'Sababa yaaddoo nageenyaaf Haroo Dambal irraa sochiin bidiruu erga dhorkame ji'a caale'

Maxxanfame

Odolawwan shan kan qabu Haroon Dambal, qarqara magaalaa Baatuutti argama. Haroon kun bakka bashannanaa fi kan namoonni qurxummii irraa soorachuuf dhaqan ture.

Keessumaa erga bulchiinsi magaala Baatuu qarqara haroo kanaatti hojii bareedinaa hojjateen booda hawwattummaan bakkichaa haalan dabalee ture.

Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaan haroo Dambal kanarratti kabajamus hawwata turizimii ta’aa dhufeera.

Haata’u malee, erga yeroo dhihoo asitti sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) naannawa maagaala Baatuutti mul’achuu eegalee booda yaaddoo nageenyaaf jecha sochiin bidiruu haroo kanarratti taasifamu guutummaan guutuutti dhaabbachuu jiraattonni odolaa harichaafi kanneen Bidiruu oofaa jiraatan BBC'tti himaniiru.

Obbo Zawuduu Waldee odolawwan Haroon Dambal qabu shanan keessaa isa guddaa fi kan jiraattota hedduu qabu Tulluu Guddoo irra jiraatu.

Tajaajilli geejjiba bidiruu Haroo Dambal irraa erga dhaabbatee ji’a tokkoo ol akka ta’ee fi kanaanis rakkoof saaxilamuu himan.

“Nuti warri odolarra jiraannu. Jiruun keenya gara caalaanis qurxummii qabnee gabaaf dhiheessuudhaan ture. Duraan bidiruutu dhufee nurraa fuudhee gabaaf dhiheessa. Amma garuu bidiruun dhufuu dhiiseera. Kanaafu rakkoo hamaa keessa jirra,” jedhu.

Keessumaa omishni kuduraa fi muduraa waqtii gahee jirutti gabaa magaala Baatuutti geessuu waan hin dandeenyeef timaatimaa fi shunkurtiin oomishan qisaasamaa jiraachuu dubbatan.

“Dura yeroo bidiruun motoraa jiru sa’aatii tokko keessatti Tulluu Guddoodhaa kaanee Magaala Baatuu geenya ture. Amma garuu bidiruu mukaatiin nama lama sadii taanee deemna. Inni ammoo imala sa’aatii torbaa nutti fudhata,” jechuun bidiruun mootaraa dhaabbachunsaa attamiin dhibbaa akka irraan gahe himu.

Haroo Dambal irratti konkolaachisaa bidiruu kan ta’ee fi yaaddoo nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne kan nu gaafate jiraataan biraas, tajaajilli geejjiba bidiruu Haroo Dambal irraa erga dhorkamee galii argatan dhabuudhaan amma maatii biratti deebi’uun hojii qonnaa irra akka argamu dubbata.

“Hidhattoota deddeebistu, loojistikii dhiheessituuf jedhanii hojiin bidiruu kun akka dhaabbatu ajajan. Duraan maddi galii keenya isuma ture. Maamila hedduun qaba. Keessumaa kanneen imala amantaaf gara odolaa dhufan naa bilbilu. Amma hojiin dhaabbateera,” jedha.

Dhimma tajaajilli imala bidiruu Haroo Dambal irratti dhorkamuu kana gaafachuuf Kantiibaa Magaala Baatuu Obbo Ahimaddiin Ismaa’il dubbisuuf irra deddeebiin bilbillus kaasanii deebii kennuuf heeyyamamoo hin taane.

Waajjira Kominikeeshinii Magaala Baatuu irraa yaada BBC’f kan kennanii fi eenyummaan isaanii akka ibsamu kan hin barbaanne, dhorkaan imala bidiruu Haroo Dambal irra kan kaahame ji’a dura hidhattoonni WBO mana hidhaa magaalicha keessa jiru irratti haleellaa erga bananiin booda ta'uu himan.

“Ji’a tokkoon dura hidhattoonni mana hidhaa Magaala Baatuutti argamu irratti haleellaa bananii lubbuun namaa darbee ture. Isa hordofee hidhattoonni kunneen bidiruudhaan achirraa garas dhufu kan jedhuun yaaddoo nageenyaaf jecha akka dhaabbatu ta’e,” jechuun sababii dhorkaan kun kaa'ameef BBCtti himan.