan.
Dabalataanis, ajjeechaa namoota nagaa irratti naannoo Oromiyaa keessatti yeroo adda addaa raawatuuf humnoota nageenyaa mootummaatti quba qabaa turuunsaanii ni yaadatama.
Deetaan Ministera Nagaa fi miseensi Caffee Oromiyaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa aangoorraa kaafamanii guyyaa tokko booda Mudde 12, 2024 to’annoo seeraa jala oolfaman.