Pirojektii Maaddii Dhalootaf jedhuun qonnaan bultoonni magaala Hayiq beenyaa malee lafti keenya qotamaa jira jedhan

Madda suuraa, Komunikeeshinii Naannoo Amaaraa
Pirojektii Maaddii Biyyaaf jedhuun qonnaan bultoonni naannoo Amaaraa, Godiina Wallo Kibbaa naannoo Hara Loogoo jiraatan “beenyaan osoo nuuf hin kaffalaminiifi komiin keenya hin dhagahamin lafti keenya qotamaa jira,” jedhan.
Bulchiinsi magaala Hayiq gamasaan qote bultoota naannoo pirojektichi itti ijaaramuu ka’an 231 ta’aniif beenyan birria miliyeena 235 muramuufi qote bultoota ka’aniif akka qoodu beeksise.
Waggoota darbaniif MM Abiy Ahmad pirojektiiwwan “Maaddii Shaggar”, “Maaddii Biyyaa”, fi “Maaddii Dhalootaf” jedhan magaala Finfinneefi naannolee addaa addaa keessatti iddoowwan bashannanaafi hawwata turizimiif oolu jedhaman ijaarsisaa turan.
Naannoo Amaaraa keessaa bakkeewwan lama pirojektoota kana jala akka galuuf filatamaniiru. Kan jalqabaa Pirojektii Maaddii Biyyaaf jedhuun Haroo Xaanaa irratti ijaaramaa kan jiru pirojektii Gorgoraati.
Pirojektiin Haroo Loogoo ammoo naannichuma keessatti pirojektii “Maaddii Dhalootaf” kan jedhuudha.
Godiina Walloo Kibbaa Aanaa Tahuladaree keessatti kan argamtu magaala Hayiq irraa fageenya km3 fagaatee kan argamu yoo ta’u, lafa hektaara 13.6 irratti akka ijaaramu kantiiban magaala Hayiq Obbo Kadir Mohaammad BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti pirojektiin Haroo Hayiq irratti ijaaramu kun jalqabuuf qophiirra kan jiru yoo ta’u, bulchiinsi magaala Hayiq ijaarsa pirojektichaaf lafa akka qopheessu itti gaafatamni itti kennameera.
Pirojektiin “Maaddii Dhalootaf” jedhu kun mootummaa federaalan kan ijaaramu ta’us, beenyaa isaa namoota qe’eerraa buqqa’aniif kaffaluun naannicharratti kufuu himu Obbo Kadir.
“Qonnaan bultootaaf beenyaa itti fufiinsa qabu kennuufin barbaachisaa waa ta’eef, qajeelfamarratti hundaa’uun qorannoon xumuramee baajannis gadhiifameera,” jedhan.
Manni maree naannoo Amaaraa beenyaa qonnaan bultoota qabeenyasaanirraa buqqa’aniif oolu birria miliyeena 235 raggaasisuu hojii gaggeessaa Biiroo Lafaa naannichaa kan ta’an Obbo Sisaay Daamxee BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bajata kana keessaa birriin miliyeenni 25 kaffaltii loojiif akka oolus himan.
Qonnaan bultoonni kun beenyaa argataniin gurmaa’uunis ta’ee dhuunfan hojiilee garaa garaa keessa galuu akka danda’an himuun garuu beenyaa maallaqaan malee bakka qe’eessanirraa buqqa’an lafti biraa akka hin kennamneef kaasu Obbo Sisaay.
Qondaalonni naannichaa kana haa jedhan malee qotee bultoonnifi abbootin qabeenyaa loojii lama beenyaan qabeenyasaanif akka kaffalamuuf itti himame xiqqaa akka ta'e BBCtti himan.
Qonnaan bultoonni akka jedhanitti omishni qe'eessanirratti argamu, bajata omishaaf ramadameen yoo wal-bira qabamu xiqqaadha.
Obbo Jamaal Alii qonnaan bulaa yoo ta'an, lafa kaaree meetira 550 irratti avokaadoo omishuu himu. Kuduraafi fuduraa lafasaanirra jiru dabalatee lafasaanif beenyan murtaa'e birrii kuma 926 qofaa akka ta'e BBCtti himan.
Lafa kaaree meetira kuma sadi ta'urratti xaafifi kuduraafi muduraa akka omishan kan himan Obbo Sayid Muhee ammoo lafasaanirratti waggaatti hanga si'a sadii omishuu akka danda'an ibsuun beenyan isaanif kenname birii miliyeena 1.3 qofaa ta'uu ibsuun komatu.
Qonnaan bultoonni kun lafasaanirraa beenyaa fudhatanii akka ka'aniif xalayaan gaafa Mudde 17, 2016 ALItti isaan qaqqabuu BBCf kan mirkaneessan qotee bultooni kun, guyyaa xalayichi isaan qaqqabee kaasee lafasaanii akka kennan xalayaan kun ni ibsa.
Haa ta'u garuu, beenyaa xalayicharratti isaanif eerame hanga ammaa akka hin isaan hin qaqqabne himatu qote bultoonni kun. Akka qotee bultoonni kun jedhanitti, komiin isaan kaasan dhageettii osoo hin argatin laftisaanii 'doozaraan' qotamaa jiraachuu himatu.
Komii qotee bultoonni kaasan ilaalchisee kantiiban magaala Hayiq Obbo Kadir BBCtti akka himanitti beenyan murtaa'e harka qotee bultootaa akka hin geenye mirkaneessun bajanne naannichi murteesse bulchiinsa magaalaa akka qaqqabeefi lakoofsa herreega qote bultootatti galii godhamuuf akka jirus himan.












