Ergamaan Addaa US Maayik Haamar dhimma waraanaa Kaaba Itoophiyaa irratti ammas Finfinneetti deebi’uuf

Maayik Haamar

Madda suuraa, GOOBJOG NEWS

Maxxanfame

Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Haamar, dhimma waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee baatii tokko keessatti yeroo lammaffaaf gara Itoophiyaatti imaluuf akka ta'e Waajjirri Isteet Dippaartimantii US beeksise.

Ergamaan Addaa kunis waraanni humnotii Tigraayi mootummaa Itoophiyaa jidduutti gaggeeffamu atattamaan akka dhaabbatuu fi mariin nagaa hooggansa Gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamu akka eegalamuuf gargaaruuf haaluma qaama yaaliiwwan dippilomaasii Ameerikaatti gara Itoophiyaatti deebi’usaanitu ibsame.

Ibsi Waajjiirri Isteet Dippaartimantii US kaleessa, Onkolooleessa 3, 2022 baase akka jedhutti, ergamaan addaa Maayik Haamar imalasaanii Onkolooleessa 3 -18, 2022 turuun Itoophiyaa dabalatee Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa ni daawwatu.

Kana duras Maayik Haamar waraanni Kaaba Itoophiyaatti deebi’ee eegalamee karaa nagaan akka xumuramuuf MM Abiy Ahimad fi aangawoota Tigraay arguun waliin mari'achuu Fulbaana 19, 2022 ibsa kennanii himunsaanii ni yaadatama.

Maayik Haamar waraanni akka haaraatti erga eegalee booda qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi'an gochuuf torban jalaqa baatii Fulbaana keessa guyyoota kudhaniif gara Itoophiyaa imalanii turan.

Haata’u malee waliigalteen waraana dhaabuu namoomaa mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF jidduutti baatii shaniif ture xumura baatii Hagayyaa irratti cabuun waraanni akka haaraatti eegaleera.

Haala waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamuu ilaalchisee maloonni komunikeshinii waan hin jirreef ifa ta’uu baatulleen, dhiheenya kana BBC suuraalee saataalaayitiin karaa daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa irratti looltoonnii fi meeshaan waaraanaa kuufamaa jiraachuu adda baasu gabaasee ture.

Ergamaan Addaa Ameerikaa kunis torban darbe keessa biyyisaanii looltoonni Ertiraa daangaa qaxxaamuruudhaan Itoophiyaa seenuu akka beekan kaasuun, kunis akka dhaabbatuuf gaafachunsaanii ni yaadatama.

Ammas Maayik Haamar daawwannaa isaanii Finfinneetti taasisuuf jiraniin, mootummaa Itoophiyaa fi qondaaltoota Gamtaa Afriikaa waliin wal arguun ni mari’atu jedha ibsichi.

Akkasumas Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa US kun, qondaaltoota Mootummoota Gamtoomanii fi kanneen namoota sababii waraana Kaaba Itoophiyaa fi hongeetiin deeggarsi barbaachisuuf gargaarsa namoomaa dhiyeessan waliin wal arganii ni mari’atu jedhamera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees, Ergamaan Addaa Haamar waraana dhaabuu fi haraara biyyaaleessaa mirkanneessuu keessatti barbaachisummaa itti gaafatamummaa dhimmoota mirgoota namoommaa cimsanii ni dubbatu jedhamee eegama.

Akkasumas ergamaan kun yaaliiwwan hooggansa Gamtaa Afriikaatiin dhimma Hidha Guddicha Abbayyaatiin waliigaltee fedhii paartiilee hundaa hammatuu irra akka gahamuuf taasifamaa fi naannoon naga qabeettiifi badhaadhoftuu akka jiraattuuf gumaatu akka jiraatu gochuu ilaalchisees marii ni taasisu jedhamee eegama.

Ergamaan Addaa kunis dowwannaa isaanii Keeniyaatiin qondaaltoota mootummaa, waltaatoota idil-addunyaa, dhaabbilee mit-mootummaa fi kanneen yaalii ijaarsa nageenyaa naannichaa keessatti hirmaatanii fi warra barbaachisuuf deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu mijjeessan biro waliin wal ni argamu jedheera ibsichi.

Marii Garee Hojii US-Afriikaa Kibbaa Fulbaana 27 Waashingtan keessatti haala Kaaba Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa ilaalchiisuun dhimmoota Afriikaa fi Idil-addunyaa jalatti marii’atame hordofuunis, Ergamaa Addaa Haamar gara Afriikaa Kibbaatti imaluun deeggarsa yaalii jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin hoogganamu cimsuuf qondaaltoota mootummaa biyyattii waliin ni mari’atamu jedhameera.