Ameerikaan Itoophiyaanoonni sababii waraanaatiin biyyatti deebii’uu hin dandeenyee akka turaniif eeyyamte

Waajjira Dhimma biyya keessaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waajjirrii Dhimma Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa (DHS) lammiilee Itoophiyaa sababii waraanaatiin biyyatti deebii’u hin dandeenyeef Sadarkaa Eeguumsa Yeroo baatiiwwan 18’f kennuu beeksiise.

Waajirichi ibsa Onkolooleessaa 21, 2022 baaseen, lammiilee Itoophiyaa baatii Onkolooleessaa 20, 2022 dura Ameerikaa galan qofaatu seeraa kanaaf ulaagaa guuta jedheera.

Ibsichi dabalunis, yeroo ammaa kanatti waraana Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo keessa galchuun waajirrichi hayyama yeroo kana kenne jedheera.

Haaluma kanaanis ‘‘Lammiilee Itoophiyaa ammaan tana Ameerikaa keessa jiraniifi sababii waraanaa fi rakkoo namoomaa, hir’ina nyaataa mudateetiin, sababii balaa loolaa, ongee fi buqqaafamuutiin deebii’u hin dandeenye Ameerikaa keessa turuun hanga haalli biyyasaanii fooyya’uutti hojjachuu ni danda’u’’ jedheera.

Waajirichi dabaluunis, ‘‘Itoophiyaa keessatti waraanaa gaggeeffamaa jiru Ameerikaan ni hubatti. Biyya rakkoo cimaa keessatti argamtu waan taateef kanneen dahannoon barbaachisuuf eegumsa ni taasifna’’ jedheera.

Ameerikaan yeroodhaaf akka turamuuf hayyama kan kennitu, yoo biyya tokkootti walitti bu’iinsa waraanaa, rakkoon umamaa ykn rakkoon yeroo cimaan mudatuutti.

Haaluma kanaanis lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa keessatti argaman akka turaniifi hojjatan kan hayyamameef sababii waraanaa fi haala rakkiisaa yeroo ammaan tana jiruutiin ta’uu waajjirichi ibsa isaa kanaan eereera.

Haala ibsa kanaattis lammiileen Itoophiyaa yeroodhaaf Ameerikaa dhaqabanii garuu ammoo hayyama jireenyaa hin qabne akka gara biyyaa hin deebiinee taasisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiilee nagaan sababii wal waraansaatiin ajjeechaa fi qudeedamu dabalatee miidhaawwan saalaa, butamu saba bu’urreeffate, dararaafi miidhaawwan sarbama mirga namoomaa biraatiif saaxilamaa jiru jedheera ibsichi.

‘‘Sababiiwan lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebii’uuf hin dandeenyeef keessaa tokko hir’ina nyaataa olaanaa, ongee, buqqaafamuu bal'aa fi dhibeewwan adda adda ani eeramu,’’ jedha ibsi Waajjiri Nageenyaa Biyya Keessaa Ameerikaa baase kun.

Lammiilee Itoophiyaa yeroo gabaabaadhaaf biyyattii keessa akka turaniif yoo hayyamtu kun yeroo jalqabaati.

Lammiilee labsii kanaan fayyadame ta’anis kanneen guyyaa ibsa kanaatiin dura Ameeriikaa seenuun hayyama malee jiraataa turan qofaadha. Namoonni Onkolooleessaa 20, 2022 booda gara Ameerikaa seenan ykn seenuuf yaalan seera kanaan hin ammatama jedheera ibsichi.

Haaluma hayyama kanaatinis namoonni akka hayyama kanaafi Waraqaa Hayyama Hojii (EAD)’f akka iyyataniif Galmee Federaala beeksiisan kan baasu ta’as jedheera.

Hayyama kana argachuf ammoo iyyattoonni ulaagaalee barbaachisan hunda guutuufi qorannoo seenaa nageenyaa taasisuun barbaachisaa ta’uus eereera.